Haati manaa Tiraamp ilma Baayiden irratti himata Doolaara biliyoona tokkoon bana jette

Madda suuraa, Getty Images
Giifti Dureen Ameerikaa Meelaaniyaa Tiraamp ilma Jooy Baayiden Hanter Baayiden irratti himata doolaara biiliyoona tokkoon bana jette.
Kunis erga ilmi Baayiden Meelaaniyaa Tiraamp kan abbaa warraa ishee ammaa Tiraamp waliin wal barte karaa nama beekamaa fi tujaara namoota qunnamtii saalaaf walitti fiduun himatamaa ture Jeefirii Eppistiindha jedheeti.
Ogeessonni seeraa bakka Giifti Duree bu'uun dhimma kana qabatanii jiran yaada Hanter Baayiden kenne ''soba, maqa balleessii fi nama aarsudha'' jedhan.
Meelaaniyaa Tiraamp bara 2005 ture Tiraamp waliin kan gaa'ila dhaabbatan.
Doonaald Tiraamp Jeefirii Ippistiin waliin hiriyyaa turan. Garuu bara 2000 keessa akka wal dhaban himame. Kunis hojjettoota Kilaba Golfii Tiraamp keessaa adamsuun qunnamtii saalaaf fayyadamuuf waan yaalaa tureef jedhame.
Xalayaan Giifti Duree biraa bahuun karaa abboota seeraa ishee abbaa alangaa bira gahe Hanter Baayiden yaada isaa kana kaasuun dhiifama gaafachuu qaba ykn seeraan himachuun ''beenyaa doolaara biliyoona tokkoo gaafadha jedha.
Xalayichi akka jedhutti dubbii Hanter Baayiden kana irraa kan ka'e Giifti Dureen ''miidhaa faayinaansii fi kabajaa guddaaf saaxilamteetti'' jedhe.
Nama fiilmii hojjechuun beekamu Andiriiw Kaalaagaan waliin gaaffii fi deebii kan taasise Hanter Baayiden ragaaleen Ippistiin wlaiin wal qabatan osoo hin gadhiifamiin kan hafaniif Tiraamp ''yakkicha keessaa harka qabaachuu agarsiisa'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jeefirii Ippistiin ijoollee dabalatee dubartoota hedduu qunnamtii saalaaf filuun himatamee mana hidhaa osoo jiruu lubbuun isaa darbe.
Gaaffii fi deebicha irratti Ippistiin Meelaaniyaa Tiraamp waliin wal barsiise. Hariiroon isaanii baay'ee bal'aa fi gadi fagoodha.'' Xalayaan kun dabalataan seenaa jireenya pirezidaant Tiraamp falmisiisaa gaazexessaan Mikaa'el Wolf jedhamu barreesse irraa akka fudhatames akeeka.
Mikaa'el Woolfi dhiyeenya gaaffii fi deebii 'Daily Beast' waliin yeroo taasisu, Giifti Dureen duraan Epistiin wlaiin wal beekti. Karaa isaa Tiraamp waliin wal barte jedhe.
Miidiyichi erga tamsaaseen booda xalayaa Giifti Duree irraa waan isa gaheef odicha jijjiiruun qajeelchee baase.
Epistiin mana hidhaatti osoo murtee isaa eeggataa jiruu bara 2029 ofiin of ajjeese jedhame.
Tiraampii fi Meelaaniyaan karaa Ippistiin wal baruu isaaniif ragaan hin jiru.
Miidiyaan waa'ee Meelaniyaa maxxanse sababa isaa fi xalayaa Giifti Duree irraa argate ilaaluun maxxansicha kaasuu ibse. Dhiifamas gaafateera.
Ilmi Joo Baayiden Hanter Baayiden garuu maxxansuma sana qabatee ammas maqa balleessaa jira jechuun himataa jirti.
Bara 2016 Meelaaniyaa Tiraamp abbaa warraa ishee ammaa Tiraamp waliin bara 1998 wal baruu seenaa namootaa kan barreessu Harper Baazar maxxanse.
Guyyicha paartii hundeessaa dhaabbata modelii beekamaan qopheesse irratti wal baran jedhe. Meelaaniyaan garuu lakkoofsa bilbila ishee akka kennuufii didde himte. Yeroo sana ''jaalala keessa jira'' jette.
Tiraamp haadha warraa siaa duraanii Maarlaa Maapilsi bara 1999 hiike.
Isheen dura ammoo Ivaanaa Tiraamp kan jedhamtu fuudhee 1977 hanga 1990 waliin jiraateera.
BBC'n abukaatoo Hanter Baayiden qunnameera. Xalayaan himataa kan isa dhaqabe erga Waayit Haawus ragaalee Epistiin wlaiin wal qabatan akka gadhiistuuf dhiibbaan baay'atee tahuu hime.
Tiraamp yoon deebi'ee filamee aangoo qabadhe ragaalee Epistiin waliin wal qabatan ifan godha jedhee ture.
FBI fi Ministeerri Haqaa garuu maqaan nama dhuunfaa ''yakkaan wal qabatee'' Epistiin wlaiin himatame hin jiru jedhe.












