Baayidan Haarisiin deeggaraniiru, maaltu itti aana?

Pirezidant Baayidan Kamaalaa Haaris deeggaranii, wanti itti aanee mudatu waan daandii qajeelaarra mul’atu miti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Baayidan Kamaalaa Haaris deeggaranii, wanti itti aanee mudatu waan daandii qajeelaarra mul’atu miti

Pirezidant Joo Baayidan erga ittan fufa jedhanii cichanii booda tasa guyyaa Sambataa dorgommii pirezidantummaa keessaa akka bahan labsuun lammilee Ameerikaa ajaa'ibsiisaniiru.

Hanga yeroon turtii isaanii xumuramutti pirezidantii ta’anii kan itti fufan ta’us, itti-aantuun isaanii Kamaalaa Haaris Paartii Dimookiraatikiin bakka bu’anii akka dorgoman kaadhimaniiru.

Murteen Baayidan kuni Konvenshinii Biyyaalesaa Demokiraatikii ta’amuun dura paarticha qormaata haaraa keessa galcha. Gabaasi kuni wan mudatuuf deemu akeeka.

Amma maaltu ta'e?

Yeroo xumuraaf pirezidantiin US aangoorra jiran marsaa lammataaf biyya bulchuuf dorgommii taasifamu keessaa kan bahan Beeyins Joonsan jedhamu. Kunis bara 1968 dha.

Sababa kanaaf, Guyyaan Filannoo osoo dhihaatee jiru akkatti nama haaraa filannoof qopheessan ifa miti.

Pirezidant Baayidan yeroo dorgommii Demokiraatotaa deeggarsa bakka buutota 3,896 argataniiru.

Kuni paartii isaanii bakka bu’anii akka dorgomaniif kan isaan barbaachisu fagootti caala.

Konveenshiniin Paartii Dimokiraatikii baatii dhufu ta’ama. Kanneen kana dura Baayidaniifi Hariisif deeggarsa kennan yaa’ii itti aanutti eenyuf deeggarsa akka kennan murteessuu qabu.

Baayidan Haarisiin deeggaruun isaanii paartichis Haarisin akka kaadhimu gochuu mala. Garuu mirkanatti kana jechuun hin danda’amu.

Konvenshiniin banaa jiraachuu danda'aa?

Konvenshiniin Biyyaalessaa Dimookiraatikii Hagayya bulti 19 eegala.

Paartiin Dimookiraatikii walitti dhufee nama tokko yoo hin kaadhimne, erga bara 1968 konvenshiniin banaa ta’e qophaa’uu danda’a.

Kana jechuun bakka buutonni [delegates] yoo namoonni garagaraa dhihaatan keessaa waan fedhan filuu danda’u.

Kaadhimamtoonni filannoof dhihaachuu fedhan yoo xiqqaate mallattoota bakka buutota 300 isaan barbaachisa.

Bulchiinsa US tokkorraa bakka buutonni 50 caaluu hin qaban.

Marsaa duraan bakka buutota 3,900 keessaa sagaleen kennama.

Dorgomtoonni marsaa duraan sagalee wayyabaa argachuun yoo hin dandeenye, filannoon marsaa biraa itti fufa.

Filannoon marsaa garagaraa qabu dureewwan paartiifi qondaaltota filaman dabalata.

Paarticha bakka bu’anii dorgomuuf yookiin kaadhimamaa ta’uf, dorgomaan tokko sagalee bakka buutota 1,976 argachuu qaba.

Aadde Haarisiin eenyu morkachuu mala?

Baayidan dorgommii keessaa akka bahan dhiibbaan yeroo itti cimuu jalqabe, namoonni bakka isaanii bu’uu malan jedhaman ifatti as bahuu eegalan.

Bulchituun bulchiinsa Mishigaan Gireechen Witimar kaadhimamaa ta’u malu jedhamaa turan.

Ta’us, yoo Baayidan dorgommii keessaa bahan akka hin dorgomne beeksisaniiru.

Gaafa Dilbataa Baayidan dorgommii keessaa akka bahan erga ibsan booda, 'Tiraamp dhaabuuf' waan danda’an mara akka godhan ibsan.

Akkasumas bulchaan Kaaliforniyaa Gaavin Newsom, Ministira Geejjibaa- Piit Buteejeej, Bulchaa Pensalvaaniyaa- Joosh Shappiiroo, kanneen Baayidan bakka bu’u jedhamanii ka’anidha.

Yoo Haariin Paartii Dimookiraatikii bakka bu’uun kaadhimamaa ta’an, tarii kanneen maqaan isaanii eerame keessaa tokko waliin akka dorgoman filachuu danda’u.