Peegasas: Mosaajii basaasa Israa'el mootummoonni mirga namaa sarban itti fayyadaman

NSO Giruup

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbanni NSO Giruup jedhamu kan Israa'el yoo ta'u mosaajii basaasaa baay'ee balaafamaadha jedhamu 'Peegasas' omishuun biyyoota garaa garaatti gurgura

“Yeroo ammaa tooftaan waraanaa saffisaan jijjiiramee jira. Yoo balaa dhufuuf ittan gaafatama jettee yaadde, 'batanii' tokko cuqaasudhaan yeroo gabaabaa keessatti biyyoonni akka jilbeenfatan gochuun ni danda'ama."

Dubbii kana Konfiransii Sayibar Teekii bara 2017 magaala Tel Aviivitti gaggeeffamerratti Ministeera Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaatu dubbate.

Addunyaarratti biyyoota mosaajii basaasaa omishuun adda duree ta'an keessaa Israa'el tokko.

Mosaajin basaasaa 'Peegasas' jedhamu qabeenyummaan isaa kan dhaabbata dhuufaa Israa'el, NSO Giruup jedhamuu yoo ta'u, mala basaasaa hamaafi haala salphaan bilbilaafi kompiitara namoota dhuunfafi dhaabbilee garaa garaa basaasu akka ta'e ragaalen garaa garaa ni agarsiisu.

Ministiirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu haasaa confiransii Saayibar Teekii bara 2017 gaggeeffamerratti dubbataniin, "sistamni kamiyyuu hatamuu [haak ta'uu] danda'a" jechuun biyyisaanii humna mosaajii basaasaa cimaa akka qabdu akeekan.

Kanumaan wal-qabatee Fulbaana 17 fi 18 Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii miseensonni Hezbollaa qunnamtiif itti fayyadaman 'haak' ta'ee dhohuun namoonni heddu du'anii kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo mada'aaniru.

Raadiyoo qunnamtii harkatti baatamu kana 'haak' gochuun akka dhodhohu kan godhe tika Israa'eli jechuun Hezbollaan Israa'elitti quba qabuun haaloo akka bahus dhaadateera.

Hezbollaan akkuma jedhe mala qunnamtii miseensonni isaa itti fayyadaman butuun akka dhohee namoota heddurra miidhan gahu kan godhe dhuguma Israa'el yoo ta'e, mosaajii basaasaa Peegasas fayyadamtee laata?

Ofii mosaajin basaasaa Israa'el, Peegasas jedhamu kun hangam yaaddessaadha? Mala kamiin bilbilaafi meeshaalee qunnamtii 'haak' gochuu danda'a?

Moosajiwwan basaasaa kaan irraa maaltu adda godha? kan jedhu irratti ragaalee garaa garaa irraa kan qindeessine kunooti.

Peegasas eenyu fa'aatu itti fayyadama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni haleellaa saayibarii irratti hubannoofi akeekkachisa kennuun beekamu CitizenLab jedhamu akka ibsetti, bara 2016 hanga bara 2018 qofaatti biyyoota 45 keessatti mosaajii basaasaa Israa'el Peegasas jedhamu fayyadamuun haleellan saayibarii namoota dhuunfafi dhaabbilee garaa garaa irratti gaggeeffameera.

Keessumaa ammoo biyyoota guddataa jiran keessatti namoota siyaasaa, aktivistoota, gaazexeessitootafi kanneen mootummaa qeequn beekaman irratti xiyyeeffachuun mootummoonni Peegasas fayyadamuun basaasafi dhiibbaa akka irratti gaggeessantu himama.

Dhaabbanni dhuunfaa Israa'el NSO Giruup jedhamuufi abbummaan Peegasas kan isaa ta'e fuula marsariitii isaa gubbaatti dhaabbileen mootummaa shorokeessummaafi yakka ittisuuf hojii hojjatan teeknolojii isaan deeggaru akka dhiyeessuf ibsa.

"NSOn teeknolojii mootummoonni shorokeessummaafi yakka ittisuufi qorachuuf, akkasumas addunyaarratti lubbuu namoota kumaatamaa baraaruf isaan gargaaru ni omisha," jedha.

Dhaabbanni NSO kan mosaajii Pegaasas hojjate, seera Ministeerri Ittisaa Israa'el baasun kan bulu yoo ta'u garuu dhaabbata dhuunfati.

Mosaajii basaasaa Peegasas gaaffii dhaabbilee mootummoota biyyoota garaa garaa irraa dhiyaatuf irratti hundaa'un qaama mootummaa qofaatti akka gurguru ibsa dhaabbatichi.

Haa ta'u garuu biyyoota garaa garaa keessatti keessumaa namoonni siyaasaa, activistoonni, gaazexeessitoonnifi falmitoonni mirga namoomaa mosaajii basaasaa Israa'el omishtu kanaan yeroo basaasaman ni dhagahama.

