'Samsung' bilbila dadacha'u hojjete

Sumsung mobaayila dacha'u hojjechaa jiraachuusaa ibse

Madda suuraa, Sumsung

Ibsa waa'ee suuraa, Sumsung mobaayila dacha'u hojjechaa jiraachuusaa ibse

Kubbaaniyyaan meeshaalee elektirooniksii guddichi Sumsung bilbila harkaa dadacha'u hojjetee agarsiisa Saan Firaansiskootti qophaa'erratti mul'iseera.

Bilbilli dadacha'u kun samuudaaf kan agarsiifame yoo ta'u ji'oota lamaan dhufan keessatti baayyinaan ni oomishama, bu'uura bilbila ammayyaa isa itti aanuutis jedhameera.

Bilbilli haaraan kun yoo dacha'u bilbila xiqqoo ta'a yoo banamu ammoo 'taabileetii' ta'a.

Banamee dacha'uudhaan qofa mobaayilaa fi taabileetii ta'a jechuudha.

Wayita banamu ykn diriirfamu bal'inni 'iskiriinii' isaa seentimeetira 18.5 ta'a.

Sumsung yaada kana waggaa shan dura bu'uuresse, agarsiisuudhaafis Hawei waliin wal dorgomaa turan.

Mobaayila dadacha'u

Madda suuraa, Samsung

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita cufamu iskiriinii tokko qofatu mul'ata, yoo banamu garuu lamatti ba'a

Mobaayilli dadacha'u kun kan duraarra haphii fi wayita dacha'us ta'ee banamu bifi isaa kan wal qixxaatee kofootti baachuuf namaaf mijatuudha jedha kubbaaniyyaan Sumsung.

Dizaayiniin haaraan Sumsung hojiirra oolchuuf jedhu kun meeshaaleen irraa hojjetamus haarawa kan kalaqamuudha jedha kubbaaniyyaan kun.

Danaa mobaayilii sumsung

Madda suuraa, Samsung

Ibsa waa'ee suuraa, Dizaayiniin haaraan Sumsung hojiirra oolchuuf jedhu kun meeshaaleen irraa hojjetamus haarawa kan kalaqamuudha.

Galiin sumsumg argachaa jiru gadi bu'aa waan jiruuf dizaayinii haaraan kun yoo hojiirra oole gabaa guddaa argamsiisuu danda'a.

Guugiliinis oomisha fooyya'aa qabatee as ba'a jiraachuu beeksiseera.