Sudaan Kibbaa: Biyya kubbaa kaachoon addunyaarratti eenyummaa haaraa horachaa jirtu

Taphattoota Kubbaa Kaachoo Sudaan Kibbaa

Madda suuraa, Getty Images

Biyya dhiyeenyatti walabummaa ishee goonfatte ta'uufi waraanaa waliinii dheeraafi gaaga'aa keessa darbuusheetiin uummatni addunyaa ishee beeka.

Biyyi ishee booda akka biyya walabaa haaraatti hundeeffamee beekamtii argate hin jiru.

Biyyi Kun Sudaan Kibbaadha.

Biyyi walitti bu'insaan beekamtu kun amma eenyummaa haaraa addunyaan ittiin beeku horachaa jirti.

Kubbaan kaachoo eenyummaa haaraa Sudaan Kibbaa ta'aa dhufeera. Gareen kubbaa kaachoo biyyattii maqaa masoo Bright Stars jedhu qabu yeroo duraaf Olompikii irratti hirmaachuuf hiree argateera.

Olompikii Paariis har'a eegalerratti biyyoota kubbaa kaachoon hirmaatan maqaa guddaa qaban 12 keessaa Sudaan Kibbaa tokko taateetti. Olompikii kanarratti biyyi Afrikaa biraan hirmaannaa kana argachuuf milkaahe hin jiru.

Dilbata darbe ammoo tapha dorgommii duraa garee US waliin godheen ijoo dubbii addunyaa ta'eera.

Gugurraaleen dhedheeroon, Bright Stars, Ameerikaa biyya ispoortii kanaan warqee Olompikii 16 injifatte injifachuuf fiixeerra gahanii turan. Dhumarrattis qabxii 100-101n injifataman.

Garee kanatti kan maqaa fi simboo hore ammoo urjii Waldaa Kubbaa Kaachoo Biyyaalessaa (NBA) Ameerikaa duraanii Luwool Dengi.

Deng yaada BBCf kenneen ''ergan dhaladhee haasaa waraanaa malee homaa hin beekun ture'' jedhe.

Deng erga biyyaa bahee mana barnootaattis ta'e NBA keessatti sadarkaa galmeesse kamiinuu seenaan isaa baqattummaan kan ibsamu akka ture yaadata.

''Amma garuu seenessa haaraa argachaa jirra'' jedha.

Deng ofii baqataadha ture. Ijoollee ta'ee maatii isaa wajjiin waraana baqatee biyyaa bahe. Booda kana Yunaayitiid Kiingidam keessa kan jiraatu ta'us, Federeeshinii Kubbaa Kaachoo Sudaan Kibbaa hoogganuuf biyyatti deebi'e.

Biyyi waggoota 13 dura bara 2011 walabummaashee argatte kun, taphattoota kubbaa Kaachoo jajjaboo Waldaa Kubbaa Kaachoo Biyyaalessaa (NBA) Ameerikaaf gumaachiteetti.

Bara darbe yeroo jalqabaaf Waancaa addunyaa Kubbaa Kaachoo (Fiba World Cup) irratti Masriifi Aangoolaa waliin Afrikaa bakka bu'uu dandeesseetti.

''Waayee kubbaa kaachoo yeroo haasoftu boona lammiilee Sudaan Kibbaatti dhagaahamu arguu dandeessa'' jedhe gaheessi ganna 39 Dengi.

''Osoodhuma kubbaa kaachoo hin taphataniyyuu ta'ee, waayeesaa hanga sitti odeessanitti hin obsan. Amma boqonnaadha. Dhumarratti waan gaarii irraa dubbannu arganne.''

''Biyya umrii xiqqaa addunyaa taanee, seenaa baayyee qoodnu hin qabnu ture'' jedha.

