‘TPLF waliigaltee Piritooriyaa cabsuun marsaa afraffaa weerara bane’- Naannoo Amaaraa

Madda suuraa, AMHARA COMM.
Mootummaan Naannoo Amaaraa TPLF waliigaltee Piritooriyaa guutummaatti cabsuudhaan marsaa afraffaatiif ummatarratti weerara bane jechuun himate.
Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa har’a Ebla 17, 2024 baaseen, “dogongora seenaa kaleessaarraa barachuu kan hin dandeenye TPLF, waliigaltee Piritooriyaa guutummaan guutuutti cabsuudhaan yeroo afraffaatiif ummata keenya weerara,” jedhe.
Naannichi kana kan jedhe dhuma torban darberraa kaasee bakkawwan falmisiisoo ta’an naannoo Raayyaatti walitti dhukaasa guyyootaaf tureen booda magaalotaa humni raayyaafi poolisii Federaalaa, naannawaa magaalaa ammoo hidhattoonni TPLF galuun isaanii erga ibsameen boodadha.
Mootummaan naannicha aibsa baaseen, TPLF kan weerare Raayyaa Allaamaaxaa, Raayyaa Baallaa, Ofilaa, Koram, akkasumas Zaataa ta’uusaanii ibsuun ummanni nananichaa, mootummaan Federaalaafi hawaasni idil-addunyaa gocha kana akka dhaabsisaniif waamicha dhiyeesseera.
Itti-aanaan bulchaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Jeneral Taaddasaa Warradaa ibsa kaleessa kennene, “aanaalee Kibba Tigraay fi Tselemt” keessatti bulchiinsawwan Naannoo Amaaraa diriirfamanii turan diiguudhaaf mootummaa Federaalaafi bulchiinsa yeroo naannichaa gidduu waliigalteerra gahamuu dubbatee ture.
Gaaffiin eenyummaa kan irratti ka’aa tureefi osoo waraanni Kaaba Itoophiyaa hin jalqabiin dura bakkawwan naannoo Tigraay jala turan, waraanaan booda to’annoo humnoota Amaaraa jala galuun isaanii ni yaadatama.
Kanaan dura mootummaan Federaalaa lammileen bakkawwan falmisiisoo ta’anii buqqifaman akka deebiyaniifi buchiinsa ofiisaanii akka diriirfataniifi yeroo itti aanutti ammoo murtee ummataa gaggeessuudhaan gaaffiin ‘naaf malaa’ deebii akka argatu ibsee ture.
Jeneraal Taadddasaa Warradaa ibsa kenne keessatti, gareewwan hidhatanii bakkawwan kanneen keessa socho’an hidhannoo akka hiikkatan akka taasifamu eeruun, murtee mootummaan Federaalaa bakkawwan falmisiisoo ta’anitti rifarandamiitu gaggeeffama jedhe ejjennoo bulchiinsa yeroo Tigraay akka hin taane dubbateera.
Weerarri anarratti gaggeeffameera kan jedhe mootummaan naannoo Amaaraa ibsa isaan, bakkawwan falmisiisoo ta’aan ilalachisee karaa mootummaa Federaalaa bulchiinsa yeroo Tigraay waliin marii taasisuuf yaalii baayyeen taasifamanillee, “TPLF garuu filannoo nagaa kana diduun bakkawwan gaaffiin eenyummaa irratti ka’an akka Raayyaa Allaamaaxaa, Raayyaa Baallaa, Koramiifi Zaataa” weeraree qabachuusaa ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
TPLF/ABBUT ''waraana dhiiga lolaalasu'' yaaluurra akka of qusatuufi waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti kabajee naannolee qabate keessaa atattamaan akka bahus gaafate.
''Kuni hin ta'u taanaan mootummaan naannoo Amaaraafi ummatni, obbolaasaa lammiilee Itoophiyaa biroo waliin ta'uun biyya diigamuurraa baraaruufi ummata keenyaas ittisuuf akka dirqamnu beeksisuu barbaanna'' jechuunis akeekkachiiseera.
TPLF ''humnasaa guutuun waraanatti galeera'' jechuun mootummaan Federaalaa gareen kun naannoo qabate dafee akka gadhiisu akka godhu gaafateera.
Dhaabni Sosochii Biyyaalessaa Amaaraas (ABIN) ibsa Kibxata Ebla 16, 2024 baaseen ''humnootni Tigraay gama Raayyaatiin dhukaasa kallattiin bananiiru jechuun weerara marroo arfaffaa raawwateera'' jechuun himate.
Dhaabichi mootummaan Federaalaa fi kan naannoo Amaaraa ‘’weerara ummata keenyarratti raawwatamaa jiru’’ ittiin jedhe akka dhaabsisan waamicha godheera.
Guyyaa tokko duraa ammoo Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa walitti bu’iinsi daangaa naannoo Amaaraa fi Tigaraayitti mul’atu Tigraayiifi Amaara ykn Mootummaa Federaalaa fi Tigraay gidduutti wanta mudate mitii jedhan.
Dhimma daangaa naannolee lameeniirratti Finfinneetti mariin gaggeeffamaa akka jirus dubbatan.
Dhibdeen amma dhalachaa jiru ‘’qaamole raawwii waliigaltee Piriitooriyaa hin barbaanneen shira hojjetamudha’’ jedhan.
Qaamoleen farra waliigaltee Piriitooriyaa ta’an walitti bu’iinsa uumuuf yaalaniyyuu furmaatni takkittiin jiru ‘’nagaafi mariidha’’ jedhaniiru.
Torban lama dura miidiyaaleef ibsa kan kennan Ministirri Tajajila Kominikeeshinii mootummaa Dr Laggasaa Tulluu haalli gama Tigraayiin tibbana godhamaa jiru ''waliigaltee Piriitooriyaa kan sarbuudha’’ jedhanii ture.
''Humnaan daangaa ofii kabachiisna yaadni jedhu, Uummata Tigraay dararaa marroo biraaf kan saaxiluudha'' jedhan.












