Ogeeyyii Kooriyaa Kaabaa dhoksaan hojjetaa miindaa mootummaaf ergan

Madda suuraa, Getty Images
Jiin Suun waggoota darban keessa waraqaa eenyummaa dhibbaan lakkaa'amanitti fayyadamuun dhaabbilee warra lixaa keessa fageenyarraa hojii IT argachuuf iyyachu dubbata.
Kunis qaama karoora Kooriyaa Kaabaatiif maallaqa walitti qabuuf diriirfamee ture.
Yunaayitid Isteetiifi Awurooppaa keessatti hojiiwwan garaagaraa jijjiruun kan hojjate Jiin Suun, yoo xinnaate ji'aan doolaara 5,000 kanfalamaafii akka ture BBCtti himeera.
Waahillansaa ammoo galii dabaltaa kanarra fooyya'ee akka argatan ibsu.
Jiin Suun kan nageenya isaatiif jecha maqaansaa jijjirame, osoo Kooriyaa Kaabaatiin hin bahiin dura namoota Chayinaa, Raashiyaa ykn Afriikaafi biyyoota kaaniitti icciitiidhaan ergamuun gochaa Kooriyaan Kaabaa icciitiin raawwattu irratti hirmaataataa turan kumaatama keessaa tokko ture.
Oggeessoonni IT Kooriyaa Kaabaa kan hordoffiin itti dhiheenyaa irratti taasifamu yoo ta'u, gara miidiyaatti dhiyaachuun hin dubbatan, Jiin Suun garuu BBCtti dubbateera.
Jireeni guyyaa namoota hojii waliidhahu kanarratti hirmaatanii maal akka fakkaatuu fi hojimaannisaanii maal akka fakkaatu odeeffannoo qoodeerra.
Ragaa bahuunsi isaa kunis odeeffannoowwna gabaasaalee dhaabbata UN fi nageenya Saayibarii keessatti eeraman hedduu kan mirkanneesseedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Midaa argatu keessaayis parsantaa 85 mootummaa Kooriyaa Kaabaatiif deeggarsaa akka kennu ibseera.
Kooriyaa Kaabaa kan hanqina maallaqna callaa qabdu waggootaaf qoqqophiin idil-addunyaa irra kaa'ameera.
''Saamicha akka ta'e ni beekna, garuu carraa keenya jennee fudhanna'' kan jedhuu Jiin Suub, ''amma yeroo biyya turre irraa baayyee fooyyeedha'' jedhe.
UNtti Manni Maree Nageenyaa Bitooteessa bara 2024tti gabaasa baaseen, hojjattoonni IT icciitii Kooriyaa Kibbaa waggaatti doolaara miiliyoona 250- 600 ni argamsiisuu jedhee ture.
Hojii waliin dhahu kunis keessattuu yeroo weerara Kooviidiitti manaa hojjachuun waan barameef yeroos kana babal'ateefi yeroo sanaa kaasees dabalaa jiraachuu aanga'oonnii fi kanneen mirga saayibariif falaman akeekkachiisan.
Hojjataan dhaabbataa irra caalaan mindaa kanfalamuuf mootummaaf erguuf kan yaaduu. Haata'u malee, yeroo tokko tokko ammoo odeeffannoo dhaabbilee haatuudhaan ykn butuudhaan hojjachiiftoota isaanii kanneen maallaqa gaafatanis jiru.
Bara darbee keessa manni murtii Yunaayitid Isteeti lammiilee Kooriyaa Kaabaa 14 kanneen waggaa jahaaf waliin dha'uufi haatuudhaan doolaara miiliyoona 88 argataniiruu jedheen irratti himannaa baneera.
Akkasumas lammiileen Kooriyaa Kaabaa afur kanneen waraqaa eenyummaa sobaatiin dhaabbata kiriiptokaransii Ameerikaatti argamuf fageenyarraa hojjataa turan jedhamanis baatii darbe keessa himannaan irratti banameera.
Hojii argachuu
Jiin Suun osoo biyyaa hin baqatiin dura Chaayinaa keessatti hojjataa IT Kooriyaa Kaabaa ture. Inniifi waahillansaa yeroo baayyee 10 ta'un gareen akka hojjatan BBCtti himeera.
Tajaajilli interneetii Kooriyaa Kaabaatti daangeeffamaa ta'ulleen hojjattoonni IT kunneen biyya alaatti salphaan hojjachu danda'u.
Eenymmaa saanii kan dhoksaniif warra lixaa fakkaachuun kanfaltii gaarii argachuuf qofaa osoo hin taane, Kooriyaan Kaabaa sababii meeshaalee nikulaaraa fi sagantaalee miisaa'el baalastiikii isheetiin sababii qoqqophii cimaa idil-addunnyaa irra kaa'ameetiin.