Paarisitti seenaa umrii guutuu hojjechuu

Tapha USA fi Sudaan Kibbaa

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan Kibbaa yeroo duraaf Olompikiirratti kan hirmaatte bara 2016 isa Riyootti gaggeefame irratti. Atileetota jaha qofatu biyyattii bakka bu'e.

Amma ammoo gareen kubbaa kaachoo qofti atileetota 12 of keessaa qaba.

Deng atileetotni 12 kun garee jalqabaa alaabaa biyyaa qabatan ta'uun Paarisitti seenaa umrii guutuu hojjetuu jedhe.

Diyaaspooraan Sudaan Kibbaa biyyasaatti deebi'ee wan gaarii tokko akka hojijetus kaka'umsa ta'a jedha.

Garuu kubbaan kaachoo maaliif hiree Sudaan Kibbaa ta'e?

Deng Sudaan Kibbaa addadha jedha.

''Lammiilee Sudaan Kibbaa hedduun dhedheeroo, qaqal'oofi qaamnisaanii dadacha'udha. Dhalootaan kubbaan kaachoo ispoortii nuuf mijatuudha'' jedhe.

Deng Gireet Biriteen Olompiika bara 2012 irratti kubbaa kaachoon shaampiyoonaa akka taatu hedduu gargaareera.

Hunda caala garuu kan garaa isa gahe biyya Afrikaa qabxii olaanaa fiddee Olompikiirratti hirmaachuu dandeesse ta'uusaaniitiinidha.

Olompikii Paarisiifi ramaddii Sudaan Kibbaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Olompikii Paaris kanarratti biyyoota 12tu kubbaa kaachoo gama dhiirotaan walmorkata.

Biyyootni kunniin afur afur ta'anii ramaddii sadiitti bahaniiru.

Sudaan Kibbaa, USA, Poorto Riikoo fi Sarbiyaa waliin ramadamte. Biyyootni akka Kaanadaa, Faransaay, Jarman, Ispeeniifi kaan ramaddii lamaan hafan keessa jiru.

Ramaddii kanneen keessaa warra tokkoffaafi lammaffaa ta'anitu marsaa itti aanutti kallattiin darba. Gareen qabxii gaariin sadaffaa ta'an lamas carraa darbuu qabu. Achii booda ramaddii mo'anii darbuutu baha. Akkas jechaa hanga xumuraatti wal harcaasaa deemu.

Gareen Ameerikaa akka Le Broon Jeems fa'aa of keessaa qabu, meedaaliyaa warqee Olompiikii 20 ta'u keessaa 16 inifate shaampiyoonaa ta'uun adda dureedha. Olompiika walitti aanan afuris injifateera.

Deng bakka biyyootni waliin dorgoman gahan akka hin jirre amana. Ammo gareensaa taphattoota jajjaboo muuxannoo qaban akka qabu dubbata.

Deng Sudaan Kibbaa taphattoota jajjaboo qabaachuu haa dendeessuyyuu malee meeshaalee fi teeknoolojii barbachisoo hin guuttanne jedha.

''Nuuf Olompiikaratti hirmaachuun waan guddaadha, bakka isaan gahan gahuuf garuu nu hafa.''

Sudaan Kibbaa gara dorgommii kanaa kan dhiyaatte garee Gireet Biriteen injifachuun, USA ammoo injifachuutti dhiyaachuuni.

Taphataan garee USA Antonii Ediwaards ''nu qoraniiru, dorgommii jabaa ture'' jechuun garee Sudaan Kibbaa jajeera.

''Taphattoota jajjaboo qabu. Akka mo'amuu dandeenyu nutti agarsiisaniiru.''

Gareen Deng Olmpikarratti hirmaachuu danda'uusaaf faarfameera. amma kan itti aanu Paarisitti seenaa biraa dalaguudha.

''Amma waan biraa raawwachuu qabnutu jira ilaalcha jedhu qabaachuu qabda'' jedha Deng.

Taphni jalqabaa garee Sudaan Kibbaa Dilbata dhufu Poorto Rikoo waliini.