Raahem Isteerling: Gaazexoonni kubbaa miilaa keessa 'sanyummaa babal'isaa jiru' jedhe

Raahem Isterliing

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Raahem Isterliing tapha Siitiin Chelsiin mo'ame irratti sanyii isaatin arrabsameera jedhame

Gaazexoonni akkitti isaan taphattoota dargaggoo gurraacha miidiyaarratti dhiheessan ''sanyummaan akka dagaagu'' gargaaraa jira jedhe taphataan sarara duraa Manchister Siitii Raahem Isteerling.

Isterliing tapha gaafa Sambataa Chelsiin dirree isaa irratti Siitii 2fi 0'n mo'e irratti kubbaa yeroo fudhachaa turetti itti iyyanii ture.

Viidiyoon inni yeroo sanyii isaatiin arrabsamu miidiyaa hawaasummaa gubbaa namuu walii qoodaa ture.

Chelsii fi poolisiin magaalatti himata dhihaate qorataa akka jirtuufi Waldaan Kubbaa Miilaas qorannoo eegalame nan deeggara jechuun ibseera.

Isteerling erga arrabsame jedhame booda yaada isaa miidiyaa hawaasummaa irratti barresseera.

Instaagiraama isaa irrati akka barreessetti, kana caalaa ''waan hin eegneef'' yeroo na arrabsan ''kolfeera'' jedheera.

Barreefama isaan Isteerling taphattoota kilabii isaa lama walbira qabeera; Tosin Adarabiwoyoo fi Fil Foodan.

'Taphattoota lamaan'

Mata dureen gaazexaa taphataa Siitii gurraacha ta'eefi ergisaan amma West Biroom jiru ''Pirimiyeer Liigii taphachuu eegalu baatus'' harmee isaaf paawundii miiliyoona 2.25'n mana bituu isaa hima.

Faallaa isaan, utubaan Foden jedhamuufi adii ta'e immoo ''harmee isaaf paawundii miiliyoona 2n mana bituu'' isaafi ''eegere tolfachuu'' isaatu gabaafame.

Tapahattonnii dargaggoo kilabii tokko lamaan nama jaalatanif waan gaarii dalagan kan jedhu Isteerling, ''mee ilaalaa garuu akkitti gaazexoonni taphataa adiifi gurraachaaf ta'anif barreessan,'' jedheera.

''Akkan yaaduti kuni fudhatama hinqabu. Kan taphataa gurraachaa akka hintollen gabaafamuun sanyummaafi amalli badaan akka dagaaguu gargaaraa jira'' jechuun ibseera.

Isteerling yeroo hedduu ijoo dubbii namootaa ni ta'a. Dhiheenya kana tumaa miila isaarraa namoonni haasa'aa turan.

Haa ta'u malee, tumaan qawwee miila isaarra jiru abbaa isaa Jamaayikaatti du'an akka yaadachiisu dubbateera.

'Meerre isaan?'

Dhaabbanni 'Kick it Out' jedhamu sanyummaa kubbaa miilaa keessaa dhabamsiisuuf hojjeta.

Hundeessaan dhaabbatichaa Lord Owusilii, ''wanti Chelsiitti raawwate waan kubbaa miilaa keessa deemaa jiru agarsiisa,' jechuun BBC Ispoortitti himeera.

''Meerre hogganaan pirimiyeer Liigii, meerre dura taa'aan Waldaa Kubbaa Miilaa, meerre dura taa'aan Chelsii? Waan dhalate haasa'u qabu turan.

''Baay'ee nama dhukkuba. Taphattoonni yeroo wanti tokko isaa mudatu murteessaa kubbaa miilaaf himuu qabu. Isterliing waan kana godhe natti hinfakkaatu.''

Hogganaan kuni murteessitoonni kubbaa miilaa aangoo namoota badii kana raawwatan dirree keessaa baasuu waan danda'anif taphattonni itti himuu qabu jechuun dubbataniiru.

Taphattonni, xinxaltoonni kubbaa miilaa hedduu waan Isterliing mudate kana balaaleffachuun barreessaniiru.

''Amala sanyummaa akkanaa akka itti fufu eeyyamaa jirraa?'' jechuun taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid fi Ingilaand Riyoo Ferdinaand dubbateera.

Tapha gaafasii kan xiinxalaa ture Iyaan Raayit immoo ''guyyoota duriitti deebine,'' jedheera.

Gaafa Dilbataa Dubbii Himaan Waldaa Kubbaa Miilaa Ingilizii dhimma kanatti fala fiduuf kilabootaafi qondaaltota waliin ta'un akka hojjetan himaniiru.

Gama kaanin, Pirimiyeer Liigiin ibsa baasen, ''Kilabichiifi poolisiin waan ta'e qorataa jira jedheera''.