Bilbilli chaarjiirra yoo bule maaliif dhoha? Maaltu gorfama?

Halkan guutuu bilbila keessan chaarjiirra bulchuun gaarii miti

Madda suuraa, Getty Images

Bilbila keessan chaarjiirra bulchitanii dhohee balaa uumee beekaa? Namni bilbilasaa halkan guutuu chaarjessaa bule ganama balaa isa mudate akkanaan hima.

Abbaan Seeraa Usmaan Kaan Yuusafzaay mana murtii magaalaa Islaamaabaad keessa osoo jiruu waan hin eegne isa mudate.

Akkuma tasaa kiisii / giphii kobbortaa isaa keessaa waa aaruu jalqabe.

Balaa mudate kana argee yogguma sana kobbortaasaa baasee darbate, battaluma sana bilbilli kiisii isaa keessa ture abiddatti geeddarame.

Abbaan Seeraa kun erga taateen kun mudatee booda fuuldura mana murtii sanatti dhimma kanarratti yaada kennee ture.

Bilbillisaa halkan guutuu chaarjiirra akka ture kan hime Usmaan Kaan Yuusafzaayi, kun sababa balaa kanaa ta'uu ibse.

''Rafuu koo dura bilbila kiyya chaarjiirra kaa'een ture. Ganama wayitan ka'un irraa fuudhe. Bilbilichi kanaaf dhohuu danda'e,'' jedhe.

Bilbilli Usmaan Samsung, baatiriin bilbila gosa kanaa wayita dhohee balaa uumu kun kan jalqabaa miti.

Taateewwan walfakkaatan hedduun kanaan dura mudataniiru.

Bilbilli inni qabate kun gosa baatirii lithium-polymer jedhamu qaba, baatiriin kun gosa baatirii liyhium-on jedhamu, kan balaafamaa ta'uunsaa himamu, caalaa naga qabeessa.

Kubbaaniyyaan bilbila oomishan gosa baatirii lithium- polymer jedhamu kana fayyadamuu kan eegalaniifis kanumaaf.

Jalqaba bara 2020 jiraataan magaalaa Kaalifoorniyaa tokko baatiriin bilbila isaa dhohuun bilbillisaas akka gubate Daily Mail'tti himee ture.

Viidyoon wayita bilbilli Usmaan Kaan gubatu agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan erga qoodamee booda, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa hedduun gaaffii gaafataa jiru: Bilbila chaarjiirra bulchuun balaa akkamii qaba?

Bilbila chaarjiirra bulchuun miidhaa akkamii qaba?

Bilbila keenya yeroo tokkotti dhibbeentaa 20 fi 80 gidduu chaarjessuun dansa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bilbila keenya yeroo tokkotti dhibbeentaa 20 fi 80 gidduu chaarjessuun dansa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexaan dhimma teeknooloojii fi saayinsii 'The Conversation' jedhamu bilbilli yeroo ammaa gabaarra jiran hedduun daqiiqaa 30 keessatti chaarjii guuttatu jedha.

Yeroon bilbila keenya chaarjessuuf kennine dandeettii baatirii fi hanga anniisaa elektirikii chaarjaiin keenya dabarsuu danda'urratti hundaa'a.

Garuu halkan guutuu bilbila keenya chaarjiirra bulchuun balaa qaba, dandeettiin baatirii bilbila keenyaa akkaan hir'ata.

Ogeeyyiin bilbila keenya 0 irraa kaasnee sadarkaa %100 hanga ga'utti chaarjessuun sirrii miti jedhu.

Qajeeltoon Samsung akka jedhutti bilbila keenya hanga %100 ga'utti chaarjessuun baatirii miidha jedha.

Ogeeyyiin teeknooloojii yeroo tokkotti dhibbeentaa 20 fi 80 gidduu ta'uu akka qabu gorsu.

Garuu baatiriin akka dhohu kan sababa ta'u yeroo chaarjessuu ta'uu dhiisuu danda'a, rakkoon baatiriin qabus balaa kana uumuu danda'a.

Tarii shiboon chaarjerii rakkoo qabaachuu danda'a, yookiin dandeettiin baatiriin bilbilaa qabuu fi anniisaan elektirikii itti gadhiifamu walsimuu dhabuurraa madduu danda'a.

Yuniversitii Kaambiriijitti ogeessa teeknooloojii kan ta'e Pirofeesar Kileer Gireey akka BBCtti himetti, dogoggorri xiqqoon baatiriin akka dhohu gochuu dandeessi.

Fakkeenyaaf sibiila xiqqoo baatirii keessatti yoo dagataniiru ta'efaa.

Of eeggannoo gochuu qabnu

Ogeeyyiin bilbila keenya zeeroo irraa kaasnee hanga %100 akka hin chaarjessine gorsu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeeyyiin bilbila keenya zeeroo irraa kaasnee hanga %100 akka hin chaarjessine gorsu

Tarkaanfiiwwan gariin baatiriin bilbila keessanii yeroo dheeraa akka turuuf fayyadu, hunda caalaa ammoo balaan akka isinirra hin geenyeef murteessaadha.

Appiin bilbila keessanii kan yeroon irra darbe ta'uu akka hin qabne mirkaneessuu qabdu.

Chaarjarii gosa bilbilaa qabattaniif gorfamu qofa fayyadamaa, chaarjeriin biraan akkaataan itti anniisaa elektirikii dabarsu adda ta'uu danda'a waan ta'eef.

Bilbilli keessa garmalee ho'uu yookiin qorruu hin qabu. Tempireecharii digirii zeeroo hanga 35 gidduu jirutu gorfama.

Chaarjiin bilbila keessanii persantii 20 fi 80 gidduu akka ta'u mirkaneeffachuu qabdu, parsantii 100n hin ga'inaa.

Bilbilli keessan guutnaan chaarjarii irraa baasaa, halkan guutuu irra hin bulchinaa!

Bilbila chaarjeriitti suuqanii bullukkoo, tiraasii yookiin of jala kaa'uun balaa guddaa qaba.

Haala baatirii keessaniis yeroo yeroon ilaalaa, sakatta'aa.

Yoo bilbilli keessan baayyee kan ho'u ta'e yookiin baatiriin keessan dhiita'e gara kubbaaniyyaa bilbilichaa yookiin ogeeyyii teeknooloojii geessaa ilaalchisaa.

Daftanii baatirii haaraa jijjiiruu qabdu, yookiin dhohee balaa uuma.