Naannoo Amaaraatti bulchaa aanaa Laastaafi hogganaan waajjira fayyaa ajjeefaman

Madda suuraa, LASTA WOREDA COMMUNICATION
Naannoo Amaaraa Kaaba Wallootti, bulchaan aanaa Laastaafi ittigaafatamaan waajira fayyaa aanichaa haleellaa hidhattootaan ajjeefamuu jiraattotaafi maddeen kaan BBCtti himaniiru.
Bulchaan aanichaa Obbo Geetaachaw Mallisee fi ittigaafatamaan waajira fayyaa Obbo Miiliyoon Afewarqi haleellaa irratti raawwatameen Kibxata kaleessaa Ebla 22, 2016 ALI ajjeefamuu maddeen afur irraa BBC'n mirkaneeffateera.
Qondaaloti mootummaan kunneen dhukaasni kan irratti baname magaalaa guddoo Kaaba Walloo Waldiyaatti walgahii xumuranii otoo isaan deebi'aa jirani akka tahe bulchaa aanichaaf dhiyeenya maddi qaban tokko BBCtti himaniiru.
Haleellaan kuni magaalaa guddoo Laastaa kan taate Laalibalaa dhihootti raawwatamuu kan himan maddi nutti himan kuni qondaalota biroofi hogganoti magaalaa Laalibalaa waliin imalarra turanis jedhaniiru.
Qondaalota mootummaan alatti namni dhuunfaa biraan tokko ajjeefamuufi kaan immoo madaa'uu eeraniru. Maddeen lama biroo ammoo yoo xiqqaate namoonni lama haleellaa raawwateen madaa'aniiru jedhan.
Yeroo haleellaan raawwatu waliin kan turan qondaaloti mootummaa biroo isa gara imala gara magaalaa Laalibalaa imalan dhiisanii gara duubaatti deebi'uun Kuulmaski magaalaa jedhamtu buluu maddeen himaniiru.
Namni dhuunfaa caasaa aanichaa keessa hojjetaniifi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan haleellaa kanaan bulchaafi itti gaafatamaan waajira fayyaa aanichaa ajjeefamuu mirkaneessaniiru.
Guyyaa har'aa gamoo waajiraaleen aanichaa argamanirraatti itti gaafatamaan waajira fayyaa aanichaa lubbuun isaanii darbuu waraqaan ibsa gaddaa maxxanfamee arguu isaanii dabaluun himanniru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan magaalaa Laalibalaa gamasaaniin, ''galgala mana bulchaan aanichaatti boo'ichi ture. Ammallee jiraattonni gara mana boo'ichaa adeemaa jira,'' jechuun duuti bulchaa aanichaa jiraattota magaalaa guddoo aanitti Laalibalaatti dhagahamuu himaniiru.
Sirni awwaalchaa bulchaa aanaa Laastaa Obbo Geetaahuun naannoo iddoo haleellaan irratti raawwate, magaalaa dhalootasaanii magalaa Gannat Maariyaam jedhamtutti akka raawwatu maddeen BBCtti himaniiru.
Sirni awwaalchaa ittigaafatamaa waajira fayyaa aanichaa Obbo Miiliyoon ammoo magaaluma Laalibalaa keessatti akka raawwatu kan himan maddi caasaa aanichaa keessaa hojjetan, reeffi hamma gara magaalatti dhufutti eegamaa akka jirus hubachiisaniiru.
Boodarra jiraataan magaalattii reeffi gara magaalatti galuu ibsaniiru.
Maddeen BBC'n dubbise lama haleellaan kuni eenyuun akka raawwate himuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Maddeen bulchiinsa aanichaaf dhihoo tahan gama isaaniin bulchaan aanichaa Obbo Geetaachoon kanaan dura, ''akeekkachiisi'' akka itti ergamaa tureefi ''miseensi maatii jalaa butamee,'' akka ture himuun haleellaa kan raawwate '' warra Faannoo dha,'' jedhaniiru.
BBC'n bulchiinsa aanichaa fi kantiibaa magaalaa Laalibalaa irraa odeeffannoo argachuuf irra deddeebiin yaalus hin milkoofne.












