Baatiriin bilbila keessanii maaliif daddafee akka dhumu beektuu?

Baatirii chaargi gochaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ergaa gabaabaa muraasa, imeelii tokko ergitaniifi marsariitii lamaan sadan tokko mil’attanni baatiriin bilbila keessanii dhuma.

Kanaaf bilbila keessan guyyaa guyyaatti ykn guyyaatti al lamaa sadii chaarjessuun isin irra jiraata. Bilbilli durii akka kanaatti dafee dafee baatirii hin fixu ture.

Maaliif yoo jettan bilbilooti dur qabannu 2G turan. Kan fayyadamanis netwarkii GSM jedhamu ture.

Bilbiloota durii akka ammaa kana waan hundaaf hin fayyadamnu ture.

Yoo baayyate ittiin bilbiluuf yookiin ergaa gabaabaa ittiin erguuf fayyadamna ture.

Takkaa baatiriin isaanii chaarjeffamnaan hanga torbee tokkoo kan turan jiru.

Amma garuu bilbila keenya hojii baayyee ajajnaan.

Ittiin bilbillaa, karaa nutti agarsiisaa, nyaata ittiin ajajannaa, viidiyoo ittiin waraabnaa, suuraa ittiin kaasna, marsariitii ittiin mil’anna k.k.f ittiin dalagna.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dalagaan kuni hunda humna baatirii olaanaa gaafata.

Koompitaraafi bilbilli ammayyeefaman odeeffannoo saffisaan xiinxalu.

Kanaaf immoo elektirooniiwwan dhoksaan finyoon elektiriikii naanna’u jira.

Naanna’uun kuni immoo ho’a olaanaa tahe uuma.

Kanaaf bilbilaa fi kompitaroonni qaawwii qilleensi galchuu itti dhaabama. Sochiin kun hundi humna baatirii gaafata.

Dr Anjeeliin Niikooraa Ameerikaatti ganda teeknolojii kan jedhamu Siliikan Vaalii keessatti qorattuu wiirtuu telekoomii Dechee jedhamuuti.

Moobaayiliin tokko humna ykn anniisaa joolasii(safartuu aannisaa)15,000-20,000 barbaada.

Kana keessaa hangamtu hojiirra oola kan jedhu Dr Anjeeliinaan qoratteetti.

Bilbila keenya irratti intarneetii banuun qofti aannisaa joolasii 12 gaafata.

Kunis intarneetiin odeeffannoo fe’uudhaaf humna gaafatu hin hammatu.

Marsariitiiwwan yeroo hojjetaman yeroo bannee fayyadamnu humna baatirii olaanaa akka fudhatanitti dha.

Fakkeenyaaf marsariitii BBC banuudhaaf humna joolasii 3 isin barbaaachisa.

Marsariiti apple banuudhaaf joolasiii 34 gaafata. Wiikipiidiyaa banuunis aannisaa hanga wal-fakkaataa gaafata.

Marsariitiiwwan irratti fooyya’insa tolchuun rakkoo kana furuu ni dana’u.

Bilbiloota baatiriin keessaa dhume

Madda suuraa, Getty Images

Rakkoo netwoorkii

Yunivarsiitii Teeknolojii Maasaachuseet keessatti barsiisaa saayinsii kompitaraa kan tahe piroofesar Haarii Baalaakshaanaan akka jedhutti rakkoon kan jiru marsariitii irratti qofaa miti.

Dhaabonni intarneetii dhiyeessanillee adeemsi hojii hordofan baatiriin daddafee dhumuusaaf gaafatamoo dha.

Yeroo odeeffannoo dabarsuu barbaannu, dhaabbatni intarneetii dhiyeessu humna guddaa tahe gadhiisa.

Takka humni guddaan gadhiifamnaan hojii humna xiqqoo barbaadu hojjennus hamma humna jalqaba gadhiifameen turuuf carraa qaba.

Piroofesar Haarii akka jedhutti, humni guddaan kuni baatirii fixaa jedhu.

Humni baatiriis, bilbila tokkoo gara biraatti adda adda dha.

Yeroo 3G’n hojiirra oolu baatirii isaaf tahutu qophaa’uu qaba ture.

Humna qusachuu

Moobaayiliin aapppiiwwan humna xiqqoofi guddaa fudhatan keessummeessa.

Keesumaa daawwitii(iskirinii) keenya miidhagaa gochuuf humna guddaa barbaada.

Kanneen humna baatirii guddaa hin fudhanne keessaa tokko appii kitaaba ittiin dubbisan ‘kindle’ jedhamu dha.

Yeroo amma jirru keessatti bilbilli bahaa jiru akka batirii qusatu godhamaa jiraachuu ogeessonni ni himu.

Baatiriin irra deddeebiin chaarji godhamu bara 1990 keessa yeroo kalaqamu ajaa’ibsifamee ture.

Amma immoo aannisaa haarofamutu filannoo fooyya’aa jedhamu fudhatamaa jira.

Tahus aduudhaan baatirii chaarjessuuf yaaliin taasifame badaa hin milkoofne.

Bilbila danbalii raadiyoodhaan chaarjessuuf kan yaalame dha.

Ameerikaatti km30 irraa danbalii raadiyoo irraa dha humna fudhachuuf kan yaalame.

Humni kuni garuu bilbiluufdhaaf gahaa miti, ergaa gabaabaa dabarsuuf garuu danda’ameera.

Yookiin immoo baatiriin keessan yeroo dhumuuf jedhu lubbuu dheeressuu danda’a.