Karoorri kun qaama karoora biyya bulchuuf kan maallaqa walitti qabanii oggeessota odeeffannoo butan Kooriyaa Kaabaatiin addadha.
Jalqaba bara kanaarratti, gareen odeeffannoo butuun Kooriyaa Kaabaatiif hojjachuun beekamu, Laazaaruus, yakkichaa hojjachuu amanee kan hin beekne ta'ulleen, dhaabbata biitiikooyiin irraa kiriiptookaransii doolaara biiliyoona 1.5 akka hate amanama.

Jiin Suun yeroo baayyee kan dabarse eenyummaa sobaa rgachuuf yaaluun. Kanas hojiif iyyachuuf itti fayyadama.
Jalqabarratti lammii Chaaunaati jechuun Haangaarii, Tarkii fi biiyyoota biraarra namoota dubbisuun galii odeeffannoo isaaniitiin argatu irraa parsantiidhaan akka kanfaluuf waliigalaa akka ture BBCtti himeera.
''Hojiidhaaf iyyachuuf yoo suuraa pirofaayilii keerra 'fuula Eshiiyaa' goote kongumaa hojii hin argattu.''
Achiinsi eenyummaa sobaan argateetti fayyadamee namoota Awurooppaatti argamaniitti dubbachuun akka eenyummaasaanii kennaniifi Ameerikaafi Awurooppaatti hojii ittiin argachuuf akka itti fayyadamu gaafata.
Juun Suu yaaliin lammiilee UK irratti taasisee yeroo baayyee milkaa'eefiidha. ''Namoonni UK keessa jiraatan marii muraasaan booda eenyummaasaanii akka salphaatti dabarsanii kennu'' jedha.
Yeroo tokko tokko hojjataan IT Afaan Ingiliizii sirriitti dubbattu adeemsa iyyataa ni saffiisiisa. Haata'u malee, hojjattoonni yeroo boqonnaan (freelancer) marsariitiirra hojjatan af-gaaffii fulaafuulaatu isaan barbaachisa.
Kanaaf yeroo hunda walitti dhuneenyi guyyaa guyyaa waltajjiiwwan akka silaak (slack) irratti gaggeeffama. Kun ammoo nama hin taane fakkaachuu salphaa taasisa.
Jiin Suu BBCtti akka himeetti, yeroo baayyee kan irratti xiyyeeffatu gabaa Ameerikaati. ''Sababiinsaas mindaal dhaabilee Ameerikaa guddadha.'' Hojjattoonni IT baayyeenis hojii argataa akka turan dubbatan.
Dhaabbileen yeroo baayyeen osoo hin beekne lammiilee Kooriyaa Kaabaa tokkoo ol akka mindeessan Jiin Suun jechuun, ''yeroo baayyee mudata'' jechuun muxannoosaa kaasa.
Hojjattoonni IT galiisaanii kan fudhatan karaa mijjeessitootasaanii biyyoota Lixaa fi Chaayinaatti argamaniitiin akka ta'e beekamaadha.
Torban darbe lammiin Ameerikaa takka yakka lammiileen Kooriyaa Kaabaa hojii IT akka argataniif deeggaruu fi maallaqa erguu waliin wal qabatee hidhaan waggaa saddeetii itti murtaa'eera.
BBCn ragaa bahumsa Jiin Suun kana madda walaba irraa mirkanneeffachu hin dandeenye.
Ta'us garuu karaa dhaabbata Mirga Namoomaa Kooroyaa Kaabaa kan ta'e Piiskoor (PSCORE)n, ragaa namni biraa keenne kan odeeffannoo Jiin suu deeggaru argateera.
BBC Hiiyuun Seeng Lii kan mootummaa Kooriyaa Kaabaatii baqachuun Chaayinaa keessatti daldalaa fakkaatee motummaaf yeroo hojjataa turetti muuxannoo walfakkaatu qaban oggeessoota IT wajjiin wal argu ibseera.
Innis mudannoo walfakkaatu akka qabu mirkanneesseera.
Rakkoo guddataa dhufe
BBCn hoggantoota damee nageenya saayibarii fi misooma sooftweer keessatti hojii mindeessuu hedduu raawwatan dubbiseera. Isaanis adeemsa mindeessuu keessatti iyyattoota hojjattoota IT Kooriyaa Kaabaati jechuun shakkan adda baasuu dubbatan.
