Dura taa'an Gamtaa Afrikaa haalli Kaaba Itoophiyaa isaan yaachisuu himan

Madda suuraa, @AUC_MOUSSAFAKI
Daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay bakka naannoleen lamaan naaf mala jedhanii irratti wal-atakaraaniin walqabatee haalli mul'taa jiru baay'ee akka isaan yaaddesse dura taa'an Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faqii Mahaamat ibsan.
Dura taa'aan komushinichaa ibsa baasaniin, Kaaba Itoophiyaa Raayyaafi Allaamaaxaa, Zaatafi Oflaab dabalatee bakkeewwan falmisiisoo ta'anitti "muddama hammaatee" jiru yaaddoo keessa taa'anii hordofaa akka jiran beeksisan.
Bakkeewwan naannon Amaaraafi Tigraay irratti wal-falmanitti torban darbee eegalee hidhattoonni seenaa jiraachurraa kan ka'e jiraattonni baqachuu gabaafamee ture.
Waliigaltee Piritooriyaa booda bakkeewwan naannoleen Tigraayiifi Amaaraa irratti walfalman keessaa qaamoleen humna nageenya mootummaa federaalaa hin taane akka bahan jedhamee ture. Torbee darbe irraa eegalee garuu jiraattonni bakkeewwan kana keessaa bahaa jiru ragaalen garaa garaa akka mul'isanitti.
Jiraattonniifi aangawoonni bakkeewwan kanneenii BBC'n dubbise akka jedhanitti, magaalota keessatti raayyaan ittisaafi poolisiin federaalaa kan bobba'an yoo ta'u, bakkeewwan baadiyyaatti ammoo hidhattoota TPLFtu mul'ata.
Sababa kanaan magaala Alaamaaxaa, aanaalee Oflaa Raayyaa irraa namoonni buqqa'an 50,000 gahuu UN guyyootan dura beeksisee ture.
Bulchiinsi Naannoo Amaaraa gamasaan TPLF waliigaltee Piritooriyaa gutumaan guututti cabsuun Raayyaa Allaamaaxaa, Raayyaa Baallaa, Oflaa, Koramiifi Zaataa fa'aa weerare jechuun torbee darbe ibsa baasee ture.
Dura taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Musaa Faqii Mahaamat gamasaaniin, bifa haaraan haalli naannoo daangaa naannolee Amaaraafi Tigraayiitti mudataa jiruun buqqaatiin jiraattotaa akka dhaabbatuuf qaamoleen hunduu hatattamaan "diinummaa hambisuun nageenya namoota nagaa akka mirkaneessan" jechuun waamicha dhiyeessan.
Waliigalteen Piritooriyaa TPLFfi mootummaan Itoophiyaa waliif mallatteessan guutummaan akka hojiirra oolu jechuun waliiglaticharratti akkuma ibsame, naannolee abbummaan irratti ka'u deebii furmaata quubsaa ta'e kennuuf mariin siyaasaa akka eegalus gaafatan.
Bifuma wal-fakkaatun bakkeewwan naannoleen lamaan irratti abbummaaf wal-falmanitti walitti bu'iinsi mudachuu hordofee biyyoonni akka Kanaadaa, Faransaayi, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, UKfi US fa'aa karaa emabsii isaanii Finfinnee jiruu muddamni jiru akka qabbanaa'uf waamicha godhanii ture.
Mootummaan federaalaa gamasaan naanichatti furmaata itti fufiinsa qabu fiduuf hojjataa akka jiru beeksise.
Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa guyyootan dura ibsa baasen, hidhattoonni TPLF akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti hidhannoosaanii hiikkachuu qabu jechuun ibsa baasee ture.












