Xiinxala Kitaabaa: 'Yeroo sirrii itti dhalatan - Odeessa Fayyisaa Leellisaa'

Atileet Fayyisaa Leellisaa

Madda suuraa, AFP

"Bilisummaaf qabsaa'uuf ani karaa adda ta'en filadhe. Maaraatooniin Olimpikii Riyoo De Jeneriyoo bara 2016 eessatti akka eegaleefi wayita xumuramu harkaa koo qaxxaamursuun dhugumatti maal jechuu akka ta'e ammallee na ajaa'iba."

Kunneen jechoota Atileet Fayyisaa Leellisaa kan bara 2016 Olimpikii Riyoo De Jeneeriyoo irratti harkaa isaa qaxxaamursuun xiyyeeffannoo addunyaa argateeti. Gochi isaa kun hanga yaadameen ol bu'aa argamsiisee jira.

Isteefanii Isteegal, barreessituun lammii Awustoraaliyaa, taatee kana irraa ka'uun kitaaba Afaan Ingiliziin barraa'e matadureen isaa: "A Time to be Born - The Story of Feyisa Lilesa" jedhu qopheessitee dhaabbata maxxansaa 'Red Sea Press' jedhamuun maxxanfame.

Afaan Oromootti yoo deebifamu 'Yeroo sirrii itti dhalatan - Odeessa Fayyisaa Leellisaa' akka jechuuti.

Kitaaba kana boqonnaa jalqabaa keessatti Fayyisaan waa'ee jajjabina atileetii beekamaa lammii UK - dhalataa Somaaliyaa ta'e Moo Faaraa irraa argatee haasa'a.

"Wantin hin daganne tokko, kennaa qaalii Moo Faaraan naaf kennedha. Innis mormiikoof beekamtii kennuun kophee isaa addaa naaf kenne," jechuun dorgomicha booda wanna ta'e yaadata.

"Fayyisaa, anis akkuma keen ture, mucaa Afrikaa hiyyeessa kophee hin qabnen ture", jedhe Moo Faaraa. Akka Fayyisaan jedhutti Moo Faaraa wayita kophee isaa kennuuf ija isaa keessa imimmaantu ture. "Anis biyya koo rakkoo hedduu qabdu of duubatti dhiiseesa," jedheen.

Kitaabichi waa'ee atileetii kanaa fi waa'ee harka qaxxaamuruu isaa qofa osoo hin taane waa'ee uummata adda ta'e tokkooti - waa'ee qabsoo uummata Oromooti.

Harka qaxxaamuruun Fayyisaan agarsiisee mallattoo qabsoo Oromoo - kan Itoophiyaa fi Itoophiyaan alatti hiikaa siyaasaa guddaa qabudha. Mallattoon kun wanti yeroos Itoophiyaa keessatti ta'aa ture xiyyeeffannaa addunyaa akka argatu taasise.

Kitaabichaa fi barreessituu kitaabichaa

Kitaabicha keessatti Fayyisaan waa'ee isaa fi waa'ee uummata isaa jalqabaa akka dhumaatti ofumaan hima. Kitaabichis akka nama seenaa ofii ofiin seenessuutti dhiyaate.

Yaadannoowwan Fayyisaa humna qabu. Haalli guddina isaa, gandi dhaloota isaa, haalli teessuma lafaa, amala maatii isaa, haqa dhabuu daa'umummaa irraa eegalee argaa guddate…kkf. Seenessi kun eenyummaan isaa akkamiin haala guddina isaatiin akka ijaarame agarsiisa.

Barreessituun kitaabichaa Dr Isteefaanii Isteegal wayita jalqaba Fayyisaan harka qaxxamursuu isaa agartu hojii tola-ooltummaaf Finfinnee turte. Baay'ee ishee hawwatee waan tureef seenaa gocha kana duuba jiru soquu eegalte. Xumura irrattis kitaaba barreessuuf murteessite.

