Miseensi ABIN aangoo mootummaa Naannoo Amaaraa irraa gadhiisan

Madda suuraa, AMHARA CULTURE AND TOURISM BUREAU
Qondaalli Naannoo Amaaraa Obbo Xaahir Mohammad waggaa lamaaf walakkaa ol hogganaa Waajira Aadaafi Tuurizimii naannichaa tahuun erga tajaajilaniin booda aangoo gadhiisuu BBCtti himaniiru.
Qondaalli kuni miseensa paartii mormitu Warraaqsa Biyyaalessaa Amaaraa yoo tahan aangoo ''sababa dhuunfaan'' gadhiisuu himan.
Iddoo isaanii miseensi ABIN Obbo Malkaamuu Tsaggaayee pireezidantii naannichaan muudamuu Koominikeeshiniin Naannoo Amaaraa beeksiseera.
Paartiin Badhaadhinaa amma aangoorra jiru yeroo mootummaa hundeessu miseensota paartii mormituu ittigaafatama mootummaarra kaa'uu murtoo jedhuun ture Obbo Xaahir bara 2014 ALI gara aangootti kan dhufan.
Muudamuun booda yeroo waggaa sadiitti siquuf waajiricha keessa kan turan yoo tahu, aangoo gadhiisuuf kan gaaffii dhiyeessan ji'a jahaan dura akka tahe BBCtti himaniiru.
Haa tahu malee, ''haala yeroo naannicha keessa jiruun hoggansi ko'ommatee waan tureef, '' gaaffiin isaanii deebii otoo hin argatiin turuu himan.
Haasaa ji'oota sadan darbaniif taasifameen booda naannichi gaaffii isaanii fudhachuus himaniiru. Qondaalli Waajira Aadaafi Turizimii Naannoo Amaaraa duraanii kuni, ''dhimma maatii waanin qabuufi,'' jechuun dhimma itti gadhiisaniif ibsaniiru.
Obbo Xaahir hogganoota naannichaa waliin marii'achuun paartii isaaniirraa namni biraa bakka buufamun booda gadhiisuu isaaniis himan.
Koominikeeshiniin Naannoo Amaaraa ibsa har'a Ebla 22, 2016 ALI baaseen pireezidantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbada, Obbo Malkaamuu Tsaggaayeedhaan hogganaa Waajira Aadaafi Turizimii naannichaa gochuun muuduu isaanii beeksiseera.
Muudamaan haaraa Obbo Malkaamuun miseensa hojii raawwachiiftuu paartii ABIN fi itti-gaafatamaa waajira paartichaas tahuun hojjetanii turan.
Obbo Malkaamuun ittigaafatama waajira kanaaf kan filataman, ''hoggansa fooyya'aa'' fi ''muuxannoo adeemsa hojii mootummaa'' qaban tilmaama keessa galchuun akka tahe Obbo Xaahir dubbataniiru.
Obbo Xaahir kana booda haala jiru irrati gaaffii isaaniif dhiyaateef, ''isa amma dubbachuu hin danda'u,'' deebii jedhu kennaniiru.
Yeroo ammaa naannicha keessa walitti bu'insa jiruun, ''damee aadaafi turizimiin hamma karoorfame hojii raawwachuun akka hin danda'amne,'' waajirichi beeksisuu Koopporeeshiniin Miidiyaa Amaaraa torbee darbe gabaasee ture.












