Kooriyaan Kaabaa heera ishee keessatti Kooriyaa Kibbaa 'diina' jechuun labsite

Bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un

Akka miidiyaan Kooriyaa Kaabaa gabaasetti yeroo ammaa heerri biyyattii biyya ollaa taate Kooriyaa Kibbaa akka biyya diina taateetti labseera.

Heera mootummaa Kooriyaa Kaabaa dhiyoo kana fooyyeffame jedhame keessatti jalqabarratti kanatu eerame.

Gaazexaan Kooriyaa Kaabaa Rodong Sinmun jedhamu fooyya'iinsi heera mootummaa biyyattii kun ''waan hin oolle akasumas tarkaanfii sirrii fi fudhatamaadha,'' jedhee gabaase.

Keessummaa waggoota hedduu booda yeroo muddamni biyyoota lameen gidduutti hammaate kanatti fooyya'iinsi akkanaa akkaan murteessaadha jedha gabaasi kun.

Kooriyaan Kaabaa Kibxata darbe daandii Kooriyaa Kibbaa waliin wal ishee quunnamsiisu barbadeessite.

Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa tarkaanfiin kun ''biyyoota lameen [Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa] gargar baasuuf isa jalqabaati,'' jechuun gabaase.

Taajjabdoonni gariin heera mootummaa haala kanaan fooyya'e kanaan jalqabbii fakkeenyummaa qabu jedhaniin. Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un Muddee 2023 yaadi tokkummaa'uu biyyoota lameenii guutummaatti akka haqamu labsee ture.

Yeroo sana Kim hariiroon Kooriyaa Kaabaa fi Kooriyaa Kibbaa ''hariiroo biyyoota diina walii ta'anii akka ta'ee fi biyyoota waraanaaf wal eeggatan'' akka ta'an dubbachuu miidiyaan biyyattii gabaasee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Duuba Amajjii keessa yaadi Kooriyaa Kibbaa waliin tokkoomuu jedhu gonkumaa akka hin taane labse.

Kanaaf jecha heera mootummaa fooyyessuun akka barbaachisuu fi Kooriyaa Kibbaatiin ''biyya diina taate'' jedhanii labsuun akka barbaachisu kallattii kaa'e bulchaan Kooriyaa Kaabaa kun.

Yeroo sanarraa eegalee muddamni fi walqoccolloon biyyoota lameen gidduutti hammaateera.

Keessattuu ji'oota muraasa darban ammoo yaaddoon gidduusaaniitti daran hammaateera.

Jaarmiyaa- Rand Corporation jedhamutti xiinxalaa dhimma waraanaa kan ta'e Biruus Beeneet Kooriyaan Kaabaa jecha ''biyya diina taate'' jedhu ifatti fayyadamuu erga eegaltee waggaa guuteera jedhe.

''Bara 2023 keessa wayita yaadi akkanaa labsamu tarkaanfii guddaa ture. Waraana kaasa jedhamee waan sodaatamuuf yaaddootu ture,'' jechuun BBCtti hime Aab Beeneet.

''Ergasii Kim fi obboleettiinsaa niwukilaraan US fi Kooriyaa Kibbaa doorsisuu itti fufan. Tarkaanfiiwwan muddama hammeessan hedduus fudhachuu eegalan. Kanaaf amma muddamni daran hammaateera.''

Kanneen dhimma kana itti dhiheenyaan hordofaa turan Kooriyaan Kaabaa akkaataa Kooriyaa Kibbaa waliin tokkoomuu dandeessuun heera ishee fooyyessiti jedhanii eegaa turan.

Ammallee taatu xiinxaltoonni waa'ee biyyoonni lameen guutummaatti waraanatti galuu xiyyeeffannaan ilaaluu filataniiru.

''Haalli amma jiru garasitti geessa jedhee hin eegu,'' jedha Pirofeesar Kang Dong-wan.

Pirofeesar Dong-wan Yuniversitii Dong-a jedhamu kan Busan keessatti argamutti saayinsii siyaasaa fi dippiloomaasii barsiisa.

''Kooriyaan Kaabaa waraanshee jabeessuun humna biyya keessaaf fayyadamuurratti fuulleffatteetti,'' jedhe.