Fayyisaa Leellisaa Arizoonaa, Yunaayitid Isteet baqaarra wayita ture

Madda suuraa, Fayyisaa Leellisaa

Ibsa waa'ee suuraa, Fayyisaa Leellisaa Arizoonaa, Yunaayitid Isteet baqaarra wayita ture

"Itoophiyaan biyya durii, salphaatti hubachuun nama rakkisudha. Beelaa fi hongeen maqaan ishee dhaahamaa turullee atileetota fageenya dheeraa beekamoo qabdi - kuni na ajaa'iba ture," jetti Dr Isteegal

Dr Isteegal Itoophiyaa kan deemte Hagayya bara 2016 yoo ta'u tola-ooltummaan barsiisuu dhufte. Finfinnee kan geesse guyyaa hiriirri mormii guddichi Oromoo Hagayya 2016 taasifame bariitu ture.

"Uummaticha, haala jiruuf jireenya isaanii, rakkoo isaaniis argaan ture," jetti. Ergasi haalli nageenyaa hammaachaa dhufuu fi labsiin yeroo muddamaa labsamuu himti. Gochaa Fayyisaan Olimpikii Riyoo irratti agarsiise utubaa godhachuun qorachuu eegalte.

Mormii Oromoo dudduuba taateewwan jiran wayita qorachaa turte Fayyisaa qunnamtee waa'ee jireenya isaa akka barreessitu gaafattee hayyama argatte.

"Muuxannoon Itoophiyaa keessatti qabu, Fayyisaa waliin hariiroon uume, qunnamtiin namoota adda addaa waliin godhee fi af-gaaffiiwwan ani taasise kitaaba hin dagatamne kana akkan barreessu na taasise jetti.

Fayyisaan ifaa fi sodaa malee waa'ee isaa fi waa'ee Oromoo waan itti himeef Dr Isteegal dinqisiifannaan isaaf qabdu daran jabaadha.

Hagayya 21, 2016

Barreessituun kun kitaabicha kan eegaltu waan Fayyisaan jedhe kanaani:

"Hagayya 21, 2016 gaafa Maaraatoonii fiigu san, keessa koo gaddatu ture. Dhiirotaa fi Dubartoota dhibbaan lakkaa'aman kan hedduun isaanii umuriin anaan qixaa, ykn anaa gadii ykn na angafan, kan mootummaan Itoophiyaa gara jabinaan ajjeese yaadaan fiiga ture. Yaadannoo hiriyoota koo dhiyoo, miseensota maatii koo, firootaa fi namootan beeku biroo sababa Oromoo ta'aniif qofa ajjeefaman, reebaman, hidhaman fi namaa gadi godhaman baadheen fiiga ture. Yaadannoo gidiraa, salphinaa fi cunqursaa daa'imummaa koo irraa eegalee hanga mootummaan sun aangoorra ture mara argaa fi dhagahaa guddadhe baadheen fiiga ture. Yaadannoo warra gidiraafamaa turanii fi ammas gidirfamaa jiraniitiin kanan mallattoo qabsoo nagaa san olimpikii irratti kan agarsiise …"

Guyyaan yaadannoo qabeessa ta'e sun Dilbatarra ture kan oole. Hagayyi 21, 2016 kan yaadatamu atileetiin Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee maaraatoonii olimpikii warra dhiiraa sa'aatii 2:08.44 keessatti injifatee meedaaliyaa Warqee injifachuu isaan osoo hin taane atileetii Itoophiyaa lammaffaa baheen ture.

Fiigichi sun sammuu namoota hedduu keessatti hafe. Mallattoo tokko qofaan waa'ee qabsoo Oromoo addunyaaf barnooti kenname. Miidiyaaleen idil-addunyaa hiikaa mallattoo sana ibsuuf jecha waa'ee qabsoo Oromoo himan.

Iftuu Mul'isaa, haati warraa atileet Fayyisaa Leellisaa Finfinneerraa fiigicha san hordofaa turte. Akkas jette: "Yeroos baay'ee sodaadheen ture garuu ammoo isa waanan beekuuf hedduu nan ajaa'ibne. Keessa isaa aarii hedduu qaba ture."

Ibsa waa'ee viidiyoo, "Miira wal makaatu natti dhagaahame" - atileet Fayyisaa Leellisaa

Fayyisaan akkuma Oromoota biroo, waa'ee saamicha lafaa mufii qaba ture. Kanaaf haguma fiigicharraa fedhii qabu, mormii saamicha lafaarraas fedhii qaba ture.

