'Qabeenya biraa hin qabu, qabeenya koo uummata kooti'- Artist Ibroo Ibsaa

Madda suuraa, Ibro Ibsa FB
Artist Ibroo Ibsaa umrii ijoollummaatti wallee aadaa Oromoo Walloo hojjechuun beekame. Ergasii walleewwan warraaqsaa, kan jaalalaa fi aadaadhaan walqabatan hedduu uummataan ga'eera.
Tibbana ammoo wallee qeenxee mata dureensaa ''Kaamole'' jedhu gadhiisuun jaallattoota isaatiin baayyee faarfamaa jira.
Artist Ibroo Ibsaa gaaffii fi deebii BBC waliin taasiseen hanga kana ta'uu baatus walleen kun akka uummataan jaallatamu eegee akka ture ibse.
''Walleen artistiif akka ijoolleesaati. Kana keessaa ilmi kee bakka ga'u ni beekta. An wayituman istuudiyoo seenen walleen koo kun akka jaallatame bare, hanga kana hin eegne malee,'' jedhe.
Yeroo dhihoo as sirboonni Afaan Oromoo YouTube fi miidiyaalee hawaasummaa adda addaarratti bal'inaan qoodamaa jiru.
Hedduunsaanii qulqullinaa fi qabiyyeedhaan waan waldorgomaniif yeroo uummanni filannoo hedduu qabu kanatti waan fedhii jiru madaalu dhiheessuun dirqama jedha Artist Ibroo Ibsaa.
Hojii aartii sadarkaa muuziqaan Afaan Oromoo yeroo ammaa irra ga'e akkasumas waan uummata biratti madaallii kaasu dhiheessuuf humna, maallaqaa fi yeroo sirriitti aarsaa gochuu barbaachisa jedha.
''Isa kanaaf baasii guddaa si baasisa. An wallee kana hojjedhee xumuruuf maallaqa miiliyoona 1.2 baaseera.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Artisti Ibroon maallaqa guddaa baasee wallee uummataan fudhatama argate hojjechuutti gammachuu akka qabu ibse.
''Waan bareedaa dalagnee yeroo uummanni haala kanaan nu simatu hojii dabalataaf nu kakaasa, hamilee nuuf ta'a,'' jedhe.
Walleen haaraan ''Kaamolee'' jedhu kun qabiyyeensaa aadaa uummata Oromoo Sikkoo-Mandoo calaqqisiisa, jechoonni fayyadaman kan dhama qaban fi ergaa gadi fagoo kan dabarsaniidha jedha Artis Ibroon.
''Walaloo barreessuuf hayyootaa fi beektota adda addaa mariisisneerra. Dhimma uummataa, dhimma guddaa waan ta'eef callifnee hin baasnu,'' jedhe.
Kaamole waaressanii, buna wal waama ollaa-firrinii... jechuun eegala. Ofii kaamoleen maali?
''Dubartiin gosa lama: Kaamettii fi boosettii. Kaamettiin kan waan hundaan guutuu, intala warra ulfoo-ulfinaa, warra aadaa, seenaa, safuu, ooda beeku- intala warra saniiti. Akka aadaa Arsiitti kaamettii san gaafa maqaa masoo ykn maqaa bareedaan waamuu barbaadde 'Kaamole' jettaan. Kana faarsine. Boosettiin kan hanqina qabdu, kan guutuu hin ta'in,'' jechuun ibsa.
Wallee haaraan artistii kanaa miidiyaa hawaasaa irratti baayyee qoodameera, keessumaa Facebook irratti namoota maqaa qabanii fi akka addunyaatti beekamaniin qoodameera.
Namoota wallee kana Facebook isaaniirratti qoodan keessaa Hoogganaan IGAD Dr Worqinaa Gabayyoo tokko.
Artist Ibroo Ibsaa walleensaa kun Hoogganaa IGADn qoodamuutti guddoo akka gammade ibsuun, kunis bu'aa hojiisaa ta'uu hime.
''Uummanni kiyya hundi kanneen hojii kiyya jaallatan baayyee galatoomaa. Namoota sadarkaa addunyaatti beekamanfaatu hojii koo kana qoodan. Kunis hojichi waan jaallatameefi. Bu'aa ifaajee kooti. Baayyee galatoomaa!''
Arsii Aanaa Martiitti dhiheenya magaalaa Adaamaatti dhalachuun ijoollummaasaarraa eegalee magaalaa kana keessatti kan guddate Artist Ibroo Ibsaa, walleesaa jalqabaa dhimma Oromoo Walloo irratti weelliseen maqaansaa Walloo faana ka'aa ture.
''Namoonni hedduun Walloo na se'an. Eeyyeen ani Walloodhas. Maaliif jennaan Walloo santu dhiiga kiyya. Kuun ammoo Karrayyuu naan jedhan. Dhugaadha, anaaf hunduu dhiiga kooti. Garuu bakki dhaloota kiyyaa Arsii, Martiidha,'' jedhe.
Weellisaa Ibroo Ibsaa wayita mana barumsaa sadarkaa jalqabaa ture Gumii Afaan Oromoo keessaa Hawwisoo Jiituu jedhamu kan magaalaa Adaamaatti argamu seene.
Achii booda Hawwisoo Odaa Nabee kan magaaluma sana keessatti argamu seene.
