Haleellaa Gondar Kaabaatti 'Humnoonni Tigraay' raawwataniin baay'een ajjeefaman - Jiraattota

Naannoo Amaaraa godina Gondar Kaabaa aanaa Addirqaayitti haleellaa raawwatameen namoonni 15 ajjeefamanii, manneen baayyeen gubachuusaanii jiraatonniifi bulchiinsi naannawa sanaa himaan.
Aanichatti ganda Aliixaraa, gooxii Ankaatoo jedhamutti humnoonni karaa naannoo Tigraayirraan dhufaniifi "meeshaa garee" hidhataniiru jedhan haleellaa cimaa raawwachuusaanii jiraattonni BBCtti dubbataniiru.
"Hidhattoonni Tigraay" dhibbaan lakkaa'amu jedhanii tilmaaman bakkawwan naannoo Tigraay daangessan karaa "Gadaamii Waaldibbaarraan" seenanii manneen gubuufi loon saamuu isaanii bulchaan aanichaas beeksiseera.
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii bulchiinsa yeroo Tigraay karaa haleellaan itti raawwatameera jedhuun "sochiin taasifame hin jiru" jechuun haleellaa raawwatameera jedhame kana haaleera.
Jiraattonni naannawaa sanaa bakka rafanii jiranitti dhukaasni akka irratti baname BBC'tti kan himan jiraataan bakkichaa Obbo Taallee Xilaahun, haleellaan ture kun obboroo sa'aatii 11:00 irraa kaasee hanga barii sa'aatii 2:30tti itti fufuu dubbatu.
Yeroo haleellaan kun raawwatametti "bakka rafnee jirruu mutaantaa keessaa keenyaan ture kan baane" kan jedhan Obbo Baabul Tsaggaayee, haleellaa gaggeeffameen maatiisaa afur akka jalaa ajjeefaman duubatan.
"Mana tokko keessa shan taanee turre, shanan keenya keessaa akka tasaa kan oole anadha, warri kaan du'aniiru. Nu hiriirsaniitu nutti dhukaasan. ... Anaanis du'eera jedhaniitu na dhiisanii deeman. Hayyama Waaqaatiinan oole," jechuun haleellaa ture kan ibsan jiraataan kun; rasaasaan dugda keessa rukkutamanii hospitaala ciisanii akka jiranillee BBCtti himaniiru.
Haleellaa kanaan namoonni 15 ajjeefamuusaanii ijaan akka argan kan dubbatan namni ragaa ba'an biraan; ijoolleen obboleettiisaa lama kan umuriin isaanii waggaa 16 fi 19 ta'an akka jalaa ajjeefaman dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan biraa lakkoofsa kana mirkaneessan abiddaafi rasaasaan ijoollee ol adeemoo sadii dabalatee lubbuun dhabuu ibsaniiru.
"... Daa'imman dabalatee namoonni 15 ajjeefamuusaanii argeera," kan jedhan jiraataan kun haleellaa kanaan miilla keessa bakka lama rukkutamanii madaa'uu dubbatu.
Bulchaan aanaa Addirqaay Obbo Miliyoon Taaddasaa gamasaaniin, haleellaa kanaan ajjeefamanii sirni awwaalchasaanii kan raawwatamuu mirkaneeffatan namoota saddet ta'uu BBCtti dubbataniiru.
Namoota saddet ajjeefaman keessaa ja'a namoota nagaadha kan jedhan bulchaan kun; lama ammoo miseensota milishaa turan jedhan.
Haleellaa kanaan walqabatee jiraattoonni naannichaa sadii madaa'anii hospitaala akka galan Hospitaalli Walqaayit Sadarkaa Tokkoffaa BBCf mirkaneesseera.
Bakka bu'aan hospitaalichaa Obbo Yonaas Kaasahun, namoonni lama miilla keessa, tokko ammoo dugda keessa rasaasaan rukkutamuu himuun, isaan keessaa lama "miidhaan jabaan" irra gahuu dubbatan.
Sagalee dhukaasaa dhagahanii manaa bahuu kan himan Obbo Wandimmuun immoo milishaa waan ta’aniif kanneen haleellaa banan jedhaman waliin walitti dhukaasuu dubbataniiru.
Obboleessi isaanii quxisuu isaan waliin ture haleellaa banameen ajjeefamu kan dubbatan jiraataan kuni, miidhaa dhaqqabe ‘’hamaadha’’ jedhaniiru.
‘’Boombiin miidhaa dhaqqabsiseera, rasaasni, meeshaan baay’ee waan ta’ef. Sinaayipar, bireen qabu. Fagoodhaa dhukaasaa miidhaa dhaqqabsiisan,’’ jedhan.
