Suuraaleen saatalaayitii fi dhuga bahiitiin hakiimootaa cimina beela Tigraayi mul'isan

Haadha daa'imman waliin mana keess ajirtu

Dhaabbileen gargaarsaa Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessa hojjetan waraanni cimaan waggaa lamaa erga raawwatee boodas sababa hongee, hanqina omisha midhaaniifi ammallee tasgabbii dhabuu naannicha jiruun uummatni miiliyoona lama ta'u beelaaf saaxilameera jedhan.

Haalli jiru keessumaa haadholii ulfaafi daa'imman umrii shanii gad jiranitti baayyee hammaataa jedha Koreen Qaxxaamura Diimaa Idila Addunyaa (ICRC).

Jiini Adoolessaa kun qonnaan bultootaaf yeroo murteessaadha. Haa ta'u malee deeggarsa nyaataa sababa barbaadaniif kaampiitti deeggarsa nyaataa eeguutti lafa isaanii qotuuf bahuu hin dandeenye.

Bakkeewwan beelli itti mudate

BBCn naannolee akka malee miidhaman gahee haala jiru ilaaluuf hiree argatera. suuraalee saatalaayitii irraas bu'uuraaleen qonna jallisiif qophaa'anii turan goganii jiraachuu hubateera. Kaampiiwwan buqqaatotaas argeera.

Ji'a Waxabajjii keessa suura argeenis naannooleen amma dura hidha jallisiif qophaaye bishaan akka hin qabne hubateera.

Rooba gahaa malee ammoo qonnaan bultootni lafa isaanii qonnaaf akka hin mijeessine danqaa ta'eera.

Daa'imman naannoo Tigraayitti rakkoof saaxilaman

Madda suuraa, Getty Images

Nyaataafi tasgabbii dhabuu

Uummatni Tigraay miiliyoona 6-7 gidduu ta'a jedhamee tilmaamama.

Hanga dhuma bara 2022tti naannichi waraana waggaa lamaaf humnoota naannichaa fi mootummaa Federaalaa gidduu gaggeeffame keessa ture.

Waraana kanaan kumootni hedduun lubbuu dhabanii, hedduunis kaampiiwwan buqqaatotaa keessa dahachuuf dirqamaniiru.

Erga waraanni dhaabatee muraasni qe'ee irraa buqqa'anitti yoo deebi'an, hedduun garuu kaampiiwwan dahatanitti hafanii deeggarsa nyaataa dhiyaatuuf eeggatu.

Kaampiiwwan kanneen keessaa tokko magaala Shireetti dhiyaatee kan argamuudha. Kaampiin ejensiiwwan UNn ijaarame kun buqqaatota 30,000 ol ta'aniif dahoo ta'ee deeggarsa nyaataa dhiyeessa.

Dhaabbileen akka Dhaabbata Baqattootaa Idila Addunyaa (IOM) fi Ejensiin baqattootaa UN godoowwan halluu cuquliisaafi adii suuraa saatalaayitiirraa mul'atan BBCf qoodaniiru.

Kaampii buqqaatootaa Shireetti argamu

Kaampp baqattootaa

Tsibiqtii Teklaay ijoolleeshee shan waliin kaampii kana keessa jiraatti. Abbaanwarraashee waraana kana keessatti ajjeefame.

''Horii qabna ture. Ganna midhaan omishan ture'' jechuun ji'a Caamsaa darbe BBCtti himti. ''Gabaabumatti jireenya gaarii qabna ture. Amma garuu homaa hin qabnu'' jette.

Kaampii keessatti nyaataa bilcheessuufi hojiilee oogummaa harkaa hojjechuun maallaqa xiqqoo argattus, ijoolleenshee garuu kadhaatti jiru.

Tsibiqtii Teklaay

''Yoo xiqqaate lafa kiyya deebisee nan argadha jedheen abdadha. Lafa keenyarraa midhaan oomishnu deeggarsa nyaataa kanarra wayya'' jetti.

