Paakistaan:Lammiin Paakistaan gugeesaa Indiyaan 'basaastummaan' qabatte naaf deebisaa jedhe

Madda suuraa, ANI
Lammiin Paakistaan gugeensaa 'basaasuudha' shakkii jedhuun Indiyaatti jalaa qabamte kan kootii naaf deebisaa jechuun ministira mummee Indiyaa gaafate.
Lammiin Paakistaan kun addatti ministira mummee Indiyaa Naarendiraa Moodiitin gugeen 'basaasaan' shakkamtee qabamte kun dhugumatti kan kootii naaf deebisaa jechuun gaafachaa jira.
Namni daangaa biyyoota lamaaniirraa km4 fagaatee jiraatu gugee ayyaana Iidiifan akka balaliituufan ishee gadhiise jedhe.
Poolisiin gugeen qabamte kun lukasheerraa amartii barreefama qabu qabdi waan ta'eef walii barreefamichaas qulquleessaan jirra jedheera.
Namni gugee kana kan kooti jedhe immoo barreefamichi icciitii tahe kun lakkoofsa bilbilaa kootii jedheera.
Gaazexaan Paakistaan Dawaan jedhamu namichi Haabibullaah akka jedhmuufi gugeewwan baayyee akka qabu gabaaseera.
Haabibullaan gugeen 'mallattoo nagaatii mootummaan Indiyaa shimbirroowwan nagaa dararuu dhaabuu qaba jedheera.
Wiixata darbe ture, jiraattonni magaalaa Kaashmiir gugee kana qabanii poolisiif kan kennan.
Kaashmiir bulchiinsa biyyooti lameen irratti wal lolanii dha.Naannichatti dhukaasni irra deddeebiin dhagahama. Yeroo ammaas naannicha Indiyaatu bulcha jira.
Gugeen Paakistaan irraa Indiyaa yoo dhuftu kun jalqaba mitii jedhan qondaalotni.
Baatii Caamsaa bara 2015 keessa gugeen adii daangaa irratti argamtee qabamtee turte.
Bara 2016ttis gugeen biraa tokko barreefama ministira mummee biyyattii doorsisu fannifattee qabamtee turte.
Biyyooti lamaan kun waggootii dheeraaf wal-lolaa kan turan yoo tahu, waraanni inni dhumaa gidduu isaanittii adeemsifame bara 1971tti ture.

















