LeBirooon vs Zilaataan: Kophee siyaasaa eenyu mo'ata?

Taphataan kubba kaachoo adunyaa irratti haalan beekamu Jeemsi LeBiroon taphataan kubba miilaa beekamaan Iswiidin siyaasa keessaa bahi jennan aariin deebii kenneera.
Ziilaataan gaaffiifi deebii TV tokko irratti taasiseen namootni ispoortii keessaa beekamoon akka Jeemsi ''gaarii waan hin fakkaanneef'' siyaasa keessaa bahuu qabu jedhe.
Jeemsi yoo deebisuuf; '' Ani wantoota dogogoraa yoon arguu callisuu hin danda'u'' jedhe. ''Dogogorte natti dhufte...an hoj-maneekoon hojjedha.''
Lamaan isaaniiyyuu gosa ispoortii jiran keessatti namoota haalaan beekamnidha.
Ibirahimovich gaaffiif deebii ' UEFA and Discovery+' jedhu Iswidinitti taasise irratti aktivizimii siyaasaa namootni ispoortii beekamoon taasisan qeeqe.
Waan irratti gaarii taate hojjedhu. Gosa hojii irratti cimaa taate hojjedhu. Ani kubba miilaan taphadha, sababni isaa ammoo kubba taphachuu irratti gaarii waanin taheef. Anaaf mata duree tokko tokko dhiisanii waan irratti cimaa tahan irratti osoo hojjetan gaariidha.
Deebiin Jeemsi gaafa Jimaataa kilabni isaa LA leekers kilaba Portilaandi erga mo'atanii kenne gita hin qabu.
''Wantoora dogogoraman argee tasumaa callisuu hin danda'u,'' jedhe.
Waa'ee uummata koon lallaba. Waa'ee wal qixxummaa, haqi uummataa dhibuu, sanyummaa, tooftaan filattoota cunqursuufi wantoota hawwaasa keenya keessa jiranin lallaba.
Karaan hanga dhumaatti ispoortiitti qabamee jiraadhu hin jiru. Sababni saa hammam carraan kunii fi sagaleen koo humna qabun beeka.''
Jeemsi yaada Ziilatanittis burjaajja'eera. Taphataa beekamaan kubba miilaa kun yeroo hedduu warra sanyummaa lellisan mormuun dubbachaa ture.
Jeemsi akkas jedhe. ''Inni Iswiidin keessatti nama waanuma wal faakkaataa dubbataa ture. Sababni isaa maqaan isaa xumuraa maqaa warra iswiidin isa barame miti. Yeroo direetti bahu akka arrabni sanyummaa irrati gaggeefamutti yaada ture.''
JaDhugumaan bara 2018 Zilaataan miidiyaa Faransaay 'Canal+' jedhamu irratti akka atileetota Iswwidin warra kaanii kunuunsa wal qixaa akka hin arganne himeera. '' Kun dhimma sanyummaati. Sanyummaan jira hin jedhu garuu sanyummaan dhoksaan raawwatu jira.''
BBC irrattis haaluma wal fakkaatuun ji'a Muddee keessa dubbatee ture. Erga Romelu Lukaakuu waliin tapha darbi Miilaaniin dirree irratti ji'a Amajjii keessa walitti bu'aniis ofirraa ittisaa ture.
Jeemsi gama isaan siyaasaaf qeeqamaa ture. Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi waliin dhimma cunqursaa sanyummaa irratti yeroo jilbeenfachuun mormaa turan walitti bu'ee ture.Gaazexeesituun 'Fox News' ''callisii kubbakee gangalchi'' jetten ture.
Ziilaataan waggaa 20 dura irraa eegaluun kubba miilaa karaa pirofeshinaala taheen taphachuu kan jalqabe yoo tahu biyyoota torba keessatti sadrkaa ol aanaan taphateera.
Waancaawwan 30 ol mo'ateera. Galchiiwwan 500 lakkoofsisuun ammayyuu umurii ganna 39'n AC Milaan keessatti gahumsa ol aanaan taphachaa jiru.
LeBiroon ganna 36 yoo tahu seenaa dorgommii kubba kaachoo keessatti taphataa haalan beekaamaa taheera.
















