Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp yaada pirezidantiin duraanii Raashiyaa Dimiitirii Medvedev dhiyeesse hordofee dooniiwwan nukilaraa lama bakka qabsiise.
Yaada "qoccolloo hamaa ta'e" Pirezidantiin duraanii Raashiyaa Dimiitirii Medvedev, dhiyeesseef deebii kennuuf dooniiwwan nukilaraa lamaan "naannawaa sirrii ta'e akka qabatan" ajajeera jedhe pirezidantiin US Doonaald Tiraamp.
Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasaarratti baaseen, "tarii dubbiin gowwaafi tuttuwwaan kunneen jechaan ol yoo ta'aniif jechan" tarkaanfii fudhadhe.
Jechoonni baayyee barbaachisoo waan ta'aniif gara gocha hin baarchineetti geessuu danda'u. Animmoo kun fakkeenya akkasii sana akka hin taane abdiin qaba," jedhe.
Dooniiwwan nukilaraa kunneen lamaan garamitti akka bobbaafaman waan jedhe hin qabu.
Tiraamp dhukaasa dhaabuu Yukireen keessatti taasifamuuf guyyaa dhumaa kaa'eef deebii kennuuf Medvedeev guyyoota dhiyootiin asitti ergaawwan doorsisa qaban mammaxxansaa tureera.
Tiraamp Mooskoon yeroo kaa'ameef keessatti dhukaasa dhaabuurratti waliigaluu baannaan qoqqobbii hamaatu ishee eeggate jedhee ture.
Doonaald Tiraamp Raashiyaan dhukaasa dhaabuuf guyyoota kudhan ykn 12 qofa qabdi jedhee ture.
Raashiyaa fi US addunyaarratti meeshaa waraanaa nukilaraa hunda caalaa hidhataniiru.
Haata'u malee, Tiraamp ergaa maxxanse kanarratti doonii humna nukilaraan hojjettu ykn doonii meeshaa waraanaa nukilaraa hidhatan ta'uu adda baasee hin ibsine.