Baaraak Obaamaan akka abbaa qabeenyaafi michuu hojiitti, Waldaa Kubbaa Kaachoo Afrikaatti makame

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan, Waldaa Kubba Kaachoo Biyyaalessaa Afrikaa, NBA, akka abbaa qabeenyaa harka xiqqaa keessaa qabuufi ''michuu tahuun itti makame.
Afrikaa keessatti kubbaan kaachoo humna carraawwan jiran beeksisuu, fayyummaa, wal qixxummaafi gahoomsuu qaba,'' jedhan Obaamaan.
NBA Afrikaan, qaama Waldaa Biyyaalessaa Kubbaa Kaachoo yoo tahu, liigii Kubbaa Kaachoo Paan Afrikaa haaraa deeggara. Kunis sirni eebbaa isaa ji'a Caamsaa keessa garee 12 biyyoota 12 irraa ijaaramaniin gaggeeffame.
Dorgommiin kun haala jireenyaa dargaggoota Afrikaa fooyyessuu irrattis sagantaa hojjetu qaba. Haleellaa saala irratti hundaa'e hambisuuf hubannoo uumuu fi barnoota shammarranii jajjabeessuu irrattis ni hojjeta.
Pirezidaantiin duraanii US Baaraak Obaamaanis sagantaalee kanneen irratti kan hirmaatu yoo tahu, dameen hawwaasummaa NBA akka guddatuuf ni deeggaru.
"Haala kanaan Baaraak Obaamaan qooda/ gahee xiqqaa Waldicha keessaa kan qabaatu yoo tahu, fuulduratti Faawondeeshinii Obaamaa Damee Dargaggootaa fi Hoggansaa ittiin tumsuuf itti fayyadamuuf karoorseera," jedhe NBA.
Obaamaan kubbaa Kaachoo humna namoota walitti fiduun gahoomsuu qaba jedhan.
"Sadarkaa gahumsa ol aanaatti taphachuuf dandeettii isaa yoon qabaachuu baadhellee, Kubbaa Kaachoo ammallee waan jireenya koo toora naaf qabsiisedha. Akkamiin akka jabaatanii hojjetan na barsiise. Akkamiin akka dorgoman, akkamiin garee keessatti akka qabaman na barsiiseera,'' jedhe viidiyoo NBA Afrikaan waa'ee waliin hojjechuu isaa ilaalchisee Tiwiitera irratti qoodeen.
Pirezidaantiin duraanii kun waggoota lama dura yeroo ganda dhaloota abbaa isaa Keeniyaa keessaa dawwatee turetti dirree Kubbaa Kaachoo banee, '' hunda keenyaafuu akka Afrikaan taphicha addunyaatti agarsiisuuf akka jedhan ifaa ture.''
Taphni kubbaa kaachoo kun Ameerikaa keessatti kubbaa miilaa caalaa jaalatamaa fi deeggartoota hedduu kan qabudha.












