Daangaa Amaarafi Tigraay, Tsallamtitti tibbana muddamni mudate maali?

Bakkeewwwan naannoleen Amaarafi Tigraayi irratti wal-falman keessaa tokko kan ta'e Tsallamtitti torbee darbee kaasee muddamni jiraachuu jiraattonni qondaalonni mootummaa BBCtti himan.
ALItti gaafa Caamsaa 26, 2016 irraa eegalee 'humnoonni Tigraay' gara aanaalee Tsallamti seenuuf sochii taasisuusaanii jiraattonnifi bulchinsi bakkichaa himan.
Bulchaa Aanaa Baha Tsallamti kan ta'an Obbo Mollaaliny tattaaffii raayyan ittisaafi qaamoleen nageenyaa biroo taasisaniin humnoonni Tigraay bakkicha gadhiisanii akka bahan taasifamuu dubbatu.
"Raayyan ittisaa [sochiin humnoonni Tigraay] taasisan sirrii akka hin taanefi deebisuu akka qaban bulchiinsa naannichaa [Tigraay] dubbachuun akka deebi'an tattaaffii taasiseera," jedhan.
Bulchaan aanichaa kun akka jedhanitti sochiin humnoonni Tigraay yeroo dhiyoo as taasisaa jiran bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay bulchiinsa naannon Amaaraa diriirse akka diigamuufi buqqaatota deebisuuf karoora qabate galmaan gahuufi.
Pirezidaantii Ittaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan ta'an Jeneraal Taaddasaa Warradaa ji'aa Eblaa keesa ibsa kennaniin bulchiinsi naannon Amaaraa hundeesse ALItti hanga Caamsaa 20, 2016tti akka diigamu dubbatanii turan.
Muddama daangarratti naannolee lamaan gidduutti mudate ilaalchisuun Jeneraal Taaddasaa Warradaa akkasumas Biiroo Nageenyafi Tasgabbii naannoo Tigraay qunnamuuf irra deddeebin yaallus hin milkoofne.
Waraana kaaba Itoophiyaatti dhalatee tureen humnoonni naannoo Amaaraa aanaalee Tsallamt qabachuun Godiina Gondar Kaabaa jala akka galu godhanii ture. Aanaalen kun kanaan dura aanaalee Lixa Tigraay keessaa tokko turan.
Torbee darbee kaasee aanaalee Tsallamti naannoo yaa'a laga Takazee qabatee gandoota heddu keessa humnoonni Tigraayi galuuf yaalii gochaa turuu himu kaneen BBCtti dubbatan.
Jiraatan magaala Maayitsabrii tokko BBCtti akka himanitti, humnoonni Tigraay ALItti Caamsaa 28, 2016 irraa kaasee loltootasaanii fe'anii naannicha to'achuuf sochii gochaa turan.
"Dhukaasni hin turre. Haa ta'u garuu, [humnoonni Tigraay] naannichatti mul'achuunsaanii oduun gaafa dhagahamu magaala keessatti naasuufi burjaajii uumee ture," jechuun ibsu jiraatan kun.
Jiraataa Aanaa Tsallamti Lixaa kan ta'an Obbo Abrahaa namni jedhaman ammoo, uummanni jireenyasaa idilee akka hin jiraanne gochuuf "humnoonni Tigraay takka bahaa, takkammoo seenun qoccollii gaggeessaa jiru" jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti gaafatamaa nageenyafi tasgabbii Aanaa Tsallamti Lixaa kan ta'an Obbo Allabbee Alamuu humnoonni Tigraay yaa'a laga Takazee qabatanii qophii cimaa gochaa turuusaanii himu.
“. . . Sochii cimaa ta'e jalqabanii ture. Hidhattootatti ergama kennanii lo'anii seenun bulchaa naannoo sanaa akka ajjeesan godhaniiru," jedhan.
Obbo Allabbeen akka jedhanitti humnooti Tigraay bulchaa Aanaa Tsallamti Lixaa kan ta'an Obbo Mollaaliny Balaayinaa nama jedhamu ajjeesaniru.
"Uummanni akka sodaataniifi bir'atanii akka baqatan gochaa jiru," jedhu jiraataa Anaa Tsallamt Lixaa kan ta'an Obbo Abrahaan.
Dhuma ji'a Caamsaarraa kaasee humnooni Tigraay sochiin isaan bakkeewwan naannoleen lamaan irratti wal-falmanitti taasisan jedhame hanga ALItti hanga Waxabajjii 4, 2016tti turuu himu jiraattonnifi bulchiinsi aanalee kanneenii.
Bulchaa Godiina Gondar Kaabaa kan ta'an Diyaaqon Gaashawu Wubee akka jedhanitti, sochii humnoonni Tigraay taasisan hordofee bakkeewwan muddamni itti uumametti gamasaanin qophiin godhamee eeggannoo cimaarra akka jiru himan.
"Haala amma keessa jirruun ifatti walitti bu'iinsi hin uumamne. Garuummoo gara fuulduraatti waan hin oolle ta'uusaa haalonni agarsiisan jiru," jechuun haleellaa torbee darbee Aanaa Adirqaayitti mudate fakkeenya kaasun dubbatu.
Dabaluunis humnoonni Tigraay ammayyuu bakkeewwan Diimaa Mahibara, Maayigamaree, Car Mikaa'e'eifi Caacaree Taadiyoos Gadaam jedhaman keessa buufatanii akka jiraan himu bulchaan Godar Kaabaa kuni.












