Miidhaa saalaa ijoollee dhiiraa Gaaboonirratti gahaa ture qorannoon BBC saaxile

Gaabooniitti qaamooleen kubbaa miilaa dursan ijoollee guddattoota miidhaa saalaa irraa eeguu dadhabuun himatame.
Sagantaa BBC Africa Eye raga baatoota 30 dubbisuun, hidhanni gochaa kanaa sadarkaa hundarratti waggoota 30n darbaniif akka ture dubbatan.
Akeekkachiisa: barreeffamni kun qabiyyee isin aarsuu danda’u qabaachu mala
Himannaan miidhaa saalaa biyya jidduugala Afriikaa kan taate Gaaboon kunis kan jalqaba 1990motaa eegaluudha.
Miidhamaan maqaansaa akka hin eergamne gaafate tokko, waan yeroo inni mucaa waggaa 17 gadi turetti kaampii kubbaa miilaa keessatti isa mudate dubbata.
Inniifi hiriyaansaa alkan walakkaa irriibarraa kaafamuun gara kutaa ibsaa diimaafi dhiironni qullaan keessa guutanitti geeffamuu dubbata.
‘‘Isaanis anaafi hiriyyaa koo tuttuquu eegalan, garuu omaa hin barre ture. Anis kadhannaa taasisuun eegale. Bahuun barbaade, garuu karri cufameera. Na butanii lafarratti na kuffiisan. Nagaa eegdonni lamas turan. Isaanis waan qophaa’an fakkaatu,’’ jechuun ibsa.
"Attamiin akka hiriyaakoo gudeedduu eegalanan arge. Ija keessa wal ilaalle. Innis callifnee kan barbaadan haa raawwan kan jedhu fakkaata. Ani garuu na boohe, nan iyyees.''
"Isaanis yoon waa’ee kana maatiis ta’e nama tokkootti hime, akka lammata kophaa hin tabanneef akka hin filatamne fi akka na ajjeesan natti himan.’’
Innis gonkumaa Gaabooniif hin tabanne.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggootaaf waan ta'aa jiru kana ilaalchisee aanga’ootatti himuuf yaaliin garaa garaa taasifamaa turuu BBC Africa Eye dhagaheera.
Bara 2019 keessa, lammiin Gaaboon taphataan kubbaa miilaa idil-addunyaa duraanii, Paarfa’it Doong akaadaamii kubbaa miilaa mataasaa hundeessuuf gara biyyaa deebii’e.
Innis seenaa tapha Awurooppaa keessaatiin kubbaa miilaa Gaaboon biratti maqaa guddaafi ulfina qaba.
Waan ta’aa jiru wayita irra qaqabuuttis, aanga’ootatti himee akka ture dubbata.
‘‘Tarkaanfiiwwan naaf danda’aman hunda fudhahdeen ture,‘‘ jechuun BBC’tti hime. Itti dabaluunis, pirezidantii Liigii, pirezidantii federeshiniin kubbaa miilaa biyyaaleessaa kan Fegafoot jedhamuufi ministira ispoortii yeroo sanaatti dubbachu yaadata.
Ergaa yaaliiwwan kunneen hundi didameen boodas, miidiyaa biyya keessa bira dhaqulleen, ‘‘Waanan ani jedhu kan na dhagahu barbaade tokko hin turre,’’ jedha.
Ergara gaazeexaan UK Gaaridiyaan jedhamu Muddee 2021 keessaa waa’ee miidhaa kanaa gabaaseen booda ture, kan leenjiiftoonni afur to’ataman. Sadan isaanii ammas hidhaa keessatti argamu.
Paatiriik Assoumou Eyi, kana ‘Kapalloo’ jedhamuun beekamus himannaa cimaa kana keessatti argama. Waggoota kurnaniif hoogganaa garee dargaggoota biyyaaleessa Gaaboon ture. Kapalloo’n aangoo eenyuu akka Gaabooniis tapahatu murteessuu qaba ture.
‘‘Sirumaa baayyeen waan isa waaqeessaniif sadarkaa waaqaa qabatee ture. Kanneen jigguugalawwan leenjiifi akaadaamiiwwanii isa waaqeessu’’ jedha Doong.
Muddee 2021 keessa, koreen naamusa walabaa Fifa gabaasaalee miidhaa saal-quunnamtii Kapalloo irratti dhiyaatan kan jalqabaa qorachu eegale. Boodas sochiilee kubbaa miilaatiin wal qabatan hunda keessa ari’ate.
Qorannoon kunis lafarratti koree naamusaa haaraa Fegafoot hundeesseen gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, Caamsaa 2022 keessa gareen qorannoo Fifa qorannoo jalqabaa seera qabeessa taasise.

