Atileetiin Keeniyaa Iluud Kipchoogee rikardii Maaraatoonii haaraa Addunyaa galmeesse

Madda suuraa, JOON MAKDOUGALL
Atileetiin Keeniyaa Iluud Kipchoogee dorgommmii maratoonii Jarman magaalaa Berlinitti gaggeeffame irratti sa'aa 2:01:39 galuun Rikardii Maratoonii Addunyaa galmeesse.
Atileetiin ganna 33 kun daqiiqaa tokkoo fi sekondii 20 'n yeroo kanaan dura galmaa'ee ture fooyyessuun dorgommicha mo'ate.
Rikardichi bara 2014 bakka wal fakkaataa Berlinitti Atileetiidhuma lammii Keeniyaa biraa Deenis Kimeetoo dhaan galmaa'ee ture.
Deenis Kimeetoo dorgommicha sa'a 2:02:57tti galuun ture kan mo'ate bara 2014.
Dorgommichaan boodas Kipchoogeen ''jechan guyyaa har'aa kana ittiin ibsu hin qabu, Rikardii Maraatoonii Addunyaa cabsuu koof baay'een gammada'',jedhe.
Dorgommii kana dubartootaanis atileetiin Keeniyaa Gilaadiis Cheeroonoo sa'a 2:18:11tti galuun mo'atteetti.
Atileetonni Itoophiyaa Ruutii Aagaa fi Xirunash Dibaabaa 2ffaa fi 3ffaa tahuun xumuraniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kipchoogeen bara kana jalqaba irratti Maraatoonii Landan yeroo sadaffaaf mo'ateera, akkasumas fageenya kanaan Shaampiyoonaa Olompikaati.
''Dorgommichi baay'ee ulfaataa ture. Haa tahu malee ani dorgommii mataakoon fiige, leenjistootakoo fi sagantaa koo nan amana'' jedhe.
Kunis akkan kiloomeetira xumuraa irratti humna guddaan fiigu na taasiseera jedhe.
Kipchoogeen bara 2017 sekondii 26'n fiigicha maaraatoonii yeroo jalqabaaf sa'aatii lamaa gadiin galuuf ture dhabeera.
Dorgommicha sa'a 2:00:25 dhaan ture kan xumure. Haa tahu malee sa'aan kun akka rikardii addunyaattii osoo hin galmaa'iin hafeera.