‘’Meeshaan isaan hin qabanne hin jiru,‘‘ jechuun boombiin darbatamuu kan dubbatan jiraataan tokko, manneen saddeet yoo gubatan arguu isaaniis ibsaniiru.
Humnoonni gama Tigraayii dhufan jedhaman haleellaa raawwatanii bakkicha gadhiisanii yoo bahan namoota sadii fudhachuu isaaniifi horii 500 saamuu isaanii jiraattonni dubbataniiru.
‘’Horii ganda [keessa[ jiru hunda fudhataniiru. Harroota meeqa akka fudhatan hin beeku malee horii 500 ol ta’u fudhataniiru. Wanti hafe hinjiru.’’
‘’[Wadaroo] jabbii hiikaa fudhatanii deeman,’’ kan jedhan jiraataan kuni kan isaaniis horiin 24 fi harreen tokko kanneen saamaman keessaati jedhan.
‘’Baay’eedha. Yoo xiqqaate 400 gadi miti,’‘ jechuun humna haleellaa irratti raawwate ‘’jara TPLF’’ dha jechuun dubbatan.
Bulchaan aanichaa haleellaa kanaaf humnoota Tigraay ‘’naannawa Gadaamii Waaldibbaa socho’an’’ himatan.
Hidhattoonni kuni kana dura ‘’lowanii seenanii’’ kan turan ta’us haleellaa raawwatanii akka hin beekne eeran.
‘’Humnoota Tigraay’’ ta’uu isaanii akkamiin akka baran BBC’n kan gaafataman jiraattonni, afaan dubbataniin fi yeroo adda addaatti xuxxuqqaa akka raawwatan himan.
‘’Hidhattoota Tigraayidha. Isaan malee kan biraa kan nutti dhufu akka hin jirredha kan hubanne,‘‘ jedhaniiru.
Bulchaan Aanaa Adirqaay Obbo Miiliyoonis ‘’nama garicha hoogganus beekna,’’ jechuun kanneen haleellaa raawwatan ‘’hidhattoota TPLF’’ akka ta’an dubbataniiru.
Biiroon Bulchinsaafi Nageenya Bulchiinsa Yeroo Tigraay gama isaan haleellaa kana humnoonni Tigraay hin raawwanne jechuun BBC’tti dubbateera.
‘’Nuyi sochiin hanga yoonaa garasitti taasifne hinjiru,’’ jechuun haleellaa kanaan harki ‘’humnoota Tigraay’’ akka hin jirre kan dubbatan ogeessa biiroo kanaa Obbo Amaara Hayileedha.
Qondaalli kuni bakkeewwan wal dhabdeen jiru ‘’walitti bu’iinsaan qabachuuf fedhii hin qabnu’’ jedhan.
Aanaan Adirqaay bakkeewwan ‘Walqaayitiifi Xallamt/Tsallamt’ gaaffiin naaf malaa ka’u kan daangessudha.
Bulchaan aanichaa bakkewwan humnoonni Amaaraafi Tigraay kiyya jedhan to’achuuf ‘’tooftaadhaan’’ haleellaan banamuu hin oolle jedhanii amanu.

Madda suuraa, FDRE DEFENSE FORCE
‘’Bakkeewwan gaaffiin eenyummaa itti ka’u to’achuuf dirqama bakkee keenya haleeluu qabu. Bara 2013 wanti hubanne kanadha.
‘’Sababa kanaaf bakkee kana adda kutanii caasaa mootummaa gidduu jiru haleeluuf fedhiitu jira,’’ jechuun yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa aanichi waggaafi ji’a jahaaf humnoota Tigraayiin qabamee akka ture bulchaan aanichaa eeraniiru.
Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Tigraayirraa kan dubbifne Obbo Amaaran deebii kennaniin ‘’bakkee nuti jirruufi bakka amma jedhamaa jiru [aanaa Adirqaay] lafa bal’aatu jira. Bakka wal daangessuus miti,’’ jechuun haleellaa akka hin dhaqqabsiisne irra deddeebiin dubbataniiru.
Rakkoowwan gama Bulchiinsa Yeroo Tigraay jiran ‘’waldhabdee malee furuufi kan yaadnu,’’ jedhan.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay Ebla keessa ibsa kenneen waliigaltee mootummaa federaalaa waliin taasise jedheen waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee bakkeewwan caasaan bulchiinsaa ijaaramee Naannoo Amaaraa jala seenan ALI hanga Waxabajjii 30 akka deebisu beeksisuun isaa ni yaadatama.












