Makoodiin dorgommii Beeljiyem dolaara miiliyoona lamatti siquun gurguramte

Madda suuraa, Reuters
Makoodii yookaan gugeen wal dorgommi Beljiyeem, gatii rikoordii haaraa tahe - doolaara miliyoona 1.9n gurguramte.
Gugeen dhalaa ganna lamaa Niiw Kiim jedhamtu jalqaba yuuroo 200n gurguramuuf kan caalbaasiif dhiyaatte ta’us, Dilbata nama Chaayinaa jiruun rikoordii haaraan gatii guddaan gurguramte.
Kurt Van de Wower, kan maatiin isaa gugee kana horsiisan, yeroo oduu kana dhaga’an ''na’uu'' isaanii dubbachuu Reuters gabaaseera.
Kana dura rikordii kan qabate ture gugee kormaa ganna afurii yuuroo miiliyoona 1.25n gurguramee ture.
Gugeen beekamaa Armandoo jedhamu kun erga bara 2019tti gurguramee booda dorgommii irratti hirmaachuu kan dhaabe yoo ta’u, cuucii hedduu horateera.
Niiw Kiim bara 2018 keessatti dorgommii biyyaleessaa fageenya giddugaleessaa dabalatee, waldorgommii hedduu kan mo’atte ta’us, ergasii garuu sooroma baatetti.
Niiw Kiim kan bitamte erga morkii caalbaasii namoota Chayinaa lama boodadha. Chaayinaatti waggooti dhiyoo keessatti wal dorgommiin makoodii haalaan dabalaa dhufeera.
Gugeewwan dorgommii hanga ganna 10tti cuucii horsiisuu ni danda’u, namni Niiw Kiim bitates horsiisaaf fayyadama jedhamee eegama.
Qopheessitoonni caalbaasichaa gatii hanga kanaan gurguramuun ishee kan addaati jedhu.
''Gugee dhalaa waan taateef gatiin isheen itti gurguramte waan amanamu miti.
Yeroo hedduu gugeen kormaa cuucii hedduu horuu waan danda’uuf, gatiin irra qaaliidha,” jechuun hundeessaa fi hogganaan mana calbaasii Pipa, Nikolaas Geyselberch Reuters’tti himeera.
Akka Nikolaas jedhutti Beeljiyeem keessatti bekkamtiin gugee yeroo dheeraaf kan ture yoo ta’u, namootni gugee horsiisan 20,000 ol biyyattii keessa jiru.













