Uffanni kubbaa kachoo Obaamaa fi Jordaan gatii rekordii ta'een gurguraman

Uffanni Michael Jordan, Colin Kapaernick, Barack Obama fi LeBron James uffatan Birrii miiliyoonaan gurguraman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Uffanni Michael Jordan, Colin Kapaernick, Barack Obama fi LeBron James uffatan Birrii miiliyoonaan gurguraman

Huccuun taphataa beekamaa NBA Maayikil Jordaaniifi Baaraak Obaamaa yeroo kubbaa kachoo uffatan, gatii rekoordii haaraa ta'een Los Anjalasitti caalbaasiin gurguraman.

Sadariyaan Jordaan lakkoofsa 23 qabu, gaafa inni kilaba Chicago Bulls'f 1984tti mallatteesse uffatee taphate, doolaara 320,000 yookaan Birrii Itoophiyaa miiliyoona 12 ol gurgurame.

Sadariyaan Obaamaa wayita garee Mana Barumsaa Punahou'f keewwatan ammoo, doolaara $192,000 yookaan Birrii Itoophiyaa miiliyoona 7.3 tahun gurgurame. Kunis uffata ispoortii mana barnootaa sadarkaa lammaffaaf gatii rekoordii tahedha.

Bara dabres sadariyyaan mana barumsaatti uffatan biraa $120,000tti gurguramee ture.

Dhaabbanni caalbaasii Julien's Auctions akka jedhutti, Aabba Obaamaan uffata kana 1979tti kan uffatan yogguu tahu, lakkoofsi isaallee 23 ture. Gaafas gareen Obaamaa dorgommii kubbaa kachoo kutaa biyyaa Hawaii injifataniiru.

Jaalalli Obaamaan kubbaa kachoof qaban jireenyasaanii hundatti waliin as gaheera. Kitaaba haarayaa maxxansan A Promised Land jedhu keessattis dhimma kana kaasan.

Garee kubbaa kachoo intala isaanii Saashaa wayita leenjisaa turanitti, maatii garee morkataarraa qeeqni yookaan yaadni kennameef. Innis garee intalasaatiif faayidaa olaanaa kennaafi jira kan jedhu ture - kanaanis leenjisummaa isaanii dhaaban.

Ispoorteessaan biliyoonera jalqabaa tahe Maayikil Jordaan, 1990'oota keessa garee Chicago Bulls waliin tahuun chaampiyoonaa NBA jaha mo'ateera.

Dokumentariin 'The Last Dance' jedhuufi waa'ee milkaa'ina garee kanaa agarsiisu, Netflix gubbaa haalaan daawwatamaa ture.

Dokumentarii kan keessatti Pireezidant Obaamaan namoota afgaaffii kennan keessaa tokko turan: ''Maayikil Joordaaniifi gareen 'Bulls' aadaa jijjiiran,'' jedhan.

Rekordiin amma dura tisheertii Jordaan ''lakkoofsa 23''f baafame doolaara 288,000 ture - ji'a Waxabajjii keessa.

Caalbaasii si'anaarratti wantoota dhiyaatan keessaa, tisheertiin taphataa beekamaa Lebron Jeemis irratti mallatteesse $128,000'n gurgurame.

Kana malees tishertiin taphataa beekamaa NFL Colin Kapaernick uffatee San Francisco 49ers'f yeroo jalqabaaf ittiin taphates, gatii rekordii $128,000 baaseera.

ALA 2016tti, Kaappernik loogii sanyiirratti hundaa'e mormuun mallattoo ta'eera.

Gaafas taphataan kun, wayita faaruun alaabaa Ameerikaa wayita faarsamu, dhaabbachuu didee jilbeenfate. Ergasii mallattoon kun diddaa agarsiisuus ooleera.