Fayyisaan Bitootessa 1 bara 1990 Jaldu ganda Tulluu Bultummaa jedhamtutti dhalate. Horii tiksaa guddate. Abjuun isaa jalqabaa loltuu ta'uu ture. Seenaan isaa kitaabichaa fuulawwan 40 jalqabaarratti barreeffaman dubbisuun daran hawwataadha. Faayisaan gootummaa Abbabaa Biqilaa fi Hayilee Gabrasillaasee kan fiigicha dheeraan milkaa'aniin booji'ame.

Daa'imummaan aadaa Oromoo keessatti guddachuu kan himu Fayyisaan, waa'ee akaakayyuu isaa wantoota ajaa'iboo hima. Durduriiwwan akaakayyuun isaa itti himaa turetti ni amana ture. Afaan Oromoo dubbachu qofa osoo hin taane farad gulufaa fi sirnootaa aadaa fi amantii kaan keessatti hirmaachaa guddate.

Waa'ee fiigichaan mana barnootaa deemuu. Gabaa Sanbataa dhaquuf ayiruuwwan keessa qaxxamuru, lukkuu fi hoolota achitti gurguraa ture, haala teessuma lafaa, hariiroo hawaasaa fi kkf qalbii dubbistootaa dhuunfatu.

Gabaabumatti seenaa fayyisaa dubbisuun waa'ee Oromoo, aadaa, amantaa fi afaan Oromoo, fedhii fi akka itti yaadan, hundaa ol ammoo seenaa Oromoo fi galma isaanii illalchisee barnoota guddaa kenna.

Fayyisaan erga biyyatti deebi'ee MM Abiy Ahimad waliin

Madda suuraa, Waajjira MM Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Fayyisaan erga biyyatti deebi'ee MM Abiy Ahimad waliin

Faayyisaan siyaasarraa duubatti osoo hin jenne ifatti ilaalchaa isaa fi rakkoolee jiran barreessituu kitaabichaatti hime. Wantoonni barreeffaman tokko tokko battalatti hubachuun waan cimuuf, dubbistoonni jiddu jidduun kitaabicha cufanii takka yaaduu maalu.

Waan kitaabicha keessa jiru mara himuun hin danda'amu barbaachisaas miti, dubbistootaaf dhiisuu wayya. Garuu kitaabichi seenaa Fayyisaa bira taree seenaa Oromiyaa akka himu tuquun barbaachisaadha.

Kitaabicha keessatti gaaffilee kanneeniif deebii argattu: Fayyisaan maaliif miira sabboonummaa Oromummaa qabaate? Wayita ganda isaa gadi dhiisee Finfinneetti gale maaltu ta'e? Dorgommiiwwan idil-addunyaa irraa maal barate? Akkamiin taatee harka qaxxaamursuu sanarra gahe? Waggooti lama baqaarra ture maal fakkaatu turan? Maaliif gara Itoophiyaa deebi'uu murteesse? Wayita deebi'etti maaltu isa mudate? fi kaanis.

Kitaabichi kanneen seenaa Oromoo beekan irra deebiin yaadachiisa, kan gonkumaa hin beekneef ammoo ni barsiisa. Barreessituun kitaabichaa akkamiin seena kana gadi fageenyaan akka barreessite nama hawwata.

Kitaabichi Afaanota Itoophiyaatti osoo hiikamee gaariidha.

Xumura irratti Fayyisaan Onkoloolessa 1 bara 2018 gara biyyaa deebi'e. Barreessitittiin erga Fayyisaan deebi'ee booda 2018, 2019, 2020 wantoota ta'an fuula xumura kitaabichaan booda jiran irratti gaggabaabsitee barreessiteetti.

Du'a artiist Haacaaluu Hundeessaa fi hokkora sana booda uumameen namoonni 177 ajjeefamuu kaafte. Erga Fayyisaan biyyatti deebi'ee Oromoonni hidhaatti darbatamuun itti fufuu eeruun Jawaar Mohaammad akkasumas Baqqalaa Garbaa maqaa dhahuun xumurti.

Silaa kitaabichi haala amma Oromiyaa keessa jiru fi waan Fayyisaan amma itti jiru himuun goolabamee gaarii ture.

Hubachiisa: Barreessituun kitaabichaa maaliif Fayyisaan biyyatti deebi'uu irratti kitaabicha akka xumurte gaafatamteetti. Kitaabichi waggaa dura waan xumurameef haala amma jiru itti dabaltee fooyyessuun naaf hin mijanne jette. Fuulduraaf kitaaba biraan itti deebi'uu akka maltu himteetti.