Waa'ee barsiisa amantii 'hamaa' Keeniyaatti lubbuu namoota 90 olii galaafatee maal beekna?

Madda suuraa, EPA
Tibba kana Keeniyaatti hordoftoota mana amantaa 'Good News International' jedhamutti 'barri dhumaa gahaa jira' jechuun sooman ykn nyaata lagatan keessaa 90 ol du'aniiru.
Awwaalli namoota kanaas jumlaadhaan bakka gara garaatii poolisii biyyatiin qotamee bahaa jira.
Namni mana amantaa kana gaggeessu Makeenzii jedhamus to'annoo jala oolfameera.
Taateen kun garuu Keeniyaa keessatti ijoo dubbii ta'eera.















