Ministirri dhimma Alaa Ameerikaa Ruubiyoofi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma yeroorratti mari'atan

Ministirra Dhimmaa Alaa US Ruubiyaa fi MM Abiy

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad galma waloo nageenyaafi guddina dinagdee Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun bilbilaan mariyachuu dubbi-himtuu Taamii Biruus waabeffachuun ministirri dhimma alaa US ibse.

Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon MM Abiy Ahimad waliin haasa'uun kun yeroo muddamni naannoo Tigraay keessatti dhaga'amaa jiruufi Ertiraafi Itoophiyaan ammoo wal himmachaa jiranittiidha.

Ministtirri dhimma Alaa US marii isaanii MM Abiy waliin taasian kanaan barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannichaa hubachiisaniiru.

Akka ibsa ministeera dhimma alaa kanatti, Ruubiyoon haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan taasifte kan diqisiifatan yoo ta'u, daldalaa fi invastimantii US babal'isuuf carraa guddaa qaban kaasanii dubbataniiru.

Mariin dippilomaatiin olaanaa Ameerikaa MM Itoophiyaa waliin taasisan yeroo pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa ilaalchisuun dubbii falmisiisaaa ijoo dubbii ta'e kaasaa jiranittidhas.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp, ''Itoophiyaan irra caalaa Hidha Haarumsaa Guddicha maallaqa Ameerikaan ijaarte,'' jechuun yeroo sadaffaaf irra deebiin dubbataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan kana ''doggoraa'' jechuun ibsa baaseera.

Ibsa guyyaa har'aa magaalaa Finfinneetti kennameen "Hidhi Haaromsaa gama faayinaansiin dhibbeentaa 100 humna ofiitiin ijaarame" jedhaniiru aangawoonni.

"Tiraampis jedhan kaanis jedhan dhugaan jiru pirojektiin kun ummatafii mootummaa Itoophiyaan ijaarame" jedheera Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 120 guuteefi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin ala cimee kan itti fufe ture.

Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.

Ta'us, waraanni Tigraayitti adeemaa ture hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoree ture.

Sarbamni mirga namoomaa jabaan raawwatuufi waraanichi mariin akka furmaata argatu gaafachuun Ameerikaan irra-deddeebiin yaaddoo himataa turte.

Gama kaaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa gidduu seentummaan himachaa, birmadummaa ishee kan dhiiban tau ibsaa turte.

Waraanichi yeroo hammaatetti Pirezidantiin Ameerikaa yeroo sanaa [Joo Baayidan] Itoophiyaa adabuufi tarkaanfii fudhachuuf Fulbaana 2021 ajaja dabarsaniI ture.

US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.

Daldala qaraxarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu gochuun lammiileen 200,000 ol taaniifi keessumaa paarkiilee indastirii keessa dalagan hojii akka dhaban taeera.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga haala yeroo Itoophiyaa fi tumsa Ameerikaan bara haaraa 2025 kanatti taasiftu ilaalchisuun jalqaba waggaarratti ibsa kennanii ture.

Ibsichaan Ameerikaa fi Itoophiyaan hariroo waggoota 120 lakkoofsise kan qaban ta'uu eerun, ammas walitti bu'iinsa keessoo lubbuu fi jireenya lammilee gaaga'aa jiru furuu keessatti tumsi Ameerikaa daran kan cimu ta'uu himan.

"Itoophiyaa walitti bu'iinsa balaafamaa lubbuu fi jireenya ummata ishee gaaga'u keessaa akka baatuuf deeggarsa itti fufti" jedhan Ambaasadarichi.

Gareewwan hidhatanii naannoowwan Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho'an mootummaa waliin mari'achuuf qophii ta'an deeggaruufis qophiidha jedhan.

Kana duras karaa adda addan sagantaa adeemsa Komishinii hidhannoo hiikkachiisuufi haaromsuu (DDR) akkasumas naannolee walitti bu'iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruuf oolu maallaqa doolaara miiliyoona 16.4 deeggarsa taasisu yaadachiisan.