Pirezidant Tiraamp xalayaa Isaayyaas Afawarqiif barreesseen maal jedhe?

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp xalayaa pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiif barreessuu Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasaqal hime.
Akka odeeffannoo Yamaanee Gabremasqal fuula X irratti baasetti, ergaa Tiraamp gaafa Adoolessa 30,2025 Pirezidantiif erge kun "Waashingiten Asmaraa waliin hariiroo wal kabajuufi wal ijaaruu deebistee jalqabuu barbaaddi".
"[Hariiroon] dhugaafi wal kabajuurratti hundaa'e carraa nagaa Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa keessa jiraachuu fooyyeessa," jedhan aanga'aan Ertiraa kun.
Akka Yamaaneen jedhutti taanaan, Tiraamp miidhaafi rakkoo bulchiinsi Baayidan addunyaarratti uume deebisee foyyeessuuf" jira.
Bulchiinsi Joo Baayidan yeroo Waayit Haawus turetti, waraana Tigraay keessa tureen wal qabsiisee ejensiiwwan nageenyaafi biizinasiiwwan Ertiraarra qoqqobbii kaa'ee ture.
Qoqqobbiin kun ajajaa waliigalaa Waraana Ertiraa Jeneraal Filiip Waldeyohaannis dabalatee aanga'atoorra kaa'ameera.
Kun osoo kanaan jiruu bulchiinsi Doonaald Tiraamp, "yaaddoo nageenya biyyaalessaa" jechuun biyyoota biroo 11 dabalatee Ertiraarra dhorkaa viizaa guutuu ji'a darberraa kaasee hojiirra oole kaa'eera.
Ajaji dhorkaa viizaa guutuu Tiraamp jalqaba Adoolessaa beeksise kun, paaspoortii dabalatee fudhatamummaa sanadoota Ertiraa gaaffii keessa galcheera.
Kana malees, Tiraamp "Ertiraan yeroo dheeraatiif lammiileeshee [Yunaayitid Isteetis] irraa gara biyyaatti ari'aman fudhachuu didaa akka turte himate.
Ertiraan garuu himannaawwan Ameerikaan irratti dhiyeessitu fudhachuu diduun dhiibbaafi qoqqobbiiwwan isheerra gahu qeeqxeetti.
Pirezidant Isaayyaas gaaffiifi deebii televizhiinii Ertiraa waliin Adoolessa 19 taasiseen, biyyisaa Yunaayitd Isteetis waliin 'michummaa' horachuu ni barbaaddi jedhee ture.
Pirezidant Isaayyaas gaaffiifi deebii kanarratti waa'ee Itoophiyaafi Ganafa afrikaas kaasee dubbateera.
Mul'anni keenya wal ta'umsaafi hariiroo cimaa uumuu ture kan jedhan Pirezidant Isaayyaas, haa ta'u malee mootummaan Itoophiyaa afaaniin waraana labseera jechuun himate.
Ajandaa waraana isaaniif jedhan kanaaf immoo deeggarsa Faransaay, US, fi UAE akka qaban dubbatu. Kuni garuu guutummaan guututti dhugaa miti jechuun ture Pirezidant Isaayyaas kan dubbatee ture.
Gaaffiifi deebii sa'aatii lama ture kana waa'ee gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa, siyaasa idil-addunyaa, bara bulchiinsa duraa Pirezidant Tiraamp hariiroon Ertiraafi US fooyya'u, dhimma biyyoota ollaafi kanaan wal qabatan ka'aniiru.

US waliin hariiroo gaarii akka hin qabaanneef qaamni hojjetu jira kan jedhan Isaayyaas, akkas ta'ees bulchiinsaTiraamp waliin hariiroo deebifachuuf akka hojjetamu akeekeera.
Carraaqqiin jalqaba biyyoota lamaan gidduutti walitti dhufeenya sirreeffachuuf taasifame hin milkaa'iin akka hafe kan kaase pirezidantichi, ammas itti fufamee akka hojjetamu dubbatee ture.
"Jalqaba akkuma dhufeen [aangoo qabateen] imaammatawwan jiran ni sirreeffamu jennee yaadnee ture. Haata'u malee, hin sirreeffamne."
US fi Ertiraan hariiroo tolfachuuf yaaluun kun kan dhufe yeroo Asmaraa fi Finfinnee gidduutti muddamni dhaga'amaa jiruttidha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Torban tokko dura, Mnistirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoo bilbilaan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin waa'ee nagaafi tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikarratti mariyataniiru.
Ministtirri dhimma Alaa US marii isaanii MM Abiy waliin taasian kanaan barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannichaa hubachiisaniiru.
Akka ibsa ministeera dhimma alaa kanatti, Ruubiyoon haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan taasifte kan diqisiifatan yoo ta'u, daldalaa fi invastimantii US babal'isuuf carraa guddaa qaban kaasanii dubbatanii ture.












