CIAn basaastota Iraan, Kooriyaa Kaabaafi Chaayinaarraa qacaruuf beeksisa baase

Madda suuraa, AP
Dhaabbanni Basaasa Ameerikaa (CIA)n Iraan, Kooriyaa Kaabaafi Chaayinaarraa namoota basaasuun odeeffannoo dhiyeessaniif qacarachuuf sochii jalqabuun beekame.
CIAn miidiyaa hawaasaa isaa fayyadamuun ergaa afaan Mandariinii (Chaayinaa), Faars(Iraan), akkasumas afaan Kooriyaatiin dabarseen namoonni fedhii qaban karaa nageenya amansiisaa ta'een isa argachuu akka danda'an ibseera,
Weerara Yukireen irratti baname hordofees Raashiyaanotas galmeessuudhaaf qacarriin wal fakkaatu kan gaggeeffame yoo ta'u, adeemsi qacarrii kanaas akka milkaa'aa ta'e CIAn himeera.
Dubbi-hamaan CIA ibsa kennaniin, "namoonni biyya mootummoota abbaa irraa keessa jiraatan ojiif banaa ta'uu keenya akka beekan barbaadna," jedheera.
Beeksisa qacarrii fuula miidiyaalee hawaasaa akka X, YouTube, Instagram, Telegram fi LinkediIn fa'irratti baheen namoonni fedhii qaban maqaasanii, teessoo isaaniifi bilbilasaanii akka kaa'aniif gaafatamaniiru.
Namoonni odeeffannoo dabaruudhaaf fedhii qaban toora amansiisa ata'e akka Iniskiripid Verchuwaal Piraayiveet Neetiwoork (VPN) ykn marsariitiiwwan dhoksaa ta'an (Daark Weeb) fayyadamuun marsariitii CIA ifatti beekamuun hariiroo akka uummatan gorsa dhiyeesseera.
“Yoo xinnaate Kooriyaa keessatti YouTube ykn miidiyaa hawaasaa irratti haala kanaan fayyadamuun qacarrii walfakkaataan yoo raawwatamu hin yaadadhu’’ jedhan Yunivarsitii See’ulitti piroofesara gargaaraa Siyaasa idil-addunyaa kan ta’an Meesan Riiche.
“Kan milkaa’ina Raashiyaatti argatan bu’uura godhatan fakkaata. Lammilee Kooriyaa Kaabaa baayyeen tajaajila intarneetii waan hin qabneef, milkaa’insaarratti gaaffii qabu,” jechuun BBCtti himan.
Piroofessar Giicheen itti dabaluudhaan, kanneen karaa al-idileetiin daangaa qaxxaamuruun Chaayinaa waliin daldalaniifi daldaltoota Kooriyaa Kaabaa VPN argachuu dana’an irratti kan xiyyeefate akka ta’e himan.
Basaasaan wal qabatee, sababii to’annoo cimaa biyyattiitti taasifamuutiin CIAn Kooriyaa Kaabaa, Iraan fi Chaayinaa "xiyyeeffannaa ijoo" taasifatanii ilaaluun.
“Yaaliin kunis haala adeemsa hordoffii cimaa CIAn sadarkaa addunyaatti qabuutiin qafa bakka buufama’’ jedha ibsi dhaabbanni basaasaa baase. Pirofessar Riicheen garuu odeeffannoon karaa kanaan walitti qabamu irratti shakkii qabu.
‘‘CIAn waan hojjatu kan beeku ta’u tilmaamu qabu jedheen yaada. Mindeeffamtoonni kunneen leenjii hangam fi eddo murtee kennuutti dhihoodha kan jedhus yaadu qabdu’’ jedhu.
‘‘Hojii farra basaasaa irratti garuu hanga tokko gufuu uumuu danda’a’’ jedhen itti dabaluudhaan.

Madda suuraa, CIA/YouTube
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ittigaafatamtoonni dhaabbata basaasaa Ameerikaa bu’aa Raashiyaatti argameen jajabeeffaman ammo, lammiilee gammadoo hin taane irra odeeffannoo bu’aa qabeessa argachu akka danda’an mirkanadha.
‘‘Kanneen odeeffannoo argataniifi namoonni baayyeen haala bulchiinsa pirezidanti Chaayinaa Shiin Jiinpiingiitti hin gammadne baayyeen’’ jiru jedhu Daareektarri ittaanaan CIA, Deeviid Koohan wayita Biluumbargiitti dubbataniitti.
“Sababiiwwan ada addattin tarkaanfii Shiin fudhataa jiran kan hin jaalanneefi nu waliin ta'udhaan haalli itti biyyasaanii deeggaruu itti danda'an hedduun jiraachusaanii kan beekan keessa beektoonni jiru'' jedhu.
Dubbii himaan imbaasii Chaayinaa Liiyuu Peengyuun gama saanitiin, Ameerikaan Chaayinaarratti duula sobaa ''qindaa'aa fi tarsomaawaa'' gaggeessaa jirti jechuun ibsan.
''Ummata Chaayinaa fi CCP (Paartii Koministii Chaayinaa) jidduutti garaagarummaa uumuudhaaf ykn walitti dhufeenya dhihoosaanii dadhabsiisuuf yaaliiwwan taasifaman kamiyyuu hin mikaa'an'' jedhan itti dabaluun.
US duula kaan fakkaatu biyyoota garaa garaatti gaggeessuun, attamii rakkoolee nageenya biyyaaleessaashee akka itti ilaaltuuf agarsiiftuu gaarii kennaa jirti jedhan Dr Riicheen.