Dhaabbanni NSO Giruup mosaajii inni omisheen namoota siyaasaa, aktivistootafi gaazexeessitoota irratti basaasni akka raawwatu himannaa irratti dhiyaatu hin fudhatu.

Dhaabbatichi maamiloota isaa [mootummoonni biyyoota garaa garaa] sirriitti erga qorateefi ulaagaa barbaachisu guutuusaanii erga mirkaneeffatee akka itti gurguru ibse.

Bara 2021 miidiyaalen akka Washington Post fi The Gurdian fa'aa akka gabaasanitti biyyoota akka Azarbaajan, Bahareen, Hangarii, Indiyaa, Kaazaakistaan, Ruwaandaa, Saawudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis, Meeksikoo fi Morookoo fa'aa keessatti namoonni mootummaan morman ykn mootummaa qeeqan mosaajii basaasaa Peegasasin adamfamu.

Peegasas maaltu adda godha?

Mosaajiwwan basaasaa heddu ergaa gabaabaa ykn imeelii liinkii qabu isinitti erguun liinkii sana akka cuqaastan isin gaafatu. Yookan ammoo bilbilli ykn kompitarri keessan osoo isin hin beekin namni fuudhee mala basaasaa fe'uun deebisuu danda'a.

Malli basaasaa yeroo heddu beekamu liinkii karaa imeelii ykn ergaa gabaabaa ergamu yoo ta'u, liinkii ergame sana erga cuqaastanii booda mosaajin basaasaa meeshaa qunnamtii keessan to'ochuun ragaa dhuunfaa: suura, viidiyoo, barreeffama, paaswoordii garaa garaa meeshaa keessan keessa jiru salphaatti argata.

Peegasas kan adda taasisu garuu osoo liinkiis ta'ee ergaa homaatuu isinitti hin ergin isin basaasuu danda'uu isaati. Kunis "zeeroo kiliik" jedhamuun beekama.

Qaamni isin basaasuu barbaade lakkoofsa bilbilaa keessan argachuu qofa. Sana booda bilbila keessan irratti karaa intarneetii bilbilama. Isin bilbilicha kaastanis dhiistanis bilbilli keessan "haak' ta'eera.

Qaamni isin basaasuu barbaade, Peegasas fayyadamuun bilbila keessanitti erga bilbilee booda waan isin bilbile keessaniin hojjattan hundumaa fageenyarraa to'ata. Eenyutti akka bilbiltan, waan isin dubbattan sagaleefi viidiyoodhan isin hordofa.

Ergaa barreeffamaa, imeelii, sanadoota garaa garaa karaa bilbilaafi kompiitaraa fayyadamuun namoota wajjin wal-jijjiirtan hundumaa arga.

Peegasasiin basaasamaa jiraachuu keessan carraan ittiin bartan baay'ee dhiphaadha.

Fakkeenyaf, gaazexeessan hojii gabaasa qorannoo mootummaa qeequ hojjatu tokko akeekkachiisni garaa garaa isa qaqqaba yoo ta'e basaasamaa jiraachuu shakkuun dhaabbilee haleellaa sayibariifi basaasaa irratti hubannoo kennan qunnamuu danda'a.

Peegasas hangam yaaddodha?

Israa'el biyyoota dandeettii basaasa saayibarii jabaa qaban keessaa warra adda dureedha. Dhaabbileen moosaajiiwwan basaasaa kalaqan kanneen akka NSO Giruup namoota waraanafi hojii tikaa keessatti muuxannoo yeroo dheeraa qabaniifi hedduunsaanii soorama bahaniin kan hundeeffameedha.

Biyyoota dimokireesin sirnaan hin dagaagne keessatti mootummoonni teeknolojii basaasaa dhaabbata NSO Giruup fayyadamuun namoota siyaasaafi kanneen mirga namoomaf falman irratti dhiibbaa garaa garaa akka gaggeessan himannaan yeroo garaa garaa NSO Giruup irratti dhiyaata.

Haa ta'u garuu, dhaabbatichi teeknolojii basaasaa kana mootummoonni shorkeessummaafi yakkoota garaa garaa akka ittiin ittisaniif malee mirgi namaa akka sarbamuuf akka hin gurgurre waakkata.

Akkaatan itti teeknolojiin Peegasas bilbilaafi kompiitaroota namaa basaasufi haak godhu bifa namni hin shakkineen ta'uunsaa baay'ee yaaddessaa taasisus, teeknojiin garuu namoota heddu ittiin basaasuf baasii guddaa kan gaafatu ta'uunsaa ammoo yaaddoo jiru salphisa.

Dhaabbanni Israa'el NSO Giruup mosaajii basaasaa Peegasas dhaabbilee nageenyaa mootummaatti yeroo gugurgu maallaqa guddaa gaafata.

Kuni ammoo ammoo mootummoonni lakkoofsa namoota basaasanii lakkoofsan baay'ee xiqqaa akka ta'uufi namoota mootummaan "anaaf yaaddoo guddaadha" jedhee yaadu qofarratti akka xiyyeeffatu taasisa.