UKtti barumsa 'falfalaan' digriin lammaffaa kennamuufi

Bara dhufuu kaasee UKtti 'barumsa falfalaatiin' digriin lammaffaa kennamuuf akka jiru Yuunivarsitiin Egziitar jedhamu beeksise.
Yuunivarsiitin kun bara 2024 irraa kaasee 'falfala barsiisuun" digrii lammaffaan akka eebbisiisu kan beeksise yoo ta'u barumsa 'falfalaaa' (magic) barsiisuun yuuniuvarsiitii jalqabaati jedhama.
Yeroo dhiyoo as namoonni waa'ee 'falfalaa' barachuuf fedhiinsaanii dabalaa dhufuurraa kan ka'e yuunivarsiitichi gosa barnootaa "Magic and Occult Science" jedhuun Maastarsii barsiisuf akka murteesse dubbatan gaggeessaa gosa barumsa kanaa kan ta'an Pirofeesar Emilii Seloov.
Angawoonni yuunivarsiitichaa akka jedhanitti baruumsi 'falfalaa' kun seenaa akkasumas dhiibbaa falfalli hawaasafi saayinsiirratti qabu qorachuuf carraa kan uumudha.
Baruumsi kun waggaa tokko qofa kan barsiifamu yoo ta'u bara 2024 ji'a Fulbaanarraa kaasee eegalas jedhame.
Beektonni seenaa, hog-barruu, falaasamaa, arkiyoolojii, sosiyoolojii, diraamaafi amantii falfalli (magic) biyyoota Lixaafi Bahaa keessatti gahee maalii akka qabu dhiyeessurratti gaheesaanii ni bahatus jedhame.
"Dhiyeenya kana waa'ee falfalaafi tolchaa irratti fedhiin namoonni dhaabbilee barnootaa keessa jiraniifi isaan ala jiran agarsiisaa jiran gaaffin hawaasa keenyaa cimaan akka jiru agarsiisa," jedhan Pirof. Emiliin.
Akka isaan jedhanitti baruumsa 'falfalaa fi saayinsii tolchaa' kana keessatti sirna gita bittaa keessatti aadaafi duudhaa badan akka deebi'an fa'aa ni barsiifama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Ilaalcha sirna gita bittaa keessatti ijaarame diiguu (decolonisation), waa'ee uumamaafi dandeettii dhala namaa filannoo yaadaa jiru qorachuu, feminizimii, jibba sanyii hambisuu fa'aan wantoota ijoon sagantaa baruumsa kana [falfala] keessatti barsiifamaniidha," jedhan.
Baruumsi kun yuunivarsiiticha keessatti [muummee] Institute of Arab and Islamic Studies jalatti kennama.
"Baruumsi MA [falfalaan digrii lammaffaa fudhachuu] kun ilaalcha warri Lixaa bakka ilaalchi sirriifi saayinsiin itti dagaage, addunyaan biroo ammoo addunyaa falfalliifi tolchi itti dagaagedha jedhamu namoonni irra deebin akka ilaalan taasisa," jedhan Pirof. Emiliin.
Yuunivarsiitin UK kun akka jedhetti barattoonni baruumsa 'falfalaa' baratanii gaafa eebbifaman hojiiwwan akka barsiisuu, gorsa kennuu, hojii hambaaleefi godambaa, turizimiifi aartii fa'aa irratti bobba'uu danda'u.
Kitaaba ittiin baratan keessatti bineensi akka jawwee guddaa balali'uufi abidda tufu hogbarruufi aartii warra Lixaa keessatti, durdurii Mootii Artar, Paalewoogirafii, barsiisa Islaamaa, tiwoorii arkiyolojii, shaakalaafi suura dubartii Bara Giddu Galeessaa keessatti kan jedhaman fa'aa ni hammatamu.