Loyis Alvis, Fifpro keessatti gorsaa seenaa gameessaf, gamtaan tabattoota kubbaa miilaa addunyaa, jalqaba Fegafoot’n akka qorannoo ‘‘kan sadarkaa hundarratti fedhiin walitti bu’uu kana’’ akka hogganuu gaafatame.
‘‘Miidhamaan attamiin dhaabbata miidhaa irraan gahe amanu danda’a?’’ jechuun gaafata. Kapalloon himannaa taphattoota dargaggootaa gudeeduu, miidhaa irraan gahuu amanamuun hidhaa keessatti murtee eeggataa jira. Leenjiiftoonni hidhaman kaan himannaa isaan irratti dhiyaate ni haalan.
Aanga’oonni mootummaa kam waa’ee dhimma kanaa akka beekaniifi yoo akka ta’e gaaffiin ka’aa jira.
Aleeksi, kan maqaansaa jijjirame, karaa gulantaalee dargaggoota Gaabooniin carraa argatee Awurooppi keessatti taphachu deeme.
Innis sababii amma biyya keessa hin jiraanneef ifatti akka dubbatu BBCtti hime. Osoo biyya keessa jiraatee balaarra bu’uu akka malu dubbata.
‘‘Kanaaf, Kapalloo to’annaa jala oolchan illeen garuu, yeroodhaaf dhimmicha quba qabaatan illeen omaa maaliif hin raawwanne? Ni dhiisan. Dhimmichis dakaa hanga gubbaatti deeme, garuu ammo dhoksuuf omaa gochu hin dandeenye. Kapalloon nama xoosii (scapegoat) ta’e. Dureewwanitu gubbaadhaa hojiirra oolchuu qaba ture.’’
Tapahataa kubbaa miilaa gara biraa, kan Juliyeen jechuun waamnu, yeroo mucaa umuriinsaa wagga 14 jiruutti miidhaan irra gahu dubbata. Waggoota dheeraaf garee biyyaaleessaa Gaabooniif kan taphate yoo ta’u, lakkoofs ijoollee dhiiraa miidhaan irra gahee adda baasuun cimaa ta’u amana.
‘‘Leenjiiftoonni meeqaa ijoollee dhiiraa irraan miidhaa akka gahaa turan hin beeku, garuu ammatti dhimma Kapalloo qofa haa ilaallu. Innis baayyee kan beekameefi wagga 25-30f kana raawwataa kan tureedha. Waggaa hunda ijoollee dhiiraa 50 ykn caalaadhaan himataa ture,’’ jedha.
‘‘Namoonni meeqa kana keessaa harka akka qaban haa ilaallu. Waa’ee ijoollee dhiiraa kumaatamaati dubbataa jirra.’’
Hogganaan Fegafoot, Pii’er -Aleen Mangungii aangoo akka gadi dhiisuuf waamichi taasifamufille, aangoorra turuun Ebla 2022 deebiifamee filatame.
Obbo Alivees ari’atamu akka qabu amanu. ‘‘Ciminni gochaa himannaan haguuguu filannichaan dura battalatti ariisiisuu ykn yeroof dhaabsiisuu qaba ture.’’
Akka dursaa Fegafoot’tti Obbo Mungungiin, waan ta’aa jiruu wallaaluusaatii fi ykn gabaasaalee waggaaf dhiyaataa turan haguuguudhaan balleessa qaba jedha.
Irra deebiin filatamee torban sadiin booda, Obbo Mungungiin hidhamuun
‘‘yakkicha gabaasuu diduudhaa’’ himatamee ture.
Akka Kapellootti garuu Fifan hojiirraa isa hin ariine waan ta’ef mana hidhaatii Fegafoot hogganuu itti fufe.
Imaammanni eegumsa daa’immanii Fifa, ‘‘Hanga qorannoon qaama alaatiin gaggeeffamuutti hojjataa hojjiirra dhaabuun hojimaata idileeti,’’ jedha.
Taphataan duraanii Gaaboon Idl-addunyaa, Riimii Ebaanegaa, kan gamtaa tapahattoota kubbaa miilaa biyyattii jalqabaa 2014tti hundeesses, akkuma Noongi, tapahattoota Gaaboon beekamoo ifatti dubachuu akka danda’u itti dhagahamu keessa tokko.
Miidhaan isarra gahuu baatulleen, garuu hiriyoota miidhama hedduu akka qabu dubbata.
‘‘Sirni haqa biyyattii pirezidantii federeshinii hidheera. Garuu Fifan omaa hin gone. Akka Kapallootti maaliif wayita dhimmichi qoratamaa turetti hojiirraa hin dhaabsiifamne?‘‘ jedha.
