Seerota dinqisiisoo amanuuf ulfaatan Kooriyaa Kaabaa qofatti argaman ja'a

Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un dhimma oomisha Nikularaa fi seerota ajaa'ibsisoo baasuun beekamu

Madda suuraa, Getty Images

Waa'een Kooriyaa Kaabaa yoo ka'u irra caalaa kan himamu waa'ee shaakala nikularaa fi qoccolloo biyya ollaashee Kooriyaa Kibbaa akkasumas Ameerikaa waliin taasftuudha.

Odeeffannoo bal'aan waa'ee biyyatti agarsiisan waraanaa fi yaalii Nikularaa irraa kan hafe waanti gadi fageenyaan beekamu muraasa.

Sababni isaammoo biyyattiin addunyaarraa qofatti of daangessitee jirachaa waan jirtuufiidha.

Lammileen biyyatti carraa miidiyaa fi intarneetii hordofuu waan hin qabneef waan addunyaan keessa ooltu waan quba qaban hin fakkaatu.

Jaarraa kana keessa addunyaa intarneetii hin qabne keessa jiraachuu tilmaamuun ni danda'amaa?

Sanuu yeroo ammaa addunyaan mandara tokko taatee fi tajaajilootni jireenya namaa waliin wal qabatan intarneetii fi odeeffannoo guyyaa guyyaan argamu irratti hirkate kanatti.

Kooriyaa Kaabaatti garuu akka namoota biyya kan biroo odeeffannoo haaraas ta'ee tajaajiloota teknolojiin salphatti raawwataman argachuun salphaa miti.

Waantoonni hedduun heeraa fi seera biyyattin daanga'aniiru. Waantoota biyyatti biyyota kaan irraa adda taasisan keessa dhimmi seera biyyattii yeroo hundaa ijoo dubbiiti.

Biyyoota biroo heddu keessatti dhimmoonni akka seeraatti jiraachun isaaniyyuu namni hin tilmaamnee fi hojii idilee isaa keessatti guyyaa guyyaan raawwatu Kooriyaa Kaabaa keessatti adabbii cimaa hordofsiisa.

Seeroota dinqisiisoo Kooriyaa Kaabaa qofa keessatti hojiirra oolaa jiran keessaa ja'ansaanii haa ilaallu.

1. Of ajjeesuu ykn yaaluun hanga dhaloota 3tti adabsiisa

Suuraa nama lammii Kooriyaa achi garagalee dhaabatu agarsiisu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensa maatii keessa namni tokko yoo of ajjeese ykn yaalii of ajjeesuu raawwate adabbiin isaa miseensota maatii guutuu eeggata. Yakka of ajjeesuu qofaa utuu hin taane yakkuma kamuu raawwachuun maatii hanga dhaloota 3ffaatti (Akaakayyuu, abbaa, ilma) adabsiisuu danda'a.

Gabaasaleen tokko tokko ragaa qabatamaan nama of ajjeesuu yaale du'aan akka adabamu itti murtaa'e akka hin jirre mormu.

Garuu adabbii hidhaas ta'u ykn waraanatti erguu akkasumas adabbii maatii eeggatu dabalatee heeran tumameera.

Maatii qofaas utuu hin taane yakka nama dhuunfaa tokkoof hogganaan waajjira ykn dhabbanni inni/isheen hojjattullee adabbii isaa jalaa kan ba'an mitii, yakka raawwatameef itti gaafatamummaa qabu.

Kanaaf Kooriyaa kaabatti namni namaaf jecha utuu hin taane ofiif jedhee yakkoota adda addaa irraa wal dhorka.

Akkasis ta'ee garuu biyyattiin biyyoota addunyaa namoonni baay'inaan keessatti of ajjeesan keessaa tokko akka taatedha gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan mul'isu.

2. Muguu fi kolfuun haalli itti nama adabsiisu jira

Pirezidaantii biyyattii Kiim Jong Un loltoota heddu waliin

Madda suuraa, AFP

Waltajjii Pirezidaantii biyyattii Kiim Jong Un haasawa taasisuu irratti rafuu ykn muguun adabbii du'aa fiduu danda'a. Namootni hedduun haala kanaan ajjeefamaniiru.

Akka fakkeenyatti bara 2015 ministira ittisaa Kooriyaa Kaabaa kan turan Hyon Yong-chol waltajjii Kiim Joong Un qondaaltota waraanaf ajaja dabarsan irratti irribni shillim waan gooteef namoota 100 ol fuulduratti rasaasa farra xiyyaaraatiin ajjeefamuun ni yaadatama.

