Labsii muddamaa keessa kan hidhaman akka gadhiifaman, daangaan sochiis akka ka’u Komishinichi gaafate

Madda suuraa, sm
Jeequmsa Naannoo Amaaraa keessatti dhalate waliin walqabsiisee namoonni hidhaman akka gadhiifaman, seerri idileen akka hojiirra ooluufi daangaan sochii kaa'ame akka ka'u Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaafate.
Bara darbe gara dhumaa Naannoo Amaaraa keessa sochiin hidhattoota Faannoo humna isaatiin ol ta'uu ibsuudhaan bulchiinsi Naannoo Amaaraa mootummaan Federaalaa akka gidduu seenuuf gaafachuu hordofee labsiin yeroo muddamaa absamee ture yeroon isaa waan dhumateeruufidha Komishinichi kan waamicha dhiyeesse.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen "adeemsi namoota hidhamanii jiran gadhiisuu akka itti fufu" mootummaa kan hubachiise yoo ta'u, haalonni labsii yeroo muddamaa waliin walqabatee turan akka fooyyaa'an "adeemsi seeraa idileen hjiirra akka ooluuf" gaafateera.
Dabalataanis, daangaan sochii Naannoo Amaaraa bakka tokko tokkotti aa'amee ture akka ka'uufi tajaajlawwan hawaasaa hojiisaanii akka jalqaban gochuun barbaachisaa ta'uu Komishinichi mootummaatiif waamicha dhiyeesseera.
Kun osoo kanana jiruu labsii yeroo muddamaa waliin walqabsiisee yeroo gara garaatti namoonni hidhaarra turan 100 ol kaleessa Caamsaa 05, 2024 himanni irratti banameera.
Sochiin hidhannoo hidhattoonni Faannoo gaggeessan magaalaa guddoo naannichaa Baahir Daar dabalatee magaalota baayyee keessatti yaaddoo waan uumeef ture A L I Adoolessa 28 bara 2015 Manni-maree Ministeerotaa labsii yeroo muddamaa ji'a ja'aaf turu Naannoo Amaaraafi akka barbaachisaa isaatti ammoo kutaalee biyyattii keessattis kan hojiirra oolu labse.
Mootummaan Federaalaa raayyaan ittisaafi hunoota nageenyaa gara Naannoo Amaaraatti bobbaasuun labsii yeroo muddamaa sana hojiirra kan oolche yoo ta'u, hojiin seera kabachiisuu waan hin xumuramneef jedhamee labsiin kun dabalata ji'a afuriif akka dheeratu manni-maree bakka bu'oota ummataa murteessuun isaa ni yaadatama.
Labsii kana hordofee miseensota mana-maree dabalatee namoonni baayyeen manneen-hidhaa kutaalee biyyattii keessatti argamanitti hidhamaniiru.
Namoota sababa kanaan hidhaman keessaa baayyeen isaanii mana-murtiitti osoo hin dhiyaatiiniifi himanni irratti hin banamiin ji'ootaaf hidhaa kan turan yoo ta'u, yeroo gara garaatti kan gadhiifamanis jiru.
Jeequmsi Naannoo Amaaraa keessatti dhalate waggaa tokko guutuudhaaf ji'oonni lama hafe kun ammallee fala kan hin argatiin yoo ta'u, torbanoota darban keessas naannicha bakka gara garaatti humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu'insi akka ture gabaasaaleen ba'an ni mul'isu.












