Bilbilli harkaa jalqabaa erga hojii eegale waggaa 50 darban keessa jijjirama attamiitu umame?

Bilbila harkaa kaleessaa hanga har'aatti

Madda suuraa, Getty Images

Bilbilli mobaayilii yeroo jalqabaaf erga bilbilame waggoota 50 guuteera. Innis Ameerikaa Niiw York keessatti Ebla 3, bara 1973'tti nama Maartiin Kuupara jedhamuun ture.

Namni jalqaba bilbila harkaa kalaquun maqaa masoo 'abbaa mobaayilii' argate Maartiin, bilbila jalqabaa dhaabbata dorgomaa isaatti bilbilulleen deebii hin arganne ture.

Yeroosittis dhaabbilee teknoloojii lama kanneen bilbila harkaa hojjetan gidduutti dorgommii cimaatu taasifama ture.

Kunis dhaabbatichi dorgomaa saa isaan jalqaba tolchu waan hin dandeenyeef gaddu calise.

Innis jalqaba bilbila harkaa Motorola DynaTac 800X jedhamu kan kalaqe yoo ta'u, inni kan qabatee suraa irratti mul'atuudha.

Bara 1983tti kan ifa taasifame yoo ta'u, kunis bilbila harkaa (mobile) namoonni idilee bitachuufi fayyadamu danda'an kan jalqabaa ta'e.

Martin Cooper fi bilbila jalqabaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Motorola DynaTac 8000X kan 'The Brick' jedhamuun beekamu kalaqe.Bara 1983 kan eegalame yoo ta'u, bilbila harkaa fayyadamtoonni idilee bitatanii itti fayyadamuu danda'an isa jalqabaati.

Bilbilli harkaa kana fakkaatan fi kan bara 1980moota keessa hojjtamanis hanga doolaara 2,500 baasu ture.

Isaaniis akkuma qabduu meeshaa biraatti baayyee guddaafi kan ulfaatan waan turaniif, akka bilbilawwan harkaa bara kanaatti kiisii ykn korojoo dubartootaa keessa kaawwatanii deemuuf hin mijatan ture.

IBM Simon

Madda suuraa, IBM UK $ IRELAND

Bilbilli guddaan kun IBM Simon kan jedhamu yoo ta'u, yeroo sanatti jechi ismaarti foon jedhu jiraachu baatulleen, addunyaarratti bilbila ismaartii foonii isa jalqabaa JEDHAME fudhatama!

Bara 1993tti kan gabaarra oollee yoo ta'u, skiriinii gurraachaafi adii qaba ture.

Bilbila Nookiyaa

Madda suuraa, Nokia

Jijjiirama jaarraa tokkoo irratti ammoo, Nookiyaan moodeelii 3310 jedhamee beekamu gabaaf dhiyeesse.

Bilbilli kunis dizaayinii cimaa fi baatiirii umurii dheeraa qabaachuun, akkasumas geemii bofaatiin beekama ture.

Bilbila Nookiyaa 1100

Madda suuraa, Nokia

Achiis bara 2003tti ammoo Nookiyaa 1100 jedhamu gabaarratti dhiyaate. Yeroo sanatti, bilbilli kun meeshaa elektirooniksi seenaa keessatti baayyee gurguramaa ta'ee ture.

Haaluma kanaanis bilbilliwwan miliyoona 250 ol gurguramanii ture.

 Motorola Razr V3

Madda suuraa, BARRY SWEET/EPA/SHUTTERSTOCK

Bilbiloonni daddacha'aan akka Motoroolaa Razr V3 jalqaba bara 2000moota keessa baayyee jaallatamoo turan.

Blackberry Curve

Madda suuraa, Getty Images

Bilbiloonni Bilaak Beerii kiiboordii 'QWERTY' jedhamu, akkuma kanneen kompiitara keessan irratti argattaniin beekamaa ture.

Bilbiloota jalqabaa iimeelii erguu dandeessisu keessaa tokko waan ta'aniif dhaabbilee daldalaa biratti baay'ee jaallatamo turan.

Sababa tajaajila ergaa isaanii, BBM jedhamuuf, ummanni bal'aan illee baay'ee jaallate.

iphone

Madda suuraa, SEAN GALLUP

Bara 2007 Applen kan gadhiifame iPhone addunyaa moobaayilaa guutummaatti jijjiire.

Teknooloojiin iskiriinii tuqaalee isaa milkaa'ina guddaa akka argatu gargaareera.

Samsung Galaxy Z Flip 3

Madda suuraa, SHUTTERSTOCK

Ismaartifooniin har'aa wiirtuu baankii, gargaartota dhuunfaa, iskiriinii sinimaa hamma kiishaa fi taphattoota muuziqaati.

Jireenyi dhala namaa bilbiloota ismaartii ta'an kanaan osoo hin tuqamne hafan muraasa. Bilbiloonni addunyaa uumamaa wajjin walitti dhufeenya keenya illee gidduu seenuuf dhufaniiru.

Qonnaan bultoonnis meeshaalee bilbila irratti hundaa’an kanneen sagantaa jallisii isaanii bulchuuf isaan gargaaranitti fayyadamuun, ragaa buufataalee haala qilleensaa naannoo isaanii irraa argamuun fayyadamaa jiru.

Garuu bilbilli qormaata akkasumas faayidaa fida.Isaanis dhiibbaa hamaa "araada" bilbiloota ismaartii fi miidiyaa hawaasaa kanneen akka Instagram fi Twitter irratti qophii ta'an kennuu isaanii irratti sodaa bal'aa uumuuf sababa ta'aniiru.