'Mootummaa waliin mariyachuuf ammatti murteerra hin geenye'-Iskindir Naggaa

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexessaafi falmataan mirga namoomaa duraanii kan amma garee hidhattoota Faannoo hoogganuu himu, Iskindir Naggaa walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti gaggafamu karaa marii nagaatiin xumuruuf ammatti qophii akka hin taane BBCtti hime.
Gaaffiifi deebii addatti sagantaa BBC Focus On Africa waliin taasiseen mootummaan walitti bu'iinsi hidhannoo naannoo Amaaraa akka itti fufu fedha qabaa jechuun himate.
''Sababa kanaattis hidhattoota waliinis hidhata qabaatee hojjeta, kanaaf waggootaaf lolli itti fufee'' jedhe.
Waraana Kaaba Itoophiyaa isa gaaga'aa waggoota lamaaf gaggeeffame marii nagaa Piriitooriyaan erga goolabamee booda michummaan Faannoo fi mootummaa Itoophiyaa rakkoo godhate.
Adeemsi marii nagaa Piriitooriyaa qaama kana qollifate komiin jedhu osoo jiruu humni addaa naannolee akka diigamu murteen darbe Faannoon mootummaatti akka diinomu sababa biraa ta'e.
''Itoophiyaan biyya Afrikaa takkittii siyaasa sabummaa heerawaa gochuun tarkaanfachiistudha'' kan jedhe Iskindir, bu'aan sirna siyaasaa akkasii maal akka ta'e duguggaan sanyii Ruwaandaa agarsiiftuudhaa jedhe.
''Mootummoonni Itoophiyaa barkurneewwan sadan darbaniif ilaalcha siyaasaa gaaga'ama fidu kana hambisuuf fedha hin qabaanne,'' jechuun mootummaa himata.
Waggoota darban kana kanneen sabboonummaa mankaraarsan aangoo mootummaa qabachuu isaaniitiin waggoota jahan darban qofa sabni Amaaraa kumootaan lakkaa'amu haleellaa sabummaan ajjeefamuufi kana miiliyoonaan lakkaa'amu buqqa'eeraa jedhe.
''Lakkoofsi kun guddaa ta'us eenyuunuu raajaa waan hin jirreef falli jiru ofirraa faccisuuf qabsaa'uu ta'e,'' jechuun maaliif akka qabsoo hidhannootti makame hima.
Haata'u malee, mootummaan ibsa yeroo garaagaraatti baasuun, hidhattoonni Faannoo humnaan mootummaa garagalchuun aangoo qabachu barbaadu jechuun himata.
Iskindir Nagga garee hidhattoota Faannoo keessaa tokko akka hoogganu ibsus Faannoon caasaa fi gurmaa'ina waalta'aa hin qabu.
Humnoonni Faannoo gariin, Iskindir humna Faannoo jedhamuun beekamurraa addatti humna addaa ijaaruufi adeemsi isaas tokkummaasaaniitti danqaa ta'uu yeroo komatan dhagaahama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Nuti haleellaa hidhattota silaa mootumma lolan garuu amma mootummaa waliin ta'ee nu lolaa jiran ofirraa faccisuutti jirra'' jedha Iskindir.
Hidhattootni Faannoo waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeefamaa ture keessatti deeggaraa mootummaa Federaalaa ta'ee lolaa turus Iskindir dhuunfatti mootummaa kana deeggaraa akka hin turre dubbate.
Walitti bu'iinsa amma mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu jiru mariin furuuf maaliif akka hin yaalamne kan gaafatame Iskindir, ''ammatti marii nagaaf taa'uurratti murteerra hin geenye'' jedhe.
''Ammatti marii nagaa gochuurratti murteerra hin geenye. Gareen hidhattoota Faannoo hedduun mootummaa lolaa jira. Gareen martuu of danda'eetu socho'aa jira. Amma garee Faannoo kunniin waliin tokkumaa uumuuf hojjechaa jirra. Yoo walitti makamuun danda'ame walitti makamuuf yoo ta'uu bate ammoo adda tokko ijaaruuf.''
Iskindir dhimmi marii nagaa mootumma awaliin gaggeessuu tokkumma Faannoorratti waliigalteen tokko erga gahamee booda murtaaha jedhe.
