Vaansii fi Laamiin walgahii Tiraampiifi Putiin dura marii Yukireen gaggeessan

Madda suuraa, PA Media
Ittaanaan pirezdantii Ameerikaa JD Vaansii fi Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamiin walga'ii qondaaltota nageenyaa olaanoo naannoo Landanitti waliin waa'ee waraana Yukireen irratti mari'achaa jiran keessummeessaa jiru.
Sambata kaleessaa gara ganama Ministirri Muummee UK Kiir Israarmar bilbilaan pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskii waliin haasa'an yoo ta'u, ''adeemsa nagaa haqaafi waaraa mirkaneessuuf waltajjii murteessaa'' irratti mari'achuuf waliigaluu isaanii dubbataniiru.
Zelensikiin torban dhufu walgahii pirezdantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gidduutti, egeree waraanichaa irratti mari'achuuf gaggeeffamu dura, Raashiyaaf wabii daangaa tokkollee akka hin kennine cimsanii dubbataniiru.
Tiraamp kanaan dura Yukireen waraana kana xumuruuf lafa, waraana weerara guutuu Raashiyaatiin Guraandhala 2022 eegalame kennuu akka qabdu mallattoo agarsiisanii ture.
Walgahiin Sambataa kun kan gaggeeffamu Cheveening, mana jireenyaa baadiyyaa ofiisaa Laamii kan Kaawuntii Kent keessa, bakka Vaansii fi maatiin isaa yeroo ammaa jiraatanitti yoo ta'u, gaaffii US irraadhiyaateen ta'uunsaa hubatameera.
Qondaaltonni nageenyaa olaanoo Ameerikaa, Yukireenii fi Awurooppaa irraa dhufan walgahicharratti ni hirmaatu.
Traampii fi Puutiin Hagayya 15 Alaskaatti wal arguun waa'ee egeree waraana Yukireen irratti mari'achuuf karoorfataniiru.
Tiraamp guyyaa Jimaataa haala waraanni kun itti xumuruu danda'u irratti kan dubbatan yoo ta'u, ''qaamoolee lamaaniif akka fayyaduutti wal jijjiirraan daangaa tokko tokko ni jiraata'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Daangaa waggoota sadii fi walakkaaf irratti lolame ilaalaa jirta, Raashiyaanoonni baay'een du'aniiru. Lammiileen Yukireen baay'eenis du'aniiru," jedhan pirezidantiin Ameerikaa.
Raashiyaan yeroo hunda Yukireen naannolee Yukireen hedduurratti abbaa biyyummaa Raashiyaatiif beekamtii akka kennitu, waraana irraa bilisa akka taatuuf waliigaltuu fi hawwii Naatootti makamtu akka dhiistu cimsitee gaafatti.
Ejjennoon Tiraamp ammoo nagaadhaaf jecha Yukireen lafa wareeguu akka qabdu yeroo hunda kan of keessaa qabudha.
Zelensikii yeroo hunda heera Yukireen jalatti sun fudhatama kan hin qabnee fi Raashiyaa waraana kana jalqabuusheetiif akka badhaasu ta'e ifa godheera.
Zelensikii gaafa Sambataa barreeffama Telegram irratti qoodaniin, "Lammiileen Yukireen lafasaanii weeraraaf hin kennan" jechuun, furmaata nagaa kamiyyuu keessatti Yukireen hirmaachuu akka qabdu irra deebi'ee ibseera.
Pirezidantiin Yukireen Tiraamp qeequurratti of eeggachaa kan turan yoo ta'u, maxxansi isaanii miidiyaa hawaasaarratti akka hin fudhanne ifa godhaniiru.
Zelensikii Sambataa darbe Yukireen ''furmaata dhugaa nagaa fiduu danda'uuf'' qophii ta'uu ibsuun, Yukireen harka keessaa qabaachuu akka qabdu jala muruun dubbatan.
"Furmaanni faallaa keenyaa kamiyyuu, furmaanni Yukireeniin malee kamiyyuu, faallaa furmaata nagaati," jedhan.
"Nuti qophiidha, Pirezidanti Tiraamp waliin, michoota hunda waliin ta'uudhaan, nagaa dhugaafi hunda caalaa, nagaa waaraa, nagaa sababa fedhii Moskootiin hin diigamneef hojjechuufiidha."
Kun waan Yukireen, fi michoonni Awurooppaa hedduun yeroo hunda yaaddoo keessa turan - Tiraamp fi Puutiin osoo Yukireen hin argamne waliigaltee hojjechuuf yaalu.
Tiraamp fi Puutiin osoo Yukireen hin argamne waliigaltee raawwachuuf yaalu, kun ammoo waan Yukireenii fi michoonni Awurooppaa hedduun yeroo hunda yaaddoo keessa itti seenaniidha.
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon maxxansa guyyaa Sambata darbe X irratti qoodaniin, egeree Yukireen ''Yukireen malee murtaa'uu hin danda'u'' jechuun, ''Awurooppaanis qaama furmaataa ta'uun dirqama, nageenyi mataasaanii balaa irra waan jiruuf'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Baatiiwwan dhihoo keessa haasaan Tiraamp Raashiyaa irratti dubbatan jabaatee ta'uu mala, Yukireeniif garuu ammallee tarkaanfii qabatamaan hordofamuu hin dandeenye.
Dhukaasa dhaabuuf Raashiyaan waliigaltee ykn qoqqobbii dabalataa akka mudatu daangaan yeroon pirezidaantiin Ameerikaa kaa'anii ture dabarulleen wanti ta'e omtu hin jiru.
Michuu BBC Ameerikaa kan ta'e 'CBS News' qondaala olaanaa Waayit Haawus wabeeffachuun akka gabaasetti, Zelensikiin, walgahii Puutiin fi Tiraamp gidduutti taasifamu irratti haala ta'een hirmaachuu akka danda'u ammallee akka danda'amu gabaaseera. Sababiin isaas karoorri walgahii Jimaataa ammallee hin murtoofne.
Lafa irratti mariin nagaa jalqabaa kamiyyuu Yukireen hammachuu dhiisuu mala jechuun aangoo gadhiisaa jiran ni jiru.
Loltootaa fi namoota nagaa BBCn dubbise hedduu bira fedhii nagaa cimaatu jira. Lola wal irraa hin cinnee fi haleellaa diroonii akkasumas misaa'ela Raashiyaa irraan kan ka'e nuffiitu jira.
Haata'u malee, Yukireen nagaa aarsaa kamiinuu fudhachuuf fedhii akka qabdu ragaan agarsiisu xiqqaadha. Sagalee ishee osoo hin dhaga'amin dirqisiifamun ammoo carraansaa baay'ee xiqqaadha.












