'Galgala gargar baana waliin jennee ani hojiittan bahe' - Abbaa ijoollee haadha buddeenaan ajjeefamanii

Madda suuraa, Qajeelcha Poolisii Buraayyuu
Akeekkachiisa! Odeessi kun miira keessan jeequu mala.
Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Buraayyuu keessatti haati buddeenaa ijoollee lama haala sukaneessaan ajjeefte barbaadamaa akka jirtu Poolisiin himeera.
Qajeelcha poolisii kutaa Magaalaa Buraayyuutti damee qorannaa yakkaa keessa kan hojjetan Saajin Olaanaa Qananiisaa Taaddasaa yaada BBC'f kennaniin, Jimaata darbe jechuunis Caamsaa 5, 2023 aanaa Kattaa iddoo addaa Buraayyuu sadaffaa jedhamutti haati buddeenaa ijoollee abbaa warraashee lama irratti yakka ajjeechaa sukaneessaa raawwachuu himan.
Yakki kun tilmaamaan halkan keessaa sa'a sagaliitti akka raawwatame Saajin Qananiisaan himaniiru.
''Shakkamtuun Nagaasee Kabbadaa Birrii jedhamtu ijoollee abbaa warraa ishee morma isaanii billaan murtee, bakka isaan ciisanitti uffata halkanii irra buuftee, ibidda itti qabsiiftee miliqxeetti.''
Abbaan ijoollee kanaa Obbo Geetaahuun Baalchaa bakka qalma horii waan hojjetuuf gaafa Jimaataa yakki kun raawwate galgala haadha warraa isaa kana waliin dhimmuma ijoollee isaarratti walitti dubbatanii akka manaa bahe akka ture gaddarra osoo jiru BBC'tti himeera.
''Waayeedhuma ijoollee koorratti walitti dubbannee ture. Akkas taanaan gargar baana jennee. Isheenis ani nan deema ati hin jiraatta naan jette,'' jechuun dubbii isa dhumaa afaan isheerraa dhagahe hima.
Barii Sanbata xiqqaatti yeroo manatti deebi'u waan arge akkasii hime.
''Halkan sa'aa sagalii booda hojiidhaa yeroo deebi'u balballi manaa banaa ture, yeroon alaa ol galu ibiddi boba'aa jira. Ijoollee koo gaafan sireerra ilaalu aaratu ukkaamse jedhee gadi isaan guure.
Yeroos mucaan koo inni dhiiraa guggubateera. Mucaa koo ishee xiqqoos baase. Alatti ergan baase irra ciiseen of wallaale,'' jechuun taatee ijoolleesaa mudate himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Luubbuun waan jiran se'ee isaan baasuufi booda lubbuun akka hin jirre baru hima. Haala ajjeechaa isaaniis booda hawaasa naannooofi poolsii irraa dhaguu dubbata.
Obbo Geetaahuun battala ijoolleen isaa du'uu hubate riifaachuun achumatti of wallaalee erga kufee guyyaa lama booda Dilbata akka of bare Saajiin Qananiisaa fi hiriyaan isaa dhiyoon BBC'tti himaniiru.
Obbo Geetaahuun yeroo walitti dubbatan san wanta dhaadachuus ta'e gocha akkasii gochuu akka dandeessu wanta akeeku akka irraa hin argine dubbate.
''Ijoollee koo guddisuun barbaada, gargar baanan jedheen...eeyyen ani nan deema ati hin jiraatta naan jette. Waan kana qofa natti dubbatte. Shakkii wanta akkasii ijoolleekkorra, maatii koorra hin gaha, bineensumarrayyuu ni gaha jedhee hin yaadu,'' jedhu.
Ijjoolleen ajjeefaman dhiira ganna 13 fi dubartii waggaa afuriif walakkaati.
Obbo Geetaahuun bara 2013'tti haadha ijoollee isaa du'aan dhabuu isaa booda ji'a Muuddee darbe shakkamtuu kana kan fuudhe.
Yeroo walfuudhanis waayee ijoollee isaa itti himee wal-amaniin akka ta'e dubbata.
Erga haati ijoollee isaanii duutee booda ijoolleen akaakaa isaanii bira akka turaniifi ''abbaan koo Hagayya darbe boqochuu isaan booda ijoolle ofiin guddisuuf fudhadhe,'' jedhu.
''Mana abbaa qorqoorroo 12'ti wanti akka saaxinii firaashii gubateera garuu sireen ijoolleen irra rafan homaa hin gubanne. Waan ishiin goote hin beeku daa'imman koorra akkamitti akka gootes hin beeku.''
Shakkamtuun kun eenyu?
Saajin Qananiisaan hawaasni naannoo eeruu kennuu iraa kaasee barbaacha shakkamtuu Nagaasee Kabbadaa Birrii jedhamtu kanaarratti si'aayinaan hirmaachaa akka jiru himaniiru.
Sabbataa hanga Ambootti dubartii shakkamte kanaan nama walfakkaatee miseensa maatii ishee to'annoo jala oolchuus dubbatan.
Poolisiin maqaa fi suura shakkamtuu kanaa miidiyaa hawaasaa dabaltee karaa adda addaan raabsee to'annoo jala akka ooltu hojjechaa jira.
Dubartiin kun amma dura waggootaa fuiif biyya Arabaa hojiif imaltee akka turteefi ergasiis naannoo amma jiraattu ''mana shiroo wayii'' banatte hojjeechaa turte odeeffannoo argachuu Saajin Qananiisaan himaniiru.
Gaa'ila kana dura aanaa Ejersa Gooroo jedhamu mana kireeffattee akka turte himaniiru.
Matiin ishee biyya alaa dhaqxee deebi'uu ragaa kennuus dabalanii himaniiru.
Reeffii ijoollee erga Hospitaala Phaawuloositti erga qoratamee booda Sanbata xiqqaa darbe sirn awwalcha saanii aanaa Kattaa mana amantaa Madaanaalamiitti raawwatameera.








