US jaarraa tokko dura bulchiinsa Alaaskaa akkamiin maallaqa xiqqaan Raashiyaarraa bitte?

Madda suuraa, John Zada
Bakki Tiraamp fi Puutiin dhimma waraana Yukireen mariiyachuuf itti wal-argan Alaaskaan waggaa 150 dura kan Raashiyaa turte.
Garuu Raashiyaan jaarraa tokko dura Alaaskaa UStti gurguratte.
Bulchiinsi bantii Kaabaa kuni qabeenya uumamaan badhaadhe yoo ta'u, har'a Raashiyaan lafa qaamashee ture kana maafan gurgure jettee "qubashee nyaachuun" waan oolu miti.
Bakka Garbi Paasifikii garri Kaabaa Galaana Beering wajjin itti wal-qunnamutti kan argamu Alaaskaan daangaa Ameerikaa isa fagoofi karaa gara Saayibeeriyaatti baasudha.
Bulchiinsawwan Ameerikaan qabdu keessaa guddaafi guutummaa US keessaa lafa tokko shanaffaa kan haguugudha.
Alaaskaan bantii Kaabaa bakka cabbiin haguugame, bubbeefi roobni cimaan itti heddummatudha. Kanarraa kan ka'e, "Iddoo dhaloota bubbeefi rooba hamaa" jedhamuun beekama.
Haalli qilleensaa naannoo kanaa cimaa ta'uurraa kan ka'e, dambalii galaanaa, rooba cimaa bubbee makatee Alaaskaa irraa ka'uun naannoleen Kanaadaafi US yeroo hedduu balaaf saaxilamoodha.
Odolawwan Alaaskaa keessaa Unalaaskaan tokko yoo taatu, yeroo ammaa namoota 4,200 ta'antu keessaa jiraata.
Namoonni kun eenyummaa mataasaanii kan qabaniifi warra abbaa qe'ee yoo ta'an Onaangaakah jedhamuun beekamu. Akkasumas Alewuuts jedhamuunis ni beekamu.
Ummanni kun osoo hin koloneeffatamin dura waggaa 9,000 ta'uuf odoolawwan Alaaskaa keessa jiraataa turan.

Madda suuraa, John Zada
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroon booda ummanni Alaaskaa keessa jiraatan Raashiyaadhaan koloneeffataman. Alaaskaan amma qaama US taatus, ummanni achi jiraatu aadaan Raashiyaafi kan US irraa mul'ata.
Lammiin Deenmaark abuuraa ta'e Viitas Beering hiriyaasaa lammii Raashiyaa ta'e Aleeksii Chiriikoov waliin ta'uun yeroo jalqabaaf odolawwan Aluwuutiyaans kan bulchiinsa Alaaskaa keessatti argaman daawwatan.
Kana hordofee lammiileen Raashiyaa rifeensa bineensotaa barbaacha Alaaskaa keessa qubachuun ummata Onaangaakah duraan achi jiraataa turanitti makamuu eegalan.
Lammiileen Raashiyaa Unaalaaskaa keessa bara 1759tti qubachuun odolliwwan Alaaskaa ifatti kolonii Empaayera Raashiyaa jala seenan.
Boodarra Bataskaanni Ortodoksii Raashiyaa bataskaanota ijaarun namoota dur achi jiraataa turan warra abbaa qe'ees gara Kiristaanummaatti jijjiiran.
Ameerikaan boodarra bara 167tti Alaaskaa Raashiyaa irraa bitatte, haa ta'u garuu leegaasiin Bataskaana Ortodoksii Raashiyaa ammallee Alaaskaa keessaa hin banne.
Waraana Addunyaa Lammaffaa dura US odolawwan Alaaskaa keessaa buufataalee waraanaafi sochii daldalaa cimaa qabdi ture.
Naannoon kun Baha Eshiyaatti dhiyoo ta'uurraa kan ka'e yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa buufataaleen US kunneen haleellaa xayyaarota Jaappaaniif saaxilamanii turan.
Waxabajjii 3-4, 1942 xayyaaronni Jaappaan magaalaa Unalaaskaa haleeluun namoota 50 ajjeesanii turan.
Guyyootan booda ammoo loltoonni Jaappaan odolawwan Alaaskaa Kiskaafi Attu jedhaman weeraran.
Tarkaanfiin Jaappaan yeroo sana fudhatte xiinsammuu loltoota Ameerikaa cabsuufi loltoota US naannoo Eshiyaa Paasifikitti bobba'an gara boodaa deebisuuf ture.
Kunis bara 1812 yeroo itti loltoonni Biriitiish daangaa US seenan booda yeroo jalqabaaf daangaan US loltoota alaan kan itti weerarameedha.
Waraana Addunyaa Lammaffaarratti loltoonni Jaappaan odolawwan US Alaaskaa keessatti argaman weeraruu hordofee Kanaadaafi US loltoota 145,000 bobbaasun waraana ijibbaachisaa booda loltoota Jaappaan Alaaskaa keessaa baasan.
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Unaalaaskaan wiirtuu daldala qurxummii US taate.
Industirii qurxummii US keessaa dhibbeentaa 10 kan ta'u naannoo Alaaskaatii kan argamudha.
Raashiyaan Alaaskaa maaf gurgurte?
Jaarraa 19ffaa keessa Alaaskaatti daldalli rifeensa bineensotaa daldaltoota Ameerika Kaabaa, Eeshiyaa Paasifikiifi Raashiyaa gidduutti cimaa deeme.
Morkiin daldalaa bara 1824tti furmaata argachuun Raashiyaan US fi Biriteen waliin waliigaltee garaa garaa mallatteessite.
Keessumaa ammoo Waraanni Kirimiyaa (1853-1856)tti gaggeeffame Raashiyaan Alaaskaa UStti akka gurgurtuuf sababa ijoo akka ta'etu himama.
Yeroo sana ministiira dhimma alaa US kan turan Wiiliyaam Seeward, Alaaskaa Raashiyaarraa bituuf waliigaltee mallatteessan.
Wiiliyaam Seeward gatii bulchiinsi Alaaskaa ittiin bitamu dolaara miliyeena 7.2 Raashiyaaf dhiyeessan.
Kongiresiin Ameerikaa falmiifi mormii dheeraa booda, maallaqa jedhame Wiiliyaam Seewardiif raggaasisuun Ameerikaan bulchiinsa Alaaskaa Raashiyaa irraa bitatte.
Onkoloolessa 18, 1967 US alaabaashee Alaaskaa keessa dhaabde.
Dhuma jaarraa 19ffaa irraa kaasee Alaaskaan kuufama qabeenya uumamaa kanneen akka warqee, boba'aa fa'aan badhaatuu ta'uunshee barame.

Madda suuraa, Getty Images
Qabeenya uumamaan kan badhaate Alaaskaan laggeen 12,000 oliifi qaama galaanaa hedduu qabdi.
Magaalaan guddoon Alaaskaa Junuwaa yoo taatu, bidiruu ykn xayyaara qofaan dhaquun danda'ama.
Tiraamp fi Puutiin dhimma waraana Yukireen irratti mariyachuuf buufata waraanaa Ameerikaa Elmandorf Richaardisanitti.
Kanaan duras bara 2021 keessa dippilomaatonniifi gareen nagenyaa bulchiinsa Baayidan gitasaanii Chaayinaa waliin Alaaskaatti wal-arganii mariyatanii ture.