''Yeroo sana Artist Awwal Usmaan waltajjiirratti na argee Roobaa Dhaabaa (Mulugeetaa Abaataa)tti na geesse. Namni kun nama jabaa weellistoota Afaan Oromoo fi afaan biraanis hojjetan hedduuf wallee hojjetedha. Isatu wallee 'Walloo' kana na hojjisiise,'' jedhe Artist Ibroon.
''Dandeettiin uumamaan qaburratti baandii keessa yeroo dheeraaf turuun koo aadaa Oromoo bakka hundaayyuu akkan hojjedhuuf na gargaareera.''
Artsit Ibroo Ibsaa walleewwan aadaa Oromoo Karrayyuu, Harargee, Arsii fi kaan akkasumas walleewwan warraaqsaanis beekama.
Itoophiyaa keessatti weellistoonni sababa hojiisaanii, keessattuu walleewwan warraaqsaa uummata kakaasan hojjetan, qaamolee mootummaan wayita miidhaan garaagaraa irra ga'u jaarmiyaaleen mirga namoomaa gabaasaa turaniiru.
Artist Ibroo Ibsaas kana keessaa walaba miti. Keessattuu bara warraaqsi uummataa Itoophiyaa keessatti hammaate walleewwan siyaasaa weellisaa ture. Warraaqsi uummataa sun jijjiirama mootummaa bara 2018 dhufeef sababa ta'eera.
Weellisaan kun sababa wallee warraaqsaa quuqama uummata lallabu weelliseef hidhamuu hanga biyyaa ari'amuutti ga'ee akka ture ibse.
''Artiin mataansheeyyuu qormaata. Achi keessatti waan ati ofii filattee gootutu jira. An gaafa sirba qabsootti seenu namni na ergates hin jiru. Uummanni kiyya miidhamee jennaan quuqama uummata kiyya argeen fedhii kiyyaan seene,'' jedha.
Artist Ibroon Kolleejjii Barsiisotaa Adaamaarraa akkuma eebbifameen sirba Walloo akka hojjetee fi achirraas walleewwan qabsootti akka seene ibse.
''Wayitan baandii keessa turellee barnoota kiyya adda hin kunne. Mormii 'Maastar Pilaanii' duran sirba qabsoo eegale. Yeroo sana barattoota yuniversitii qofatu hiriira ba'aa turan. Wayitan wallee kana dalagu akka rakkoon narra ga'u nan beeka. Yeroo sana Afaan Oromootiin walitti dubbachuunuu rakkoo ture.''
Keessattuu wallee mata dureensaa ''Leenca galmi daggala'' jedhu akkuma baaseen hidhamee akka ture ibsa.
''Sanuu viidiyoodhaanin dalage an. Wanni sun akka rakkina narraan ga'u nan beeka.''
Artist Ibroon itti fufuun wallee warraaqsaa ''Oromiyaan tan Oromooti,'' jedhu hojjete. Sana booda Dubaayitti konsartii muuziqaa hojjetee wayita deebi'u dorsisi fi hordofamuun itti hammaannaan gara Masirii akka imale ibse.
''Ana dabalatee maqaan namoota 17 taanuu aanga'oota olaanoodhaan qabamee hordofamuu eegalle. Achi booda dirqameen biyyan jaalladhu keessaa ba'e.''
Artistiin kun Kaayiroo erga turee booda carraan gara biyya sadaffaa- Kanaadaa, isa ga'ee ture.
Inni garuu jijjiiramni siyaasaa Itoophiyaatti dhufuu hordofee carraa sana dhiisee biyyasaa filatee akka gale ibse.
''Biyyattis deebi'ee akkuma bara sanii qabsoo keessa nama turen ta'e. Jireenyi qabsoo natti taate gaafan deebi'u. Isa sana mo'achuuf ammoo walaloo fi yeedaloo qopheessuurrattin xiyyeeffadhe. Ergan galee kanuman dalagaa ture,'' jedhe.
''Ergan biyyatti deebi'ee gadi ba'ee gamaa gamana fiigee faayidaaf socho'aa hin turre. Oromiyaan kan Oromooti jedhee- Oromiyaa keessaa, Finfinneen kan Oromooti jedhee- Finfinnee keessaa mana hin qabu,'' jechuun jiruu keessa jiru ibsa.
Mana kiraa keessa jiraachaa hojii artii hojjechuu mo'atamuu miti kan jedhu Artist Ibroo Ibsaa, ''garuu biyya kalee faarsineef, weellisneef sana keessaa waan tokkollee hin qabu. Uummanni kiyya ammoo nan qaba. Kun ammoo wallee haaraa kanaan mirkanaa'eera. Fedhii fi kaayyoon kiyya, gammachuun kiyya isa kana,'' jedha.
Gara fuulduraattis hojii aartii kanarratti xiyyeeffachuun uummatasaa tajaajiluu ibse Ibroon.
''Kanatti aansee sirba tokkon gadhiisa. Isatti aansee ammoo albaman baasa. Alabama xumureen jira. Walleewwan qabiyyee garaagaraa qaban kan godinaalee Oromoo bakka bu'an dalageen jira. Ani waggaa hanga kana, ergan galee (naannoo waggaa shan) kana qabeenya har'aan ture osoo hin taane aadaa kiyya barreessaa, guddisaa ture. Istuudiyoodhaa ba'ee hin beeku.''












