Haati buddeenaa ijoollee lama ajjeestee miliquun shakkamte 'osoo of ajjeesuuf yaaltuu' qabamte

Shakkamtuun Nagaasee Kabbadaa Birrii

Madda suuraa, Qajeelcha Poolisii Buraayyuu

Haati buddeenaa ijoollee obbolaa lama haala sukkaneessaan ajjeeftee miliquun shakkamte kutaa magaalaa Buraayyuu iddoo addaa Saansuusii jedhamutti to'annoo jala ooluu Poolisiin hime.

Jimaata darbe Caamsaa 5, 2023 Kutaa magaalaa Buraayyuu aanaa Kattaa iddoo addaa Buraayyuu sadaffaa jedhamutti haati buddeenaa ijoollee abbaa warraashee lama irratti yakka ajjeechaa sukaneessaa raawwachuun shakkamtee Poolisiin barbaadaa ture, Kibxata Caamsaa 9, 2023 to'annoo jala oolte.

Qaajelcha Poolisii Buraayyuutti kutaa qorannoo yakkaa keessa kan hojjetan Saajinii Olaanaa Qananiisaa Taaddasaa yaada BBC'f kennaniin Kibxata har'aa naannoo sa'aa sagaliifi walakkaatti aanaa Ejerssa Gooroo bakka addaa Saansuusii jedhamutti eeruu uummataan qabamtee jedhan.

Haala itti to'annoo jala oolte yoo himan ''bosona keessatti of ajjeesuudhaaf osoo deemtuu uummatni argee poolisiif eeruu kenne. Yeroo qaqqabnu barakiinaa bitattee shaashii ishee mukatti dhahattee of ajjeesuuf osoo yaalii gochaa jirtuu qaqqabne.''

Shakkamtuun Nagaasee Kabbadaa Birrii jedhamtu barii Sanbata xiqqaa darbee ijoollee abbaa warraa ishee lama umriin isaanii ganna 13 fi afuriif walakkaa ta'an ''aalbeen qaltee boodas ibidda itti qabsiisuun ajjeefte'' jedhamuun barbaadamaa turte.

Saajin Qananiisaan shakkamtuun kun amma to'annoo jala waan jirtuuf nagaa guutuun jirtii jedhaniiru.

Shakkamtuu kana to'achuuf suura ishee bakka hedduutti raabsuu kan ibsan Saajin Qananiisaan, amma ''galmee ishee qulqulleessuun yakkicha raawwachuun ishee ragaan erga mirkanaa'ee booda adabbii barsiisaafi maluufitu kennama'' jedhan.

Saajin Qananiisa maatii ishee waayee amala shakkamtuu kanaa gaafachuu fi maatiin shakkamtuun kun ''amala hammeenyaa fi gara jabummaa akka qabdu himuu dubbatan.

Amma dura yakka keessatti hirmaachuu fi dhiisuun kan hin ibsamne ta'us, ''ijoollummaa ishee waggaa 10 kaasee fira biratti guddatte'' jedhamuu himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan ijoollee ajjeefaman kanaa obbo Getaahuun Geetaahuun Baalchaa haadha warraa isaanii erga fuudhanii reefu ji'oota muraasa ta'e kana waliin dhimma qabinsa ijoollee isaarratti waldhabuu yaada BBC'f kennaniin himanii turan.

Galgala ijoolleen isaa haala sukkaneessaa ajjeefamanitti dhimmuma ijoollee isaa irratti walitti dubbatanii ''sirraa gargar bahee ijoollee koo guddisuun barbaada'' ittiin jechuu himan.

Barii yeoo hojiidhaa deebi'an balballi manaa banamee ijoollee isaaniitti ibidii qabatee akka argan achiis manaa baasanii akka of wallaalan dubbatan.

Poolisiin Buraayyuu eeruu uummataan bakka yakki kun raawwate qaqqabee ijoollen haala sukkaneessaan ajjeefamuu hubateera.

Fayyaa sammuu dubartii shakkamtuu irratti ammatti qorannoon godhame jiraachuu baatus Saajin Qananiisan fayyaan sammuu ishee nagaadha amantaa jedhu qabu.

Hawaasni to'atamuu shakkamtuu kanaa irratti qooda guddaa bahuu dubbachuun maatiin hojjettuu yeroo qacarus ta'e nama gara ofiitti yeroo maku eeggannoo akka gochuu qabu Saajin Qananiisaan dhaamaniiru.