"Osoo mana hidhaa jiruu federeshinicha hogganuu itti fufe. Kun biyya biraatti raawwatamusaa hin beeku.‘‘
Caamsaa 2022 keessa, Fifa’n ifatti Kapalloo,leenjiiftoota biraa lamaa fi dursaa liigii kubbaa miilaa hojiirraa ari’ate, garuu ammoo Obbo Muungungii hin adabne.
Haaluma walfakaatuun, Konfadareshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) hanga mirkanaa’uutti Obbo Muungungiin akka qulqulluutti ilaalamu qaba jechuun Ministira Ssporii yeroo sanaa, Firaank Nguemaadhaa Ebala 2022 keessa xalayaa barreessuun hidhamuusaa murme.

Isaan boodas pirezidantiin CAF, Paatiriik Motseppi baatii afuriin booda mana hidhaatti dursaa Fegafoot dowwate.
Erga gara baatii jahaa mana hidhaatti dabarseen boodas, Obbo Muunguungiin yeroodhaaf gadi dhiifame.
Torban sadiin booda ammoo, sirna baniinsa Waancaa Addunyaa 2022 kann Kaatariitti gaggeeffameerratti osoo pirezidantii CAF hammatuu suuraan agariiseera.
Ebaaneegaadhaaf, dursaa Fifa’tiin Kaatariitti affeeramunsaa akka waan qaamni kubbaa miilaa hogganu hojii Fegafoot’tti gammadeetti akka fudhatamu taasifame.
"Federeshinichi gochaa miidhaa quunnamtii saalaa irratti tarkaanfii waan hin fudhanneef hojii gaariidha jedhamaa?‘‘
Baatii sadii dura ammoo, Obbo Muungungiin Caf keessatti miseensummaa koree hojii raawwachiftuu ta’un sadarkaa olaatti filataman. Torban darbes Kaayiroo keessatti sirna biyya keessimostoota Kuphaa Miilaa Afriikaa irratti labsame irratti hojii gaggeessitoota CAF waliin mul’atan.
Erga himannaa irratti ka’u miidiyaalee idil-addunyaatiin saaxilamee waggaa lama darbulleen, aanga’oonni gurguddoon Fegafoot keessaa ammas aangoodhumarra jiru.
‘‘Sababii wanti jijjiramee omtu hin jirreefuu, sirnichi akka itti fufuun amana,’’ jedha Ebanegaan.
Namoota dhimma miidhaa kanaa BBCtti dubbatan hedduun, ammalleen ijoollee hedduun balaarra akka jiran sodaa qabaachu himu.
‘‘Miidhaan kuna ammaleen raawwatamaa akka jiruu nan amana,’’ jedha Juuleen.
BBC Africa Eye himannaawwan kanan kana hunda Fegafoot, CAF fi Fifa’f dhiyaateera. Paartiileen hunduu miidhaa ijoollee irratti karaa kamiinuu raawwatamu cimsanii balaaleeffatan.
Fegafoot fi Obbo Muungungiin garuu himannaawwan isaan irratti dhiyaatee hundaa haaluudhaan, yeroo miidhaan saal-quunnamtii kubbaa miilaa Gaaboon keessatti mudachuu ummatatti ifa ta’eetti, tarkaanfii barbaachisaan fudhatameera jedhan.
Itti dabalunis, sababii korichi kan ahaaluma seerawwan fedreshinachaatiin kan hundeeffame waan ta’ef qorannoo koree naamusa Fegafoot baatii Muddee 2021 irratti qeequmsa dhiyaatu kamu hin fudhannu jedhan.
Fifa fi CAF lamaanuu himannaa isaan irratti dhiyaate haaluun, qorannoon Fifa Caamsaa 2022 keessa hundeesse ammalleen adeemaa jira jedhan.
Qaamooleen lamaanu, qorannoon isaan gaggeessaniis haaluma Koodii Naamusa Fifa, Dambii Mana Murtii Ispoortiif, Mirga Namoomaa Mana Murtii Awurooppaa fi Seera Siwiiziitti kaa’ameen kan gaggeeffame ta’u kaasan.
Caf ammo Obbo Motseppeen Gaaboon kan dursanii doowwatanis, aanga’oota qorannicha gaggeessan deeggaruufi miidhaa saal-quunamtii kamuuf obsa akka hin qabaannee xiyyeeffannaa kennuuf jedhe.
Akkasumas Obbo Muungugiin wayita Obbo Mootseppeen nagaa waligaafataniitti keessummaa kuphaa miilaa addunyaa ta’usaafi himannaan hin xumuramne tokkollee akka irra hin jirre kaase.
Obbo Nguumaa kan erga fonqolcha baatii darbeen wal qabatee aangoo ministirummaa Ispoortii irraa kaafaman, dhimmi miidhaa quunnamtii Saalaa osoo ifa hin taasifamiin dura qaama kamiinu akka itti hin himamne cimsanii haalan.












