Puutiin ilma aangooftuu CIA Raashiyaaf osoo loluu Yukireenitti ajjeefameef badhaasa ergamaa Tiraampitti ergan

Maayikeel Giloos Mooskootti

Madda suuraa, Michael Gloss / via Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Maayikeel Giloos kan umuriinsaa waggaa 21 bara darbe ture kan Yukireeniin ajjeefame

Pirezidanti Viladmiir Puutiin daareektara ittaantuu dhaabbata basaasaa Ameerikaa (CIA) kan ilmishee osoo Raashiyaaf loluu waraana Yukireeniin jalaa ajjeefame, karaa jila Doonaald Tiraampiin badhasa ergan.

Puutiin badhaasa Ajaja Leeniin (Order of Lenin) jedhamu Istiiv Wiitkoof'tti kan kennan wayita karoora waraana Yukireen xumuruuf irratti mari'achuuf torban kana gara Moskootti imala taasisan ta'u, maddeen dhimma kana beekan michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS'tti himaniiru.

Maayikeel Giloos kan umuriin waggaa 21 fi bara darbe Yukireen keessatti ajjeefames, ilma Juuliyaan Gaaliinaa, CIA'tti itti aantuu daayreektaraa kalaqa dijitaalaa kan taateeti.

Gabaasni badhaasa kanaa kan dhagahame, yeroo Tiraamp fi Puutiin Jimaata dhufu Alaskaatti wal arguudhaan egeree waraana Yukireen irratti akka mari'atan mirkanaa'eettiidha.

Badhaasni bara Sooviyeetiitti namoota tajaajila olaanaa kennaniif kennamu 'Ajaja Leeniin' kun Maayikeel Giloos'f kennamu ilaalchisee Kiremiliiniis ykn Minsteera dhimma Alaa Raashiyaa irraa ifatti wanti jedhame hin jiru.

Namni kunis badhaasa kana argachuudhaaf hojii maalii akka hojjates kan ibsame hin jiru.

Waayiti Hawuus, CIA fi Wiitkoof dhimmicharratti yaada akka kennaniif gaafatamanis deebii hin kennine.

Duutii Maayikeel Giloos yeroo jalqabaatiif kan dhagahame Ebla darbe miidiyaalee Raashiyaatiin ture.

Vilaadmiir Puutii fi Istiiv Wiitikoof

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Vilaadmiir Puutiinii fi Istiiv Wiitikoof guyyaa Roobii Mooskootti wal arganii ture
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oduun du'a isaa dhagahamee baatii tokkoon booda CIAn ibsa baaseen, Maayikeel dhukkubsataa sammuu akka tureefi duutii isaa dhimma nageenya biyyaaleessaa akka hin taane ibsee ture.

Maddeen dhimmichaatti dhiheenya qaban CBAtti Maayiikiil hojjataa CIA akka hin turre dubbataniiru.

Maddeen dabaluudhaanis, Kiremiliin bara 2023tti humna waraanaa Raashiyaatiif kan duulee Maayikeel ilama eenyuu akka ture akka hin beekne kaasaniiru.

Bara darbe dargaggoon kun suuraan inni 'Addabaabaayii Diimaa' Mooskootti ofii ka'e waltajjii miidiyaa hawaasaa irratti qoodee ture.

Maayikeel ''waraanaa bakka bu'ummaa Yukireen'' fi miidiyaaleen haguuggii waranaa kanaaf kennanii kan ''holola warra lixaa'' jedhan kufaa gochuun barreeffama qoodeen Raashiyaanoota irraa deeggarsa argateera.

Barreeffamni seenaa du'aa Maayikeeliin booda Sadaasa 2024tti maxxanfame akka jedhutti, baruma sana Ebla 4 ''Awurooppaa Bahaa keessatti ajjeefame'' jedha.

Ibsi CIAn waa'ee du'a isaa ilaalchiisuun ji'a afur dura kenneenii, Aadde Gaalinaa fi maatiinshee ''balaa dhuunfaa hin yaadamne'' akka isaan mudate ibseera.

Abbaan Maayikeel, Laarii Giloos, miseensa waraanaa duraanii lola Iraaqi yoo ta'an, Ebla darbe Waashingitan Poostiitti akka dubbataniitti, ilmisaanii bara jireenyasaa hunda rakkoo sammuutiin dabarse.

''Yaaddoon keenya inni guddaan gara biyyaatti akka deebii'u wayita eegnuutti, namni Mooskootti argamu tokko qabxiilee irratti qabachuun haatiisaa eenyuu akka taatee adda baasuun akka meeshaatti itti fayyadamuu danda'u kan jedhu ture'' jechuun abbaan Maayikeel Laarii Giloos dubbatatanii ture.