Yoo qe'eetti deebi'an ijoolleenshee hojii akka hojjetan ykn barnootatti akka deebi'an dubbatti.

''Jireenya gadadoo asitti argine booda, isaaniif hegereen gaariin ni dhufa jedheen abdadha'' jetti.

Dr Gabrakirostoos
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Gabrakiristoos warra deeggarsi barbaachisu hunda gahuud dandeettii akka hin qabne himu

Hanqina nyaata madaalawaa daa'immanii

BBC'n haala daa'imman keessa jiran ilaalchisee magaalaa Shireerraa fageenya km 20 irratti hospitaala magaalaa Indaabaaguunaa jedhamutti argamee doktaroota dubbiseera.

Meedikaal Daayireektarri hospitaalichaa Dr Gabrakiristoos Gideey ''erga yeroo dhiyootii daa'imman hedduun waaldhaansaaf dhufaniiru'' jedhan.

Akka hakiimni kun jedhutti dubartiin ganna 20 Abeebaa Yeshaleem jedhamtu hanqina nyataa madaalawaarraa kan ka'e daa'ima yeroon hin geenye deesseetti.

Dubartiin kun abbaanwarraashee barnootaaf jedhee erga biraa deemee gargaarsa waan hin arganneef ofiifis daa'imaafis nyaata gahaa kennuu akka hin dandeenye himatteetti.

Dr Gabrakiristoos hospitaalli isaanii warra kaampii keessa jiran qofa osoo hin taane hawaasa naannicha jiru hedduuf tajaajila kennaa akka jiru himanii, ''warreen deeggarsa keenya barbaadan maraaf tajaajila kennuuf humna dandeessisu hin qabnu'' jedhu.

Bakkeewwan roobni itti roobeefi hanqate

Qonnaan bultoota qe'eetti deebi'uuf sardaman

Qonnaan bulaa Demitsuu Gabramadiihiin
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Hidhi keenya bishaan hin qabuyyuu yoo ta'e, lafti keenya eessayyuu hin dhaqu'' jedha Demitsuu Gabramadiihiin. Qonnaan bulaan kun timaatima, qullubbiifi mishingaa qota ture.

Namni kun ''abdii hin kutannu, qotisatti akka deebinu abdii qabna'' jedha.

Ammaaf garuu piroojektii ijarsaa tokko keessatti hojii humnaa hojjeta.

Guyyaa tokko qonnatti akka deebi'u abdii qaba.

Hogganaa Komishinii To'annoo Balaa Naannoo Tigraay kan ta'an Dr Gabrehiwoot Gabragizabeer yaada BBCf kennaniin ''namootni miliyoona 2.1 ta'an sodaa beelaarra jiru'' jedhan.

Lakkoofsi kun gara miliyoona 2.4tti guddachuu akka malus dubbatan.

Yeroo dhiyoo as hariiroon dhaabbilee gargaarsaa fi mootummaa fedralaa gidduu jiru laaffateera.

Maddi rakkoo ammoo mootummaan dhaabbileen gargaarsaa kun dhimma siyaasaa keessa galuu barbaadu jechuusaa waliin walqabata.

Waxabajjii darbe ammoo Sagantaan Nyaataa Addunyaafi US AID deeggarsi nyaataa hatamuu himachuun, cirumaa dhiyeessii adda kutanii ture. Ji'oota shan boodas deebisanii deeggarsa dhiyeessuu eegalan.

Aanga'aan USAID yaada BBCf kennaniin mootummaan Itoophiyaafi dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa dhiyeessan akka dabalan gaafataniiru.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ejensiin deeggarsa namoomaa qindessuus dhiyeessiin amma jiru fedha deeggarsaa naannicha jiru waliin kan hin madaalle akka ta'e beeksiseera.

Maallaqni hojii deeggarsaa kanaaf dhiyaachaa jiru gahaa ta'uu baatus ''hamma dhiyaate garuu warra akkaan barbaaduufi hojii lubbuu baraaruuf oolchaa jirra'' jedheera.