Daaymandi Liigii: Kipruutoon kopheen ittii ba'us fiigicha meetira 3000 mo'ate

Kopheen tokko ittii ba'uun mo'acha argateef akka humna isaaf ta'e dubbateera Kiprutoon

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kopheen tokko ittii ba'uun mo'acha argateef akka humna isaaf ta'e dubbateera Kiprutoon

Atileetiin Keenyaa Conseslus Kiprutoon fiigicha gufachiisaa meetira 3000 irratti kopheensaa tokko ittii ba'us garuu boodatti utuu hin hafin mo'ateera.

Dorgommiin Daymandi Liigii IAAF Swizerlaandi magaalaa Zuurik keessatti dorgomame.

Kopeensaa wayita marsaa naanna'u miila tokkorraa ba'e, inni garuu fiigicha addaan hin kutne.

''Waan nama jeequ ture, garuu ana irruma caalaa humna naaf ta'e. Hamman danda'u jabaadhee waanan fiigeef haala gaariin xumureera.'' jedhe.

Kipruutoon chaampiyoonaa fiigicha gufachiisaa addunyaati.

''Kopheen koo bitaa waan nattii ba'eef miidhameera.'' jedhe Kipruutoon. Boodas Tuwiitarasaarratti '' Kophee miila tokkootiin fiiguun ni ulfaata, garuu miira jabinaa cimaadhaan waanan fiigeef gonkumaa harka hin kennine, daawwattoonni baayyee raajeffatan, anattis hamilee horaniiru.''

Kipruutoon gufachiisa isa dhumaa atileetii Morookoo Soufiane El Bakkali waliin wayita utaalu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kipruutoon gufachiisa isa dhumaa atileetii Morookoo Soufiane El Bakkali waliin wayita utaalu

Dorgommii booda atileetichi suuta okkolaa daawwattootatti harka afarsee nagaa gaafachaa ture.

Ergasii Pirezidaantii Itti Aanaa Keenyaa Wiiliyaam Ruutoo dabalatee , lammiileen Keenyaa hedduun miidiyaa hawaasummaarratti nama kana jajaa turan.

Atileetiin biyya tokkoo wayita kophee luka tokkoo qofaan fiigee mo'atu kun isa jalqabaa miti.

Bara 2011 atileetiin Itoophiyaa Dajan Gabramasqal kopheen lukasaattii erga ba'ee ittumaan fiigee meetira 3000 mo'ateera. Atileetii Biriiteen Mo Farah mo'ate.

Bara 2015 ammoo atileetumti Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee utuun kopheensaa isa rakkisuu maraatoonii Barliin mo'ateera.