Indooneezhiyaa: 'Adamoof ba'een simbira boo'u arge - amma kunuunsaan jira'

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Adamoof ba'een simbira boo'u argee - amma kunuunsaan jira'

Sirnaakkoon Leuser jedhamu odola Sumaatraa biyya Indoneeziyaa keessatti argamu akka addunyaatti lubbu qabeeyyii baayyee garaa garaa ta'an hedduu qabaachuun beekama. Akkasuma ammoo adamoofi daldala bineensota bosonaa seeraan alaatiin beekama. Qote-bulaan seeraan ala adamsuudhaan beekamu tokko garuu qalbii jijjiiratee bineensota bosonaa kunuunsuutti ce'e.

Seenaa simbirroo tokkootu seenaasaa jijjiire.