'Amma yeroo itti waraanni Gaazaa dhaabbachuu qabudha' - Kaamlaa Heriis

Madda suuraa, Rooyitars
Filannoo Ameerikaa Sadaasa dhuftuuf kaadhimamtuu pireezidantummaa kan taate Pireezidantiin ittaantuu US Kaamlaa Heriis -marii ''ifaafi kan ijaaru,'' jette Netaaniyaahuu waliin adeemsifteetti.
Haasaa Baayidan irraa jabaa taheen Kaamlaan miidhaa Gaazaa irratti gahaa jiruuf ''yaaddoo jabaa'' akka qabdu ifa gochuun akkatti Israa'el haleellaa ofirra qolattu murteessaa tahuus himte.
Waayit Haawusitti fuulaafi fuulatti Netaaniyaahuu waliin haasaa taasisuun booda,''amma yerootti waraana dhaabani dha,'' jette.
Furmaata biyyoota lamaa fiduuf karaan banamu akka qabu jabeessitee himuun lammiileen Ameerikaa lola kana irratti odeeffannoo argatanirratti akka eeggannoo godhan himan.
Netaaniyaahuun Kamisa kaleessaa Pireezidant Baayidan gaafa Dilbataa dorgommii filannoo keessaa of baasan argachuun dubbisanii ture.
Netaaniyaahuun Koongireesiidhaaf Hamaas irratti ''injifannoo guutuu'' akka gonfatan kakachuun booda dha Waayit Haawusitti kan argaman. Yeroo kanatti deeggartoonni Fiilisxeem kumaatamaan lakkaa'aman hiriira mormiif bahanii ture.
Ministirri Mummee biyyattis tahe biyyaa alaatti waraana Israa'el Gaazaa amma ji'a sagalaffaa qabate akka dhaaban dhiibbaan irratti taasifamaa jira.
Pireezidant Baayidan Israa'el deeggaraa waan turaniif Kaamlaan Waayit Haawusitti aangoo isaanii yoo argatte ejjennoon qabaattu waan xiyyeeffannoo argate dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Netaaniyaahuu waliin daqiiqaa 40f marii'achuun booda Israa'el eeguudhaaf ''murannoo hin sochoone qabu,'' jette.
Kaamlaan Onkololeessa 7 yeroo waraanni jalqabe Hamaas kibba Israa'el haleeluun namoota 1,200 ajjeesuu himuun, namoota 250 tahan butuu eerte.
Israa'el haleellaa deebii taasifteen Gaazaa keessa namoonni 39,000 ajjeefamuu kaaste.
''Israa'el mirga haleellaa ofirraa faccisuu qabdi,'' jechuun ''haala hamaa'' Gaazaa keessa jiru irratti yaadoo qabdu ibsiteetti.
''Gidiraa namootaa irratti miira hadoodaa qabaachuuf eeyyamuu hin qabnu, callisuu hin qabnu,'' jette.
''Waliigaltee irraa haa geenyuuti dhukaaasa dhaabuun waraana haa goolabnu.'' Warreen butaman qe'eesaaniitti haa deebifnu, lammiilee Filiisxeemiif haara galfii akkaan barbaadaa jiran haa kenninuufi,'' jechuunis dubbatte.
Netaaniyaahuun kaadhimamaa warra Rippaabliikaanii Donaaldi Tiraamp immoo har'a argatu.
Dubbii Himaan Waayit Haawus Joon Kirbii Netaaniyaahuu fi Baayidan warreen butaman gadhiisisuuf waliigaluu, dhimma lolli gara Libaananitti babal'achuufi, doorsisa Iraan akkasumas marii nagaa irratti ''kennanii fudhachuun,'' akka jiraatu marii'atan jedhan.
Dabaluunis Ameerikaa fi Israa'el ''garaagarummaan qaban akkuma jirutti,'' tahe hariiroo isaaniif fayyaalessa dha.
''Waan hunda irratti waliigalu jechuu miti,'' tahu Baayiden, ''hariiroo MM Netaaniyaahuu waliin qabaniin gammadoo dha,'' jedhan.
Hogganooti Ameerikaa taheen maatii lammiilee US Gaazaatti firooti isaanii Hamaasiin qabamanii jiran walgahii cufaa taasisaniiru.