Waraanni filannoosaanii dhumaa ta'uu kan himu hidhamaa siyaasaa duranii kun, ''mootummaatu nu dirqamsiisee waraanatti nu galche'' jedha.
Ammoo yoomiyyuu mariin nagaa kan simatan ta'us ammas mariiwwan nagaa amma dura gaggeefamanii bu'aa barbaadame hin fidnerraa barachuun eeggannoon gara mariitti (yeroodhuma marii nagaaf murteessan) akka galan hime.
Lola hidhannoo naannoo Amaaraa keessatti ji'ootaa hedduuf gaggeefamaa jiru kana keessa namootni nagaa hedduun ajjeefamuu, sarbamni mirga namooma hamaa qaqqabuufi hedduunis qe'eerraa buqqa'uu dhaabbileen mirgaa idila addunyaa gabaasaa turan.
Human Rights Watch ji'oota dura ibsa baaseen haala naannoo Amaaraa keessa jiru qaamni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qorannoo walabaa akka eegalu waamicha godhee ture.
Iskindir ''qorannoo dhaabbilee idila addunyaa kamuu ni simanna. Gama keenyaan seera idila addunyaa eguutti ofitti amanamummaa qabna'' jedhe.
Iskindir akkas haa jedhu malee, gareen hidhattoota faannoo naannicha keessatti ajjeechaa qondaaltoota mootummaafi miseensoota nageenyaa hedduutiin irra deddebiin himatama.
'Humnoonni Faannoo naannoo Amaaraa harka 80-90 harkaa qabna'
Mootummaan Federaalaa yeroo adda addaatti kutaalee naannichaa bakka hidhattootni Faannoo qabatanii turan bilisa gochuu gabaaseera.
Torbanoota muraasa darbanis Ministira Muummee biyyattii Abiy Ahimad dabalatee pireezidantootni naannolee magaalota akka Goondariifi Baahirdaaritti imalanii turan.
Iskindir garuu hala amma jiruun ''humnootni Faannoo naannoo Amaaraa harka 80-90 harkaa qabnaa'' jedhe.
Naannolee Faannoon to'atee jiru keessattis dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhiyeessan deeggarsa akka kennan kan tumsan ta'uus dubbate.
Humnootni motummaa magaalota gurguddoo qofa qabatanii jiruu kan jedhu Iskindir bakka Faannoon to'ate kaan keessatti haalli namoomaa hamaadha, deeggarsi namoomaa guddaan ni barbaachisa jedhe.
''Waggaa tokko dura wayita mootummaan naannichaa diigame as hammaate malee naannichi barkurneewwan shaniif deeggarsaan jiraachaa turee'' jedhe.
Waggaa tokkoo as deeggarsi namoomaa naannichaaf dhiyaate hin jiru kan jedhu Iskindir, deeggarsi dhiyaachuu hin eegalu taanaan rakkoon namoomaa hamaan dhalachuu malaa jedhe.
Hidhattoonni Faannoo ''naannoo Raayyaa Allaamaaxaatti buqqaatonni Tigraay deebi'anii akka hin qubanne dhorkan jedhamuu, baqattoonni Sudaan kaampiiwwan naannichaa keessa jiranis hidhattootaan irratti xiyyeefatamaa jiru'' jedhamuu Iskindir dhara jedheera.
''Humnoonni keenya namoota nagaa hin haleelle. Haleellaawwan raawwachuu beekna garuu nu miti,'' jechuun himannaa irratti ka'u haale.
Waraanni naannoo Amaaraa keessa ademaa jiru akkamiin xumura argata?
Gaaffii kanaaf deebii kan kenne Iskindir ''mootummaan duula duguuggaa sanyii Amaararratti gaggeessuu yeroo dhaabudha'' jechuun mootummaatti quba qabe.
''Rakkoon biyyattii bu'uurarraa furamuu qaba... sabumaa keenyaaf jecha nu ajjeesuu dhaabuu qaba.''
Rakkoowwan kana kan dhale heera biyyaattiiti jechuunis heerri akka jijjiiramuu qabu akeeke.