Qondaalota qofaa utuu hin taane namni kamuu utuu pirezdaantichi haasawa taasisuu muuguun hin hayyamamu.

Waggaa waggaan gaafa Adoolessa 8 kolfuun baay'ee dhorkaadha. Guyyaan kun guyyaa Abbaan Pirezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kim Il-sung bara 1994 du'an waan ta'eef guyyaan kun yaadannoo kanaaf oola.

Guyyaa kana kolfuu mitiiti sagalee guddaadhaan haasa'uun, shubbisuun ykn alkoolii dhuguun seeran daangeffamaadha.

Seera kana kabajuu dhabuun ammoo gara kaampii waraanaatti ergamuu ykn ajjeechaa hordofsiisuu danda'a.

Pirezdaantichpi aangoo kana maatii isaarraa dhaale. Amma dhaloota 3tti biyyatti bulchaniiru(Akkaakayyuu isaa, Aabbaa isaa, ilma ykn Kiim Jong Un). Isaan booda ammoo Intalli isaa aangoo akka qabattutu eegama.

Siidaan isaanii daandii guddaa irratti waan dhaabatee jiruuf lammileenis ta'e turistootni miila isaa jalatti akka jilbeenfatan dirqamu.

Walumaa galatti Kooriyaa Kaabaa keessatti maatii Kim Jong Un fi namoota siyaasaa kaan kabaju dhabuun akka biyya ofii ganuutti ilaalama.

Baatii Amajjii darbe keessa haati tokko suuraa pirezidaantii duraanii Kiim Il-sung kan ibidda keessa ture osoo hin taane ijoollee ishee baraaruuf yaaluun hidhaan akka ishee mudate gabaafamee ture.

Mana ofii keesattis ta'u suuraa moototarraa dhukkee haxaawu dhabuun illee nama yakkamaa gochuuf gahaadha.

Kabaja pirezdaantichaaf lammiileen biyyatti kamuu maqaa pireezidaantii amma jiruun wal fakkaatu qabaachuun hin hayyamamu.

Kanaaf, da'imman isaanitiif maqaa kana baasuun hin yaadamu, namni durayyuu Kiim jedhamu hundi maqaa isaa akka jijjiiru taasifame.

3. Fiilmii fi muziqaan biyya alaa dhorkaadha

Fakki tajaajilli Interneetii dhorkamuu ibsuu

Madda suuraa, Shutterstock

Muuziqaa biyya alaa dhaggeeffachuunis ta'ee fiilmii biyya biraa ilaaluun akka yakkaa guddaatti ilaalama.

Biyya sanatti lammileen wa'ee fiilmiiwwan Hooliiwuud fi Booliiwuud waanti beekan hin jiru.

Namni fiilmii Ameerikaa utuu ilaaluu qabame, ajjeefamuu danda'a, fiilmii Hindii ilaaluun ammoo mana hidhaa nama buusa.

Filmiiwwaan saalqunnamtii (Pornoogiraafii) ilaaluu fi raabsuun kallattiin adabbi ajjeechaa namarraan gaha.

Kana malees, Televishinii barbaadan ilaaluun dhorkaadha. Kooriyaa Kaabaa keessa chaanaalii televizyiinii mootummaa sadii qofatu jira. Sadan sana akka barbaaddeetti jijjirtee ilaaluun ni danda'ama. Sanaan ala yaaliin taasifamu ammoo heera mootummaa cabsuudha, adabbiis qaba.

Tajaajilli Intarneetii nama hundaaf hin jiru. Namoonni intarneetii akka fayyadaman eeyyamamuuf hoggantoota siyaasaa fi maatii isaanii, barattoota manneen barnootaa qarootti baratanii fi kutaa waraana dhimma saayibarii irratti hojjatan fa'i qofadha.

Isaaniyyuu marsariitiwwan dhorkaman ykn qoqqobbiin biyyattin irra kaa'ame akka hin fayyadamne dhorkamu.

Ammaf to'annoo mootummaa jalatti marsariitiiwwan 28 qofatu fayyadamamuuf eeyyamama. Wi-Fi hin jiru. Bilbilas ta'ee kompiwutaroota kan akka Mac fi Iphone fayyadamuun ni dhorkama.

Akeekni seeroota kanneenii dhiibbaa biyyoota alaa hambisuu akka ta'e himti biyyattiin.

4. Bashannanaaf byya biraa deemuun dhorkaadha

Pireezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un wayita farda yaabbatee gulufu bara 2019

Madda suuraa, Getty Images

Bashannanni haa hafuuti bilbila biyya biratti (alaatti) bilbiluun yakka. Bara 2007tti namni bilbila idil-addunyaa (International call) hedduu taasise tokko ajjeefamera.

Dhimmi addaa alatti nama bilbilchiisu yoo jiraate dhimmichi ilaalamee hayyama mootummatiin ta'uu ni danda'a

Bashananaafis ta'ee yeroo boqonnaa biyya biraatti dabarsuun hin eeyyamamu. Yeroo baayyee namoonni kooriyaa Kaabaa irra gara biyya biraa deeman hedduun biyyattitti hin deebi'an.

Kanaafiidha eeyyema mootummaatiin ala gara biyya alaa yaaduun kan hin danda'amne.

Biyya alaa qofa utuu hin taane baadiyyarraa gara magaala guddoo biyyattii, Pongyaangi galuuf mootummaatti iyyatamaee yoo eeyyamame qofadha.

5. Jiinsii uffachuu fi rifeensa akka fedhanitti sirreefachuun dhorkaadha

Surree jiinsii Uffaachuun Kooriyaa keessatti seeran dhorkame.

Madda suuraa, Getty Images

Seerri uffannaa jiinsii dhorkuu wayita ragga'u mormii heddu kaasee ture. Garuu akka seeraatti tumamee hojiira ooleera waan ta'eef seera kabajuun dirqama lammileeti.

Kanaaf jiinsii uffachuun akka mallattoo kaappitaalizimii leellisuutti waan ilaalamuuf namni kamuu jiinsii uffachuun hin hayyamamuuf.

Dubartoonnis yeoo maraa uffannaa jilba ol mul'isu uffachuun ni dhorkama.

Akkaataan rifeensa mataa itti sirreeffatan waan murtoo mootummaatiin lafa taa'edha.

Akka biyyattitti akkataa namni rifeensa itti sirreeffatu gosa 28tu jiru. Isaan keessaayis 18 kan dubartootaa, 10 ammoo kan dhiirotati. Kanaan ala akkataa rifeensa koo waliin deemuuttin sirreffadha jechuun heera cabsuudha. Adabbii cimaas qaba.

Namni eeyyama isaa male kan mootumaa ykn Kiim Joong Un fakkeesse murate ammoo adabbiin isaatu olaanaadha, du'a ta'uu danda'a ykn fedhiin ala waraanatti geeffamu.

6. Kanneen biroo adda addaa

Kooriyaa Kaabaa keessatti waanti hedduun kan daangeffamee fi dirqaman raawwachisu waan ta'eef gaaffiin mirgaa fi demokiraasii biyyattii rakkoo guddaa keessa akka jiru kanneen mirgaaf falman kan ibsan.

Fakkeenyaaf, namni tokko hangamuu yoo duroome konkolaataa heddu bituu fi meeshalee faaya hedduu bitee godhachuu hin danda'u.

Qabeenyi irraa hafaan yoo jiraate deeggarsa waraanaaf akka oolfamu taasifama. Konkolaataa bituun kan eeyyamamu namoota muraasaaf qofa. Qondaaltoonni mootummaas kanneen dhiira ta'an qofatu konkolaachisuu danda'a.

Dubartoonni poolisa tiraafikaa ta'an iyyuu konkolaachisuun isaaniif hin eeyyamamu.

Filannoon hojii fi ogummaa nama dhuunfaan kan murtaa'u utuu hin taane fedhii biyyattii irratti hundaa'uun mootummaan murteessa. Kanneen ajaja kana hin fudhanne ammoo gara leenjii waraanaatti ergamu.

Tajaajilli waraanaa dirqmaa nama kamiifuu (dhiirootaaf waggaa 10 fi dubartootaaf waggaa torba.)

Dilbanni guyyaa hojii waloo duulli qulqullinaa itti gaggeefamu yoo ta'u, guyyaa kana qulqullinni hundi harkaan kan raawwatamuu fi meeshaalee fayyadamuun kan itti hin hayyamamneedha.

Haala biyyoota kaan irra adda ta'een ammoo, daldallii fi fayyadamni qoricha sammuu adoochuu (Mariju'anaa) akka seeraatti adabbii tokkollee hin qabu.