Dubartiin waa’ee gadda du’a abbaa manaashee kitaaba barreessite, ajjeechaa isaan himatamte

Koorii fi Eerik Richins

Madda suuraa, FACEBOOK/KOURI RICHINS

Du’a tasaa abbaa warraa ishee booda waa’ee gaddaa irratti dubartiin kitaaba ijoollee barreessite, ajjechaa abbaa manaa isheen himatamte.

Jiraattuu Yutaah, US, fi haadha ijoollee sadii kan taate Koorii Richinsi, Bitootessa 2022 keessa halkan tokko poolisiitti bilbiluun abbaan warraa ishee Eerik Richinsi “qaamni isaa tuqnaan cabbaa’eera,” jechuun itti himte.

Abbaa warraa isheef dhugaatii vodka walitti maktee kenniteefii sa’aatii muraasa booda yeroo agartuun of wallaalee akka ture anga’ootatti himte.

Boodarra Eerik kan du’e sababa qorichi samuu hadoochu fentanyl jedhamu heddumminaan qaama isaa waan seeneef ta’u ogeessi fayyaa argateera.

Hanga fentanyl qaama Eerik keessa ture nama ajjeesuuf ga’aa isa ta’eerra dachaa shan baayyatu ta’uu ogeessi fayyaa kun eereera.

Ragaalee mana murti akka mul’isanitti, Mudde 2021 fi Guraandhala 2022 gidduutti Kooriin, nama kanaan dura qoricha sammuu hadochan gurguruun to’annoo jala oolee ture waliin bilbilaan walii barreessaa turte.

Kooriin jalqaba irra qoricha hydrocodone jedhamu erga nama kanarraa argattee booda, wanta kanarra cimaa ta’e – keessumattuu fentanyl – akka isheef kennuuf ragaaleen mana murtii ni eeru.

Qoricha sammuu kana Kooriin erga argattee guyyaa sadii booda, ishee fi abbaan warraashee guyyaa Valentaayiniif irbaata waliin erga nyaatanii booda, abbaan warraashee Eerik akka dhukkubsatee ture himameera.

“Eerik akka summeeffamaa jiru amana ture. Hiriyyaa isaatti haadhi warraa isaa summii isa ajjeesuuf yaalaa jirti jedhe akka yaadu itti himee ture,” jedha ragaan mana murti.

Akka manni murti jedhutti, torban lama booda, Kooriin qoricha fentanyl dabalataa argatte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bitootessa 4 halkan walakkaa irratti, Kooriin poolisiitti bilbiluun abbaa warraashee of wallaalee argachuu ishee akka itti himte abbootiin alangaa ni himu.

Angaa’otatti akka himteetti, abbaa warraa isheef dhugaatii vodka utuu inni siree keessa jiruu erga kenniteefii booda mucaa ishee tokko waliin deemtee rafte. Sana booda kutaa isaaniitti yemmuu deebitu Eerik of wallaalee “qaamni isa cabbaa’ee” argachuu ishee himte.

Himatni ajjeechaa kana kan dhufe, Kooriin kitaaba ijoollee “Are You With Me?” jedhu, kan gadda du’a maatii irratti ijoollee gargaaru erga barreessitee ji’oota lama boodadha.

Kitaabni kun ishee fi ijoollee ishee dhiiraa sadaniif “nagaa” akka fidu raadiyoo biyyatti KPCW jedhamutti himtee turte.

Gaffii fi deebii KPCW waliin ji’a darbe taasiste irratti Kooriin, “kitaaba kana kan barreessine nu qofaaf osoo hin taane, maatii biroo haala wal fakkaataa keessa jiraniif jajjabina ni ta’a jennee abdanneeti” jette.

Kitaaba kanas yaadannoo isaa abbaa warraashee Eerik Richiinsiif gochuun “abbaa manaakoo ajaa’ibaa fi abbaa gaarii” jechuun barreessitee turte.

Kooriin himata ajjeechaan dabalatee qoricha sammuu hadochuu GHB jedhamu of harkaa qabachuun walqabatee himatni lama irratti dhiyaateera.

Caamsaa 19 irratti dhaddachatti ni dhiyaatti jedhamee eegama.