US fi UK'n haakaroonni Kooriyaa Kaabaa iccitii niiwkilaaraa hatuuf yaalaa jiru jechuun akeekkachiisan

Nama kompitara gubbaatti barreessu

Madda suuraa, Bill Hinton

Haakaroonni Kooriyaa Kaabaa dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa irraa icciitiiwwan niiwkilaaraafi waraanaa hatuudhaaf yaalaa jiru jechuun Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaa fi UKn akeekkachiisan.

Gareen haakarootaa maqaa Andariel fi Onyx Sleet jedhamuun beekamu dameewwan akka waraana, humna galaanaa, niiwkilaaraa fi injinariingii fa'i irratti xiyyeeffachuudhaan iccitii argachuudhaaf yaalaa jiru jechuun himatan.

Mootummaan Kooriyaa Kaabaa icciitiiwwan kanneenis sagantaalee niwkilaaraa waraana isaatiif itti fayyadamuuf yaalaa jira jechuun himatan.

Gareen haakarootaa kunneenis kuusaa gabbisa uraaniyeenii, dooniiwwan bishaan jala imalaniifi meeshaalee galaana jalaa irraa odeeffannoo argachuuf yaalaa jiraachuufi kan irratti kiyyeeffatan ammoo Ameerikaa, Uk, Kooriyaa Kibbaa, Jaappaan, Hindii fi biyyoota kaan akka ta'e ibsan.

Humni Raayyaa Ittisaa Ameerikaa, Nasa fi dhaabbilee waraanaa kaanis kiyyeeffannicha keessa jiru jedheera.

Akeekkachiisni olaanaan waa’ee garee addaa kanaa kennames, agarsiiftuu hojiin sochii basaasummaa fi maallaqa argachuu kunis, sababii hidhata teeknooloojiif jireenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa qabuuf aanga'ootaaf yaaddessaa ta’uu isaa kan agarsiisudha jedhameera.

Gariichi maallaqa kan argatu dhaabbilee fayyaa Ameerikaa irratti haleellaa saayibarii raawwachuun akka ta'e Ameerikaan beeksiifteti.

Daareektarri Wiirtuu Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessa UK, Pool Chiichastar ''basaasni idil-addunyaa Kooriyaa Kaabaa har'a nu mudate kunis fageenya mootummaan Kooriyaa Kaabaa kaayyoo niiwkilaara waraanaasaa guuttachuuf imalu kan agarsiisuudha'' jedhan.

''Odeeffannoowwan of eeggannoo barbaachisu kanneeniifi qabeenyaa abbeentaa fayyadamuun gatii hangamii akka qabu oggeessoota odeeffannoo onlaayinii murteessaa yaadachiisuu qabna'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen haakarootaa kunis qaama dhaabbata basaasa Kooriyaa Kaabaa akka ta'e beeksiisaniiru.

Akeekkachiifni Ameerikaan, UK fi Kooriyaan Kibbaa baasan kunis attamiin akka haakaroota Kooriyaa Kaabaa ittiin ittifamuun dana'amu ni akeeka.

Haakaroonni kunnneenis roobootii, ciqileewwan nam-tolchee fi odeeffannoo maxxansa 3D hatuuf yaaluusaanii ibseera.

Xinxalaa Olaanaan Google Cloud, Maayikil Baarnhaarti ''Koriyaan Kaabaa balaan jireenya lammiilee guyyaa guyyaarratti akeekite akka laayyootti ilaalamu hin qabaatu'' jedhan.

''Maallaqa argachuuf jecha hoteeloota irratti xiyyeeffachuusaan hanga odeeffannoo basaasan argachu danda'aniitti, dhiibbaan gochaan isaanii kun lubbuu namootarraan gahuuf akka isaan hin dhiphifne agarsiisa'' jechuun dabaluun hima.

Waggoota darban keessa akeekkachiisawwan walfakkaatuu kennaa turan.

Hanni odeeffannoo olaanaadha jedhame kana duuba ammoo Kooriyaan Kaabaa akka jirtu ibsamaa ture.

Fiilmiin dursaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Un-Jopngi wayita ajjeeffaman agarsiisu hojjatamu hordofee bara 2014tti haleellaan odeeffannoo Soonii Piikcharsi irra gahe ni yaadatama.

Gareen Laazaras kan Kooriyaan Kaabaa bobbaaftes doolaaroota miiliyoonotaan lakkaa'amu hataniiru.