Walga'iin Tiraamp fi Puutin kanaan dura akkam ture, kan ammaarraa maaltu eegama?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Jimaata har'aa (Hagayya 15, 2025) walargu. Kun siyaasa addunyaa keessatti dubbii ijoo ta'eera.
Walga'iin Tiraamp fi Puutin gidduutti gaggeeffamuuf deemu kun kan kanaan duraa akkam ture akka yaadannu nu taasisa.
Walga'iin aanga'oota lameenii kun of eeggannoo cimaa, shakkii fi to'annoo olaanaadhaan kan gaggeeffamu ta'a.
Walga'iisaanii kanaan dura ture marii Alaaskaatti akkaataa waraana Yukireen xumuruun danda'amurratti mari'achuuf deeman tilmaamuuf waan eeru qaba.
Qondaalonni kanaan dura aanga'oota lameen kopha kophaatti ykn lamaansaanii iccitiidhaan beekan dureewwan lameenuu akkaataa marii isaanii irratti adeemsa mataasaanii qabatanii dhihaatu jedhan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezidant Tiraamp fi Pirezidant Puutin jalqaba kan walargan bara 2017 kora G20 Jarmaniitti gaggeeffame irratti ture.
Yeroo sana Puutin erga siyaasa abboomuu eegalanii waggaa 10 caaleera, Tiraamp garuu reefuu Waayit Haawus seenu.
Aanga'oonni lameen ija kaameeraa addunyaan keessaan isaan ilaalu keessatti yeroo harka walfuudhaan mul'atan. Taateen kun hariiroon biyyoota lameenii akka wayyaa'u taasise.
Waggoota itti aanan aanga'oonni lameen akka duraanii jechaan wal haleeluurra wal kabajuu fi walitti dhihaachuu itti fufan.
Tiraamp dhihoo kana waraana Yukireen keessatti dhiiga dhangalaasaa jiruuf Putiinitti aaruu ibsanis.
Walga'ii isaanii jalqabaa sana keessattis dhimmi Yukireen ka'eera. Tiraamp akka Raashiyaan naannawa sana nagaa dhowwaa jirtu kaasanii turan.
Walga'ii jalqabaa sana waggaa sadi dura Raashiyaan seeraan ala humnaan Kiriimiyaa qabattee turte.
Tiraamp ammas waraana Yukireen dhaabsisuun nagaa buusuuf tattaafataa jiru.
Roobii kaleessaa (Hagayya 14, 2025) dhimma kanarratti wayita dubbatan, Raashiyaan waraana kana hin dhaabdu taanaan ''wanti itti aanee mudatu baayyee hamaa ta'a,'' jechuun akeekkachiisan.
Yeroo garii ammoo afaan gaariidhaan waa'ee Putiin dubbatu. Walga'iin kun yaada walii hubachuu qofaaf akkasumas egereef haala mijeeffachuuf yaadamee akka ta'e ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp fi Putiin baruma 2017 keessa kora diinagdee addunyaa irratti Veetnaamitti walarganiiru.
Qondaalonni lameen wayita aanga'oota addunyaa kaan waliin haasa'an suuraa kaafamaniiru.
Tiraamp akkaataa Putiin walga'iirratti yeroo dheeraa qabatanii haasa'an waan itti baran fakkaatu.
Yaadota dhiheessan jechoota jajjaboon dabaaluun waltajjii akka dhuunfatanis ni beeku.
Dippiloomaatonni haalaa fi amala Putiin BBCtti himan, aanga'aan Raashiyaa kun yeroo hunda waltajjii booji'anii qabachuu akka barbaadan dubbatan.
Bara 2016-2020 Raashiyaatti ambaasaaddar UK kan turan Laawurii Biristoo ''walga'ii hunda irratti Putiin waa'eema aangoo kaasu,'' jedhan.
''Eenyu yeroo, ajanadaa, qabiyyee marii, akkaataa dubbii akka to'atu- asirratti qabxii ijoon maal argachuuf akka deemtuyyuu baruun rakkisaadha.''
Sababa kanatti jedhan Sar laawurii, ''afaan hiiktonni faana bu'uuf baayyee rakkatu.''
Tiraamp nama kana qixeessu qabatanii akka dhihaatan beekamaadha.
Ergamaa addaa Tiraamp kan ta'an Istiiv Witkof wayita Putiin waliin walargaa turanitti afaan hiiktota Raashiyaa fayyadamaa turan jedhama.
Ergamaan duraanii Tiraamp Fiyoonaa Hiil yaada Sir Laawuriin waliigalu. Gaaffii fi deebii kanaan dura Telegraph waliin taasisan keessatti akkamiin Putiin waliin hojjechaa akka turan dubbataniiru.
''Waa'ee Tiraamp ni qoosa. Egaa qoosaa fi dhoksaa qabu afaan Raashiyaatiin dabarsuu filata. Kun akka dubbiin isaa afaan hiiktota harkaa badu taasisa,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Tarii hariiroo mishaan Tiraamp fi Putiin gidduutti sirriitti ba'ee kan mul'ate wayita isaan bara 2018 Helsinki, Finlaanditti walargan ta'uu hin oolu.
Tiraamp himata Raashiyaarratti dhihaatullee yeroo deeggaruurraa boodatti jedhan mul'ataniiru.
Raashiyaan filannoo US bara 2016 keessa seentee jeequun yoo himatamtu Tiraamp garuu Raashiyaaf falman.
Ejensiiwwan tikaa isaanii akka sakatta'amaniif gara Raashiyaa goraniiru.
Tarkaanfiin isaanii kun paartii US keessa jiranirraa mormii cimaa kaasiseera.
Walga'ii Helsinki irratti Pirezidant Putiin wayita gita isaanii Pirezidant Tiraampitti kubbaa dabarsanii kennan mul'ataniiru.
Duraan Raashiyaatti ambaasaaddara UK kan turan Sar Toonii Birentan agarsiisa akkasii Putiin of eeggannoo guddaan ilaalu jedhan.
''Kubbaa miillaa fi seequun fuula isaaniirraa mul'atu, qoosaa fi amalli isaan agarsiisan hundi akka namootaa kaanii akkasaan hin taane sitti mul'isa. Garuu yoo hariiroo isaaniif murteessaa ta'uu hubatan xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetu.''

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidant Tiraamp fi Pirezidant Putiin bara 2018 ji'a Sadaasaa keessa kora G20 irratti Arjantiinaatti walaragan, bara 2019 ammoo Jappaanitti walargan. Kan ammaa, Alaskaan, itti aaneeti.
Yeroo dhumaaf wayita aanga'oonni kunneen walargan walga'iirra kan turan gorsaan duraanii nageenya biyyaalessaa Tiraamp, Joon Boltan gargaarummaa aanga'oota lameenii gidduutti danqamanii akka turan BBCtti himan.
Tiraamp akka amananitti dureewwan biyyoota lamaa hariiroo gaarii qabaachuun biyyoonni lameen akka hariiroo gaarii qabaatan gargaara.
Putiinis kana beeku kan jedhan Boltan ''leenjii nageenya biyyalessaa- KGB irraa argataniin Tiraampirratti dhiibbaa uumuu malu,'' jedhan.
''Kana duraanis godhaniiru, ammas gochuu danda'u.''
Tiraamp mataansaanii waa'ee walga'ii Alaskaa tuffatanii dubbataniiru.
''Gaarii ta'a jedheen yaada. Garuu badaas ta'uu danda'a.''

Madda suuraa, Getty Images












