'Waraana Tigiraay hordofee bulchiinsoti Naannoo Amaaraa jala galan hanga Waxabajji 30 diigamu'

Madda suuraa, TIGRAY COMMUNICATION AFFAIRS
Waraana Naannoo Tigiraay hordofee bulchiinsoti bakkeewwan falmisiisoo Naannoo Amaaraa jala galan hanga Waxabajji 30 bara 2016 akka diigaman Pireezidantiin Itti- Aanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Jeneraal Taaddasaa Warradee himan.
Jeneraal Taaddasaan wal dhabdee naannichaa akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatti hiikuufi hojiirra oolmaa isaa irratti qondaalota mootummaa federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin guyyoota lamaaf erga marii’atanii ibsa har’a kennaniin kana dubbatan.
Waraana Tigiraay hordofee naannoon Amaaraa kan kooti jechuun aanolee akka Kibba Tigiraayii fi Tsellamt bulchiinsa isaa jala galchuun bifa haaraan caasesseera.
Wal dhabdee kana hiikuufi waliigalticha hojiira oolchuufis hanga Caamsaa 30 bara 2016tti beellamni qabameera.
Akkasuma Lixa Tigiraay kan naannoon Amaaraa anaaf taha jechuun gaafataa turee fi waraanicha hordofee bulchiinsa isaa bifa haaraan naannoo Amaaraa jala galche hanga Waxabajji 30 bara 2016tti furmaata argata jedhan.
Hidhannoo hiikkachuu, bulchiinsota haaraa ijaaraman kam fa’aatu diigama, kan jedhuu fi buqqaatotni qe’ee isaaniitti deebi’uu ilaalchisee karoorri ifa tahe bahuus ibsaniiru.
Dabalataan hojiirra oolmaa karoora kanaa ammoo akka qaama waliigaltee Piriitoriyaatti Koreen Gamtaa Afrikaa irraa ijaaramuun kan hordofu tahuu ibsameera.
Koreen kun Maqaleetii akka biiroo qabu Jeneraal Taaddasaan kana dura himaniiru.
‘’Buqqaatotni gara qe’ee isaaniitti deebi’uun dura manni isaanii, laftii fi qonni isaanii nama biraan jalaa qabamee waan jiruuf haala mijataa dursinee uumuuf waliigalameera’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama naannoo Tigiraayiin qaamni hidhatee naannicha jiru akka bahuufi namootni waraanaan booda naannicha qubatanis gadhiisanii akka bahan waliigalteerra gahamuu miidiyaaleef himaniiru.
Naannoleen madda wal dhabdee tahan kunneen to’annoo eenyu jala tahu? Gaaffii jedhuuf jeneraalichi yeroo itti aanutti kan ilaalamu taha jedhanii humni Tigiraay garuu eessa akka bahan hin dubbanne.
Akkaataa waligaltee Piriitoriyaatti hojiirra osoo hin ooliin kan ture keessaa tokko jiraattota naannichaa buqqa’an qe’eetti deebisuu yoo tahu, dhimma kanas hojiitti hiikuuf Gamtaa Afrikaa waliin mari’achuun waliigaluu torban lama dura Jeneraal Taaddasaan himaniiru.
Buqqaatota qe’eetti deebisuuf bulchiinsota seeran ala ijaaraman diiguufi qaama hidhatee naannicha jiru bittinsuuf mootummaa federaalaa waliin waliigaluu himan.
Kana kan raawwatu ammoo Raayyaa Ittisa Biyyaati.
Torbanoota darban keessa Raayyaa fi Allaamaxaatti walitti bu’insi bifa haaraan jalqabuun dhagahamee ture.
Walitti bu’insicha hordofees duraan caasaan bulchiinsa isaanii naannoo Amaaraa jala guutummaan guutuutti kan galan diigamuu fi magaalaan Allaamaaxaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolsii Federaalaa jala gaafa Ebla 7 bara 2016 jalqabuun galuu kantiibaan magaalittii himanii ture.
Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Qindeessaa Ijaarsa Dimokiraasii Paartii Badhaadhinaa kan tahan Obbo Adam Faaraa ‘’gaaffii anaaf mala’’ bakkeewan irratti ka’an karaa nagaa fi seera qabeessaan hiikuuf waliigalameera, obsaan eeguun barbaachisaadha,'' jedhanii ture.
Lixaa fi Kibbi Tigiraay iddoowan waggootaaf naannoo Amaaraa waliin irratti wal dhaban yoo tahu waggoota 30 tahaniif bulchiinsa naannoo Tigiraay jala turan.