Ameerikaatti hundeessaa Alii Sakuriitii kan ta'an Roob Heenlii, dhieheenya kana dhababata isaanii keessatti walitti fufiinsaan eddoo duwwaa fageenyarraa hojjatamuuf mindeessaa akka turan himan.
Adeemsicha keessattis hojjattoonni IT Kooriyaa Kaabaa 30 ol ta'an af-gaaffiif dhiyaachu amanu.
''Jalqabarratti akkuma qoosaatti eenyu sirrii akka ta'efi hin taane adda baasuuf yaalamaa ture. Garuu saffiisaan kana nama aarsu ta'e'' jedhan.
Dhumarrattis iyyattoonni akka karaa viidiyootiin itti dubbatan gaafachuun biyya isaan jiraniitti guyyaa ta'u adda baasuuf yaaluu ture.
''Nuti eddoo kanarratti iyyattoota simataa kan turre Ameerikaa irraa qofa ture. Yoo xinnaate alaa ifa ta'u qaba ture. Garuu ifa guyyaa argee hin beeku.''
Baatii Bitooteessaa keessa hundeessaa walta'aan dhaabbata Poolaandi keessatti argamu 'Vidoc Security Lab' kan ta'an Daawuud Mookzaadiloon iyyattoonni fuulsaanii dhoksuuf haalli hubannoo nam-tolchee (AI) itti fayyadamuun af-gaaffiitti dhiyaatan jiraachu viidiyoo qoodeera.
Erga oggeessota waliin haasa'anii booda, iyyattoota IT Kooriyaa Kaabaa ta'u amma danda'an shammaniiru.

Seenaa kana keessatti odeeffannoo Kooriyaa Kaabaa ilaalchiisuun dhiyaateef deebii argachuuf imbaasii biyyattii UKtti argamu dubbifamuf deebiin hin argamne.
Karaa miliquuf jiru tokkicha
Kooriyaan Kaabaa shara biyya alaatii argachuuf jecha barootaaf hojajatoota gara biyya biraatti ergaa turte.
Lammiileen Kooriyaa Kaabaa Chaayinaafi raashiyaatti hojjattoota warshaalee fi manneen nyaataa keessatti kan mindeeffama 100,000 ta'aniiru mindeeffamuun hojjata.
Jiin Suu erga Chaayinaa keessa waggoota dheeraaf tureen booda haala hojii hinsochoofneen ''miira hidhamuu'' itti dhagahamaa akka dhufe dubbata.
''Bahuun waan nuuf hin hayyamamneef yeroo hunda mana keessa ooluu qabna turre'' jechuun, sochii qaamaa gochuun hin danda'amu, kan barbaaddu gochuu hin dandeessu'' jedha itti dabale.
Ta'us garuu, hojjattoonni IT Kooriyaa Kaabaa biyyaan ala wayita ta'aniitti miidiyaa warra lixaa argachuuf caalaa bilisummaa akka argatan dubbata Jiin suun.
''Addunyaa dhugaa agarta. Biyya alaa yoo taatuu Kooroyaan ala rakkoon akka jirus ni hubata.'' Haata'u malee ta'u, hojjattoonni IT akka Jiin Suutti baduudhaan kan yaadan muraasa qofaadha.
"Maallaqasaanii qabatanii gara manaa deebii'u. Kan baduuf yaaduu baayyee xiqqoodha.''
Mindaa argatan keessaa kan kennamuuf muraasa ta'ulleen Kooriyaa Kaabaatti gatii jabaa qabaata. Baqachuun baayyee balaafamaafi cimaadha.
Chaayinaa keessatti hordoffiin ni taasifama, jechuunis baayyee to'atamaniiru.Kanneen baqachuu danda'an muraasni kunneen ammoo, deebii'anii maatiisaanii arguu hin adnada'an. Isaan baqachuutti firootasaanii addabbiin mudachu mala.
Jiin Suu ammas IT hojjataa kan jiru ta'ulleen, biyyaa baqateera. Yeroo motummaa biyya bulchuuf hojjatuutti ogummaa argateen gara jireenya haaraa akka galuuf akka isa gargaare dubbata.
Sababiinsaas amma hojii baayyee waraqaa eenyummaa sobaatiin hojjataa hin jiru.
Galii amma argatu kan yeroo mootummaa Kooriyaa Kaabaatiif hojjatuutiin gadi ta'u dubbatan, garuu ammoo maallaqa argachu qusachuu waan danda'uuf kiisiisaa keessa maallaqa baayyee qabaachu hima.
''Hojiiwwan seeraan alaa hojjachuun maallaqa argachuu bareen ture. Amma cimee waanan hojjadhuuf maallaqa naaf malu argataan jira'' jedheera Jiin suu.












