Lakkoofsi namoota Allaamaaxaafi Raayyaa irraa buqqa'anii kuma 50 qaqqabe-UN

Madda suuraa, ALAMATA COMM
Lakkoofsi namoota bakkeewwan walitti bu'insi itti dhalate akka magaalaa Allaamaaxaa, akkasumas aanaalee Raayyaa Zaataafi Ofilaa keessaa buqqa'an kuma 50 qaqqabuu dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajirri damee gargaarsa namoomaa qindeessu beeksise.
Aanga'oota godina namoonni buqqa'an kun keessa qubatan waabeffachuun Wixata Ebla 21, 2024 waajirichi gabaasa akka baasetti, warra buqqa'an kanneen keessaa kuma 42 kan ta'an Walloo Kaabaatti kan argamtu magaalaa Qobboo, akkasumas 8,300 kan ta'an ammoo godinaalee Seqoxaafi Waag Himiraa keessa qubataniiru jedhe.
Buqqaatota garri caalaan isaanii dubartoota, daa'iman, ijoollee ol adeemoofi maanguddoota ta'an kunneen manneen jireenyaa hawaasa naannichaatti dahachuuf yaalaa akka jiran ibsuun, warri kaan ammoo magaalaa Qobboorraa kiiloomeetira sadii faggaattee kan argamtu mandara industirii Gaara Leencaa jedhamtutti dahataii jiru jedheera.
Buqqaatonni bakka kana dahatanii jiran haala rakkisaa keessatti rooba Arfaasaatiif saaxilamanii jiraachuu kan eere ibsi ejensii UN kun, buqqaatora hanga tokko gara bakka biraatti dabarsuudhaaf yaalaa jiraachuu michoota bakka sanarraa waliin hojjetu waabeffachuun himeera.
Humnoonni Federaalaa gidduu seenuu isaanii hordofee naannawaa magaalota Allaamaaxaa, waldiyaafi Qobbootti kaleessa [Ebla 21, 2024] irraa kaasee haalli nageenyaa tasgabbaa'aa ta'uu ibsameera.
Daandiiwwan Allaamaaxaarraa gara qobboo geessu, akkasumas Allaamaaxaarraa gara Maayicawu geessu tiraanispoortiif banaa ta'uu isaanii, akkasumas baankiifi tajaajilawwan hawaasaa biroon hojiitti deebiyuun isaanii eerameera.
Waraana Tigraayitti jalqabe hordofee gara naannoo Amaaraatti akka makaman kan taasifaman, magaalaa Allaamaaxaafi aanaalee Raayyaaatti, walitti bu'insa akka haaraatti jalqabame hordofee imbaasiiwwan Kanaadaa, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaanii, Jaappaan, Yuunaayitid Kingidam, Ameerikaa Finfinnee keessa jiran tasgabbiin akka jiraatuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Imbaasiiwwwan kunneen qaamoleen hunduu hidhannoo hiikkatanii deebiyanii hawaasatti makuun, akkasumas lammileen qe'ee isaaniirraa buqqa'an deebisuudhaaf yaaliiwwan jiranirratti xiyyeeffachuun akka hojjetamuu qabu hubachiisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imbaasiiwwan kunneen ibsa muddamni jiru hafee tasgabbiin akka jiraatu, akkasumas lammilee nagaatiif eegumsi akka taasifamuuf waamicha dhiyeessan kanaan, "rakkoowwan siyaasaafi nageenyaa walxaxoo naannicha jiru hiikuudhaan nageenya waaraa Itoophiyaa mirkaneessuudhaaf marii qaamoleen isaan ilaallatu hirmaachise qofatu karaadha," jedheera.
Torban darbe keessa naannoo Allaamaaxaatti walitti bu'insi akka haaraatti ka'uu hordofee gabaasaaleen falmisiisoo ta'an bahaniiru.
Waraana ture hordofee bakkeewwan gara naannoo amaaraatti makamanii turan keessa caasaaleen bulchiinsaa turan guutummaatti diigamuun isaanii kan himame yoo ta'u, magaalan Allaamaaxaa A L I Ebla 7, 2016 irraa kaasee to'annoo raayyaa ittisaafi poolisii Federaalaa ta'uu isaa kantiibaan magaalattii dubbatanii ture.
Sadarkaa ministira muummee itti-aanaatti Qindeessaan Ijaarsa Dimokiraasiifi pirezidantiin Itti-aanaa Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah walitti bu’insa hordofee yaadaa kennaniin, bakkawwan naaf mala jechuun gaaffiin irratti ka’an ilaalchisee
“karaa seeraafi nagaaatiin hiikuudhaaf waliigalteerra kan gahame waan ta’eef qajeelfama jiruuf ajajamuun barbaachisaadha” jedhan.
Kanaan alatti walitti bu’insawwan taifamanis ta’e tutuqqaawwan jiran fudhatama hin qaban kan jedhan Obbo adam, qaamoleen hunduu waliigaltee Piritooriyaatiif ajajamuu akka qaban ibsuun, akka waliigaltichaatti “aangoo ummataa bifa mirkaneessuun” hojiirra kan oolu ta’a jedhaniiru.
Walitti bu’insa tibbana ka’e ilaalchisuun ibsa kan baase mootummaan nananoo Amaaraa, TPLF waliigaltee Piritooriyaa cabsuudhaan marsaa afiraffaa ummatarratti waraana baneera jechuun himateera.
V kanaan dura ministirri ittisa biyyaa Dr. Abrahaam Balaay, bulchiinsi bakkeewwan naannoleen Amaaraafi Tigraay naaf mala jechuun gaaffii irratti kaasan mootummaa Federaalaatiin akka diigaman ni taasifamu jedhanii turan.












