Bulchiinsoonni falmiin itti ka'uufi Naannoo Amaaraa jala turan 'diigaman'

Madda suuraa, NORTH GONDER COMM.
Bulchiinsonni waggoota muraasa darban Naannoo Amaaraa jala turaniifi gaaffiin abbumaa irratti ka'aa ture diigamuu maddeen BBC'tti himan.
Bulchiinsonni Xallamtiifi Maayitsabrii sadii diigamuun waajjirri isaanii saamsamuu kan ibsame yoo ta’u jiraattonni yeroo waraanaa buqqa’an qe’eetti deebi’aa akka jiran ibsameera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti mudachusaa hordofee naannooleen bulchiinsa Naannoo Amaaraa jala turan bulchiinsa aanaalee lamaa fi magaalaa tokko Tsalamtii (Naannoon Amaaraa Xallamtii jechuun waama) kan eeramaniidha.
Liixaa fi Baha Aanaa Tsalamti akkasumas bulchiinsa magaala Maayitsabirii jedhamuun beekamu Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Gondarii jala turan.
Bulchiinsoti sadan waggoota sadan darban turan kunneen kan diigaman torban darbe ALI Waxabajjii 21, 2016 irraa kaasee akka ta'e bulchitoonni Godina Kaaba Gondar fi naannichaa BBCtti himaniiru.
Aanga’aan naannichaa Naannoo Amaaraatiin muudaman tokko, bulchiinsi naannawa Tsalamtii turan sadii akka tajaajila ''caasaa mootummaa'' kennan dhaaban taasifameera jedhan.
Kunis, erga walgahiin itti gaafatamtoota paartii Badhaadhiinaa fi bakka bu’oota ''mootummaafi naannoo Amaaraa'' waliin taasisaniin booda akka ta’e ibsan.
Wal gahii guyyaa Jimaataa ture irratti aanga’oonni Naannoo Amaaraatiin mudamuun bulchaa turan ''hojii akka dhaabaniif ajajni kennamuuf'' dubbataniiru.
Guyyaa sanarraa kaasuunis biiroowwan bulchiinsa saamsamuu maddeen dubbataniiru.
Maddi bulchiinsa Godina Gondar Kaabaa gabaasni wal fakkaataan isaan qaqqabuu dubbatan tokko gamasaanitiin, ‘‘caasaaleen naannichaa hanga Jimaataatti hojiirra turan. Jimaataan booda garuu raayyaan biiroolee saamsee’’ jedhan.
Caasaa diiguun alatti naannichatti kan sosso’aa turan ‘’poolisii, milishaa, fi humni nagaa kabachiisu’’ Sambataa eegalee aanaa Addi Arqaay ollaa jirutti ‘’akka bahan’’ taasifamuu maddi bulchiinsa naannichaa ibsaniiru.
Kuni erga taasifame booda jiraattonni sababa waraana Kaaba Itoophiyaan bakkichaa buqqa’an qe’ee isaaniitti deebi’u eegaluu isaanii maddeen ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Buuqqaafamaan guyyaa sana naannichatti deebii’e tokko Magaala Maayitsabirii wayita qaqqabaniitti, ‘‘namoonni hidhatan meeshaa waraanaasaanii waliin yoo socho’an’’ akka argan BBCtti himan.
Biirooleen mootummaa garuu cufaa ta’usaanii kan dubbatan namni kun, konkolaataan magaalichaan isaan gahe buqqaatoota kan buusee ‘’maneen barnootaa keessatti’’ ta’uu himan.
Maddeen bulchiinsa naannichaafi Godina Gondar Kaabaa gamasaanitiin buqqaatonni gara qe’esaaniitti deebiifaman erga bakkicha qaqqabaniin booda gara ‘‘manneen jireenyaasaanii duriitti’’ deebi’aa jiraachuu dubbatan.
Buqqaatonni gara manasaaniitti deebi’uu irratti hordoffii kan taasisu magaalaan Maayitsabiriitti kan argamu gareen taajjabdoota Naannoo Amaaraa fi Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay irraa waliitti babbahan akka ta’e maddi bulchiinsa naannawa Tsalamti BBC’f ibseera.
Bakka bu’oonni kunneenis kan gahee taajjabdummaasaanii bahan, ‘‘Bulchiinsoonni naannichaa diigamaniiru? Humnootiin hidhatan bahaniiru? Buqqaatoonni haala attamiin seenaa jiru?’’ dhimmoota jedhan irratti akka ta’e ibsan.
Bakka bu’oonni naannolee lamaan irraa bakka buufaman, bakka buqqaatonni irraa imala eegalan bakka Indaabaagunaa jedhamuufi Naannoo Tigraay keessatti argamu irraa kaasee taajjabduummaadhaan bobbaafamu maddi godina Gondar Kaabaa ibseera.

Itti dabaluunis, buqqaatonni bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayiin erga Indaabaagunaatti geeffamanii booda adeemsa isaan booda jiru kan hoggannu Raayyaa Ittisaa ta’u himan.
Raayyaan ittisaa hojii kana kan raawwatu deeggarsa jirraattota bakka buqqaatonni itti deebifaman irraa filatamuun gara Indaabaaguunaatti geeffamaniitiin ta’u dubbatan.
Jiraattonni kunneenis kan filataman ka’umsa ‘‘gandoota sirriitti beeku jedhuun akka ta’e maddi kun ibsee, buqqaattonni ‘‘dhuguma kan naannicharraa buqqa’an ta’usaanii mirkanneessuufis gahee’’ akka qaban hime.
Gahee kana bahuufis namoonni gara garaa filatamuun gara indaabaagunaatti imalusaanii maddi bulchiinsa Tsalamti mirkanneessaniiru.
Haata’u malee maddi kunis, namoonni filataman sirrii ‘‘hojjataa hin jiran’‘ jechuun komii isaanii ibsan.
Hojii Indaagunaarratti ‘‘buqqaatoota mirkanneessuuu’’ kan taajjaban aanga’oota naannoo Amaaraafi Tigraay irraa babahan akka ta’an maddeen dubbataniiru.
Aanga’oonni karaa naannoo Amaaraatiin bakka buufaman keessaa akka ta’an kan himame bulchaan Godina Kaaba Gondar, Diiyaaqoon Shaggaawu Wubee, buqqaattoota deebisuu ilaalchisee gaaffii BBC dhiyaateef ‘‘hojiirra jirra. Amma dubbachuu hin dandeenyu’’ jechuun deebii